Friday, February 14, 2014

Seife Nebelbal Radio interview with Ato Dereje Teshager, Feb 14, 2014,

MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA : Kutaa Lammaffaa

Taammanaa Bitimaa irraa | Guraandhala 14, 2014
DURADUBBII
Jaalatamoo fi kabajamoo warra barreeffata kana duukaa-bu’aa jirtan, erga kutaa isa duraa sirriitti dhamdhammattanii kunoo kutaa inni lammaffaan isinii dhiyaatee jiraa, mee duukaa-bu’uuf yaalaa! Dabaleesoo, isa dabre keessaa kan mataduree “QAAMADUBBII” jedhu jalatti kaayame, buufata tokko callaatu isiniif dhiyaatee ture. Amma buufata sana keessaa, isaan hafantu dursee isiniif dhiyeeffama.
QAAMADUBBII
Buufanni boqonnaa ”QAAMADUBBII” kan isiniif dhiyaate waayee aadaa kadhannaa warra Amaaraa irratti ture. Kunis dubbii barachiisaan isaanii Masfin Walda-Maaram barreesse irratti kan hundeeffame ture. Mee amma waayee kanaa bakkuma dhaabanne sana irraa ka’uun itti haa fufnu! Kana irratti aadaa fi duudhaan warra Amaaraa inni barachiisaan isaanii: “beekumsa sonaan cimaa fi qaroomina akkaan sokke” godhee, nuuf addeessu kun aadaa fi duudhaa Oromoo wajjin dugdaa fi garaa dha. Homaayyuu walitti hin dhufan jechuu kiyya. Oromoo biratti kadhannaan salphina salphina caaluu fi gadaantummaa guddaa dha! Mee kana muuxannoo tokko irraa ka’uunan isinii ibsuuf yaala.
Gaaf tokko durbiin kiyya tokko Shaggar shaggaa biyyaa sanitti, otoo haasawaa jirruu waayee kadhannaa keessa waan galleef: “kadhannaan warra Amaaratii aadaa saaniti ” naan jedhe. Ani ennasuma aariin bobayeen akkuma warra Amaaraa san: “akaakii-zarraaf“, “na qabaa gadi-na dhiisaa” jechuutti ka’e. Dhugaa Rabbii, harka ayyaana Oromoo fi Oromiyaa ani hedduun aareyyu. “Akkamitti kadhannaan aadaa uummata Amaaraati jetta? Akkamitti kadhannaan aadaa uummata tokkoo tahe? Akkamitti ati akkanatti uummata Amaaraa kabajamaa kana arraabsita?”, faa jechuunan baay’ee koodee kiyya sanatti rom’e. Gichilichi Dandi Walisoo fi Abeebe Kuttaayee sun yaada sana irraayyi duubatti deebiyaa-ree? Sirumaa itti-cimsuun dubbii dhugaa fi dhugoo irratti hundaayeen na dura dhaabate. “Oromoonkoo fi Amaarrikee waan jedhee akka mammaaksaatti himu beektaa?”, naan jedheArgitanii ani isaan: “uummata Amaaraa hin arrabsin, oftuulummaa iliitotaa fi gita-bittee isaanii harkiftee Biyya Oromoottis, nuttis hin fidin“, waanan jedheef “Amaarakee“, jechuun uummata Amaaraa akkuma jirutti na dhuunfachiise. Booda ani qabbanaayeen itti-qoosaa: “mee Oromoon-kee kana irratti, Amaarri kiyyammoo kana irratti maal faa dubbatan?” isaan jedhe. “Amaarri harka namaa ilaaluurra kadhaddheen nyaaddha jedha! Oromoonimmoo kadhaddhee nyaachuurra firakoo bira deemuu naa wayya jedha!”, jechuun barumsa lafee irratti malee, lafa irratti hin buune na unachiise. Ilaa, barachiisaan Amaaraa sunis yaaduma kana cimsee nutti hima.
Amma barri isaa bara sanaa mitii, ammoo lafti isaa lafuma sana. Ee, Shaggaruma keenya sanatti. Ani bara dheeraa Biyya Faranjii (Oroppaa) jiraaddheen geeddaramni sun taanan bara 1992 keessa biyya koo, kanan  lubbuu too caalcisee jaaladdhu sanatti deebiye. Oggaa sana dabbasaa mataa hin murannuu, akka ammas mataan nu molaayee bedee, eelee bunaa cululuqxuu sana hin fakkaannee, ofumaan ofiif waada galeen: “rifeensi mataa kiyyaa, biyya kiyyatti malee hin muramuu, biyyee biyya abbaa kiyyaatu isa nyaata“, jedheen bara baay’ee, eeyyee waggaalee 20 ture. Amma Shaggar koo gallaan sirumaa warri keenya: “taagaayii warra Wayyaanee fakkaatta; barabaasoo itti-dabalannaan ati dhibbaa-dhibbatti isaanuma!”, naan jechuun qoosaa fi koflaan na jaanjessani. Amma kaachaa deemeen, namni hiriyaa kiyyaa tokko konkolaataa konkolaachisee, mana namoota Oromoo tokkotti na buusee :”isa taagaay jaraa hin seyinaa, namni keenya kun amma biyya alaatii dhufee sirriitti keessummeessaa! Sirriittis mataasaa maaxafiitii nuuf mimmiidhagsaa“, jedheenii sokke.
Duuba otoo isaan keessaa inni tokko rifeensa mataa kiyya sana akka nama xaafii Bachoo haamuutti hableen kashakkashuu, otoo isaan wal-harkaa fuudhanii qoosaa Oromoo fi qoosaa Shaggar, shaggaa sana na abbuuqqachiisaa jiranuu, jaartiin Oromoo takka uffata baadiyyaa isaa gaarii uffatte, tan naatoon ishii reeffayyuu naasifatu, dhaddhaabbata tokkoon dhaddhaabbachaa: “ijoolleetoo akkam nagumaa? Hundi keechan naa jirtuu? Yaa korommii-koo waan san mee naa jedhaa-kaa! Ani isin malee, maalan qabaree?”, jetteeni. Mana sana keessa namoonni hojjatan hunduu Oromoonni saddeet, waanuma harkaa qaban kennanii fi anis waa itti-idayeefi inni tokko geessee barruu harkashii keessa kaayefi. Ishiin hedduu nu eebbisaa deemte; haati ilmaa dhala dhabdee, biyya ofiis dhabdee harka namaa ilaalaa jirtu suni. Booda Oromoota sana keessaa inni mataa naa maaxaa jiru: “yaa Oromoo agartanii? Aayyoon teenya tun akka warra Amaaraa kadhaa hin beektuu, dhufteetuma “ijoolleetoo fidaa nuun jettii!”, jedhe. Inni tokko-mmoo dubbii sanatti dabaluun: “Oromoon keenya yoom kadhaa beeka? Maal tayeefimmoo kadhata? Maal godhuree amma dubbiin baddee, amma biyyi badee kunoo tokko tokko-saanii kadhaa calqabanii jiru. Garuu, afaan keenyas, aadaan keenyas kadhaaf hin ta’u. Beektuu Oromoonni tokko tokko gaafa kadhachuu calqaban dursaniitoo Afaan Amaaraa baratuu!”, nuun jedhe. Ani amma akka isa gaafa durbii kiyyaa sana isa kanaan: “ati Afaan Amaaraa afaan kadhannaati maaf jetta?”, jechuun itti hin kaane. Naman hin beeknewoo maal jedheen itti-ka’a-ree? Waan hundaafuu, amma baga kunoo barachiisaan Amaaraa sun waayee kadhannaa kana nu barachiise.
As irratti dubbii cimtuu takkan kaasuu fedha. Habashoonni humna qawwee ergisaa fi qawwee kadhannaatiin biyya abbaa keenyaa moyanii qabatan kun, wanneen danuu harkisanii nutti fidani. Yookaan wanneen danuutu isaan wajjin harkifamee biyya Gadaa seene. Kanneen keessaa dhibeen namaa-sa’aa kan yaadatamu. Kadhannaan faas kan isaan waliin nutti dhufe. Biyyi Oromoo durii biyya dammaa fi biyya aannanii, biyya midhaanii fi bunaa, biyya namaa-saani quufee jiraatu ture. Tahus, dabree dabree balaan garagaraa naannoo tokkotti bu’uun namni rakkachuun waanuma jiru. Rakkoolee akkanaa kanaaf garuu, Seerri Gadaa malaa fi fala qaba ture. Nama massaalee (sababoota) addaddaatiin rakkoon irra gaye, biyya keessaa lammii (qomoo) isaatu horii walitti-buusuun isa gargaara. Hammamii fi akkamitti akka tahu immoo qixxee (walgayii) lammiitu murteessa. Kun erga biyyi keenya badee, badee badullee akka happheetti dachee Oromootti maxxanee kan waa hafe, anumtuu gurbummaa kiyyaan argeen jira. Eekaa, kun Oromiyaa Waltajjiitti “Hirpha Lammii” jedhamaayyuu. Kun ammallee dachee Oromiyaa keessaa naannoo Oromoo Booranaa fi Gujiitti ni argama. Booranoonni keenya, angafoonni fi boonsisoon keenya kun hardhallee isaan dhimma bayaa “buusaa gonfaa“, jedhuuni. Raajii dha; Oromoo keenya inni durii, seera fi sirna Gadaa kan bantii dimokiraasii tahe sana keessatti isa akka “buusaa gonfaa” yaa’ii ofii irratti muree baasuun, warra Lixaa kana (Oroppaa fi Ameerikaa Kaabaa) durseeti jira. Isa isaan hardha “Social  Security Contributions” jechuun, mootummoonni isaanii nama dhabe seera baasee, seeraan gargaaru kana dursa jechaa dha, seerri Gadaa Oromoo! Duratti afaan qabamnee, hardhallee humna gayaa dhabneeti malee, nuti yoo olkaanee wanneen seena uummata rajeffatamaa kanaa keessatti argaman ifa goone, addunyaan ijaa fi gurra nutti cufatte tunillee waa nu dhageessi taha.
Mee ani amma akkuma Oromoon: “kan qabuufan dabala jettee, harreen lagatti fincoofte“, jedhu saniin anis warra Habashoota Amaaraa “keenya” kanaaf waa itti-ida’a. Isaanitti geebni addunyaa inni Barachiis Masfiin Walda-Maaram karaa kadhannaa irratti kenneef kun waan itti-xiqqaateef kan biraan itti-dabalaaf-kaa! Habashoonni Amaaraa karaa oftuulummaa fi karaasanyummaa-tiin geeba addunyaa badhaafamuu qabu. Namni akka isaanitti of-tuulu, of-guuru, of-tuulee of-tuulee samiidhaan of-gayu kan akka isaanii yoo jiraate, addunyaa tana keessa takkaataa (“rare“) dha. “Maali kanneen akkanaa guutaniwoo, eeenyu faa, eenyuu eenyu faa” naan jechuu dandeessu. Ilaamee , dubbiin dhiyoo kana: “Oromticha Biyya Jarmanii jiraatu tokkotu jedhe“-en, himamu tokkon isiniif qooda. Oromticha tokkotu guyyuu: “Jarmanoonni nu tuffatu” jechuu daran heddummeessa. Booda Oromtichi tokko kan biraa, kan isaa yeroo baay’ee nyakkisuu isaa kana qalbeeffate, gaaf tokko duubiin tun morma isa geenyaan: “abboo amma kana nurraa dhiisi! Guyyuu kanamu jettaa! Habashoonni Amaaraa-yyuu kan hamma Oromoo nyaatanii-dhuganii hin bulle, kan hamma Oromoo uffatallee hin qabne, kan hamma Oromoollee dallaani fi godoon isaanillee sirriitti hin ijaaramne, kan hamma Oromoollee keessi manneen isaanii fi alli mooraa isaanii qulqullina hin qabne, kan akka Oromoo hojii hin jaalanne“, si tuffatuu mitii? Maarree, kan isaan siyii gaditti argaman kun akkanatti si tuffatan, yoo Jarmanoonni saayinsii fi teeknolojiin samii qaqqaban kun si tuffatan kan akkana si bobeessu, kan akkana gayyaa gayyaan si rom’isiisu?”, jedheeni.
Mee yaa Waaq beekumsii fi beekaan goluma golaan jira-kaa! Oromtichi keenya inni akkanatti warra Amaaraa fi Jarmanoota Oroppaa walbira qabuun nuuf ibse kun, kan Amaartota “keenya” akka daawwitiitti nu fuuldura qabeetoo nutti agarsiise kun, of-tuulummaa Jarmanootaa gadi-xiqqeessuu isaa miti. Ani ammallee obboleessi keenya kun eenyu akka tahe hin beeku. Haatahu malee, yaadaan walbeekuu keenyatu muldhata. Inni yaada Amaartota “keenya” geeba addunyaa badhaasuu kana irratti na dursee jira jechaa dha. Nuti Oromoota waan taaneef: “Amaara jibbitan”, “maaloo maaloo jibbitan” nuun jechuutu dhufa tahaa, mee amma waayee kanaa irrattan namoota biyyoota alaa keessaa nama tokko callaa kaasee dabra. Tokkichuu ni gayaa jedheeni malee, namoota Oroppaa fi Ameerikaa waayee kanaa irratti warra Amaaraa akkuma kiyya geeba addunyaa badhaasuuf, tarree galaanii ijaajjan shantamii-shan tarreessuun ni dandayama. Waan hundaafuu, warri feetan mee barroo barreessaa biyya USA-a kan: “ G. Lipsky“, dubbisaa!* Kana irratti wanni “jibba Amaaratiifi” jedhamu wayii ka’uu hin qabu. Nama uummata Amaaraas, uummata biraas jibbu Waaqniyyuu isa jibba. Maali Masfiin Walda-Maaram, kan isaaniif karaa kadhannaatiin geeba addunyaa kenneef Amaara jibbeetii? Uummata ofii sana jibbeetii miti!
As irratti waan qalbeeffatumuu qabu tokkotu jira. Habashoonni Amaaraa oftuulummaa duwwaa miti kan qabani. Gadaantummaas ni qabu. “Akkamitti wanneen walfaallessan kana lamaan qabu nuun jetta?“, jechuun gaafii dhiyeessu dandeessu. Wanneen walfaallessoon lamaan: oftuulummaa fi gadaantummaa n kun waan walitti isaan fiduu fi hidhu wayiiti qabu. Lameen kun karaa daayilektika-atiin walitti-dhuffeenya qabu. Daangaa isaan jidduu dhaabate sana, gaafa fedhan irra tarkaanfachuu waan dandayaniif, funyoo daayilektika raagdotaatiin (falaasamootatiin) walitti-gudunfamu. Warri Amaaraa olaantummaa akka qaban waan hunduu beekuuf, isa ibsuufillee rakkisaa miti. Gadaantummaa isaanii ibsuutu irra nama rakkisa. Mee kana fakkeenyota lamaan tokko dhiyeessuunan gabaabutti ibsuuf carraaqa.
Bara warri Xaaliyaanii biyya keenya qabatan irraa kaasee barreessitoonni Oroppaa fi Ameerikaa, isaan waayee naannoo Gaafa Afrikaa irratti qorannoo garagaraa adeemsisan, uummanni Oromoo impaayerittii keessatti wayyaba (“majority“) tahuu isaa ibsaa deemani. Kunis qorannoo lakkoofsa uummataa kan malawwan saayinsii irratti hundeeffameen, Xaaliyaanonni lakkoofsa uummatootaa sirriitti lafa-kaayanii turani. Hamma hardhaattillee mootummaan Habashaa dhufee dabre, kamuu akka warra Xaaliyaanii saayinsii irratti hundeeffamuun lakkoofsa uummatoota impaayerittii lafa hin keenye. Uummanni Oromoo lakkoofsaan isaan caaluun kun qorqalbii hamaa keessa waan isaan galcheef, lakkoofsa uummata Amaaraa abjuudhaan heddummeessaa, kan Oromoo immoo dabaa fi sobaan gaxxiqqeessaa jiru. Amma keessa kutaniiyyuu Oromoon dhibbantaa 35; Amaarri immoo dhibbantaa 32 nuun jechuun sobaa gabaa keessaa nutti hafarsaa jiru. Kun muummiyyeewwan (iliitota) isaanii callaa kan ilaalu otoo hin taane, kan mootummoonni isaaniis akka imaammataatti fudhatani. Asi irrattan fakkeenya gabaabaa fi qabatamaa tokkon isiniif dhiyeessaa mee na hoofkalchaa!
Ani bara 1994 irraa kaasee hamma bara 2000-tti karaa mabban (unbarsiitiin) keessa jiruu qorannoo: aadaa, seenaa fi afaan Oromoo irratti adeemsisaa waan turreef, wagguma waggaanan gara Oromiyaatti deddeebiyaa ture. Oggaan dhaqes gara baatiiwwan sadii faa waanan achi turuuf, dachee Oromoon “nan qaba” nuun jedhu cufan waliingayaa ture.Gaazexaan “Addis Zaman” jedhamu kan duris, oggaa sanis, hardhas kan mootummaa Habashaa tahe, lakkoofsa uummata dira Shaggar keessa jiraatuu kenne. Akka gaazexaa kanaatti uummanni Finfinnee Shaggar: dhibbantaan 19 Guraagee, dhibbantaan 18 Amaaraa yoo tahu dhibbantaan 17 immoo Oromoo dha. Argitanii! Uummatoonni kun sadeen akka waa tokkollee karaa kanaan walirraa hin fagaanneef, waadaa waliif galanii, Macaafa Qulqulluu fi Quraana Qulqulluun waliif kakatanii tokko-lamaan qofa wal-caalani! Haatahu malee, raajiin lakkoofsa kanaa as irratti dhaabatee hin hafne. Waggaa lama booda akka tasaa gaazexaa-dhuma sana yommuun dubbisuun, ammas lakkoofsa jiraattota dira Shaggar arguu dandaye. Ammammoo dhibbantaan 19 Guraagee yoo tahu, dhibbantaan 17 immoo Oromoo dha. Garuu, dhibbantaan 48 Amaara. Kun raajii kan hin taane maaltu taharee? Warri Amaaraa waggaa lama keessatti wal-horanii, lafa gootuun dhibbantaa 18 irraa dhibbantaa 48 dhaqqabani. Korupphee, booyyee fi hantuunni faanillee akkanatti waggaa lama keessatti wal-horuuree? Qorqalbii badaa; gadaantummaa hamaa! Iliitonniii fi miseensonni gita-bittee Amaaraa “gaallota” isaanii karaa maraan irra caaluun, akka waan isaan irraa eegamuutti lafa kaawwatani.
Fakkeenyin akka isa lammaffaatti isiniiif dhiyeessu immoo kan hundi keessan beektani. Ammoo, kan gariin keessan itti-yaaduun galmee sammuu keessanii keessa hin galfanne taha. Oromoonni biyyambaa (“diaspora“) hedduun keessan lammiiwwan Amaaraa kanneen naannolee keessan jiraatan isinitti qabuun hin oolu. Mee itti-yaadaa gaafa isin: “eessaayyi dhufte?” yookaan “eessatti dhalatte?“, jettaniin maal isiniif deebisu? Dhibba keessaa harki saddeettamni yookaan sanaa ol: “Shaggar irraayyi-kaa!” yookaan “Shaggaritti-kaa!“, jedhaniiti isinii deebisu. Shaggar magaalaa sadarkaa biyyalafaatti lakkaawamu waan taheef, nama magaalaa tahuuf, akka isaan itti-boonanitti araadoyyee tahuuf, bakka itti-dhalatan akka wanna xuraawaa wayitti achi darbachuun Finfinnee Shaggar himatu. Namni waan kana jala deemetoo qorate, Amaartonni biyyambaa jiraatan marti “Shaggaritti dhalachuu isaanii” bira gaya. Kunis gadaantummaa isa qullaa ofii gabaa keessa biddiiqu! Walbira qabuuf, yoo feetan Oromoonni eessayyuu haa dhufanii bakkuma irraa dhufan sanaa fi bakka itti-dhalatan sana itti-boonuun himatu. Takka takka oggaa isaan ganda irraa dhufan, yookaan magaalaattii bicuu wayii kan irraa dhufan san himatan, ani: “magaalaan beekaman bakka sanatti dhiyaatu maal jedhama?“, jechuunan bakka sana beekuuf dhama’a! Isaan ennasuma: “Gorii dha, Muggii dha, Boojjii Coqorsaa-ti; Yaayyoo dha, Buree dha, Aalle; Shabbee dha, Geeraa dha, Saqaa Coqorsaa-ti ; Ijaajjii dha, Shoboka, Baantuu Liibani; Gooroo Walisoo-ti, Harbuu Culullee-ti, Asgorii Bachoo-ti; Garba Gurraacha, Muka Xurii-ti, Tulluu Milkii-ti; Wanjii Gafarsaa-ti, Adaamii Tulluu-ti, Aduu Laalaa-ti; Daaroo Labuu-ti, Ejersa Gooroo-ti, Funyaan Biraa-ti; Kofale, Asaasa, Abbomsaa dha; Diinsho, Agarfa, Nageellee Meexamaa-ti; Shaakkiso, Meegga, Meettaa Gafarsaa-ti — faa jechuun dhugaa fi dhugoo jiru kana lafa kaayu.
Ani amma waraqaa kana keessatti waayee oftuulummaa, gadaantuummaa fiolaantummaa warra Amaaraa kana sababa malee, hin kaafne. Kunoo Minilikoonni bardhibbee 21-ffaa nuti Oromoonni farfannoo fi leellifannoo Minilik faashistichaa fudhachuu dinnaan, humnaa fi arraba qaban maraan nutti duulaa jiru. “Nuti dursinee Oromoota; kaleessas Oromoota; hardhas Oromoota; borus Oromoota! Jiraan keenyas Oromoota; du’aan keenyas Oromoota!”, waan jennee fi :”biyyi keenya impaayarittii isaanii, Toopphiyaa humna qawweetiin nutti fe’amte tana otoo hin taane, Oromiyaa dha!”, waan sagalee tokkoon jenneef, Minilik isaanis nuuf “goota fi jagna” otoo hin taane, “lafarraa duguugaa, harkaa fi harma muraa uummata keenyaati” waan jenneef, waraana xuraawaa fi cubbamaa isaanii “waaraana qulqulluu“, jechuun nutti labsanii jiru. Kana fudhachuu diduun keenya, biyya haadhaa-abbaa keenyaa, Oromiyaa bilisoomsuu fi walaboomsuuf qabsaawuu keenya kana: “Oromoonni gadaantummaa-dhaan faalamanii jiru“, nuun jedhu. Kanaaf, enyu akka dhibee hamaa oftuulummaaolaantummaa  fi gadaantuummaa jedhamu kanaan akka ofumaan of-faale itti-himuun dirqii nutti tahe.
Kutaan kun akka dheeratee isin hin nuffisiifneef, dabrees akka yeroo keessan isin jalaa hin balleessineef, as irratti dhaabataa hanga kutaa isa sadaffaa irratti walitti deebinutti mee nagaan naa bubbulaa!<
*  G. Lipsky: Ethiopia -  Its People, Its Society, Its Culture; New Haven, 1962 
** 

Finfinnee bal’isuu, Oromiyaa jigsuu, Oromuummaa balleessu

By Hawi Chala | February 14, 2014
Hawi ChalaMagaalaan Finfinnee namicha harkaa fi harma muruun bekkamu, Minilik 2ffaan erga hundoofte kunoo har`a waggaa 128 ta`ee jira. Yeroo sanaa kaasee hamma ammaatti Finfinneen teessoo mootummoota abbaa irree(dictator) biyya Itiyoophiyaa bulchaa turanii fi bulchaa jiran ta`un tajaajilaa jirti. Ummanni haandhuraa fi naannawaa Finfinnee jiraachaa ture ummata Oromooti. Hundeffama magaalaa gudditti biyya Itiyoophiyaatti aansuun rakkinni fi gadadoon saba guddaa kana irratti gahee fi ammas gahaa jiru baayyee sukkaneessaa dha.
Namichi Miniliik II jedhamu teessoo isaa erga Finfinnee godhate booda hojiin inni raawwate saboota(lammiwwan) isaa kaabaa Itiyoophiyyaati gara giddu-gala biyyatitti godaansisuu ture. Godaansa kanaan ummanni saba Seemii lakkoofsaan hedduu ta`an Finfinnee fi naannawaa ishii qubatan. Saboonni biroos sababa daldalaa fi haala jireenya mijaawaa barbaaduuf jecha gara Finfinnetti akka malee godaananiru. Yeroo kanaa kaaseeti baayyinni ummata Oromoo Finfinnee fi naannawaa ishii jiraatu haala nama ajaa`ibuun lakkoofsi isaa gadi bu`aa kan dhufe.
Ragaan waggoota muraasa dura Waajjira giddu-gala staatistikii Itiyoophiyaa(Central statistic agency of Ethiopia) maxxanfame akka agarsisuutti baayyinni ummata Oromoo magaalaa Finfinnee keessa jiraatu 19.51% qofa dha. Parsantiin saddeetamaa (80%) sabni Finfinnee keessa jiraatu kan Oromoo hin taane dha. Ragaa kana irraa hubachuun akka danda`amutti sabni Oromoo akkaataa nama gaddisisuun biyya abbaa isaa kan haandhurri isaa itti awwaalame irraa dhabamsiifamaa akka jiru dha.
Yeroo waa`ee Finfinnee yaadu gaaffiin yeroo baayyee sammuu koo keessa deddebi`u tokkootu jira.Ummanni Oromoo Finfinnee keessa jiraachaa ture parsantii guddaan yeroo ammaa kana hin jiru.
Ummanni kun eessa jira amma? ykn eessa deeme?
Karaa mataa kotiin deebiwwan lama gaaffii kanaaf ta`uu danda`u jedhu akka armaan gaditti dhiheessa.
  1. Mootummoota abbaa irree biyyatti yeroo gara garaa bulchaa turaniin ykn bulchaa jiraniin dirqisifame naannoo isaa gadhise akka godaanu taasifameera. (displacement)
  2. Dhibbaa (pressure) ummanni Habashaa karaa aadaa,afaanii fi amantiitin ummata Oromoo irratti godhaniin ummanni Oromoo eenyummaa isaa akka dhabu godhameera.(Identity loss).
Shirri kun hundi saba Oromoo irratti raawwatameera;raawwatamaas jira.  Ji`a muraasa dura mootummaa cunqursaa Wayyaaneetiin dizaayiniin magaala Finfinnee babal`isuuf dhiyaate fi booda akka hojiirra olu ragaasifame kan baayyee nama riifachisu fi cittoo irratti fanxoo kan nama jechisisu dha.  Jaarraa (bar-dhibbee) 21ffaa kana keessa ummanni addunyaa qaroomiina irraan kan ka`e ummatoota jalqaba biyya tokko keessa jiraachaa turaniif (Indigenous people) kunuunsa gochaa jiru,akkasuumas madaalli naannoo(ecology) tursisuuf kunuunsaa fi eguumsa adda ta`e biqiltootaa fi bineensotaaf gochaa jiru. Karaa faallaa (fuggisoo) ta`en mootummaan Wayyaanee shirri inni kanaan dura ummata Oromoo naannoo Finfinnee jiraatu irratti raawwate gaha otoo hin jedhiin maastar pilaanii(master plan) haaraa qopheessuun aadaa, afaanii fi eenyummaa Oromoo  akkasuumas bosonaa fi qabeenya uumamaa Oromoon qabu caalatti dhabamsiisuuf bifa haaraatin duula cimaa gaggeessuuf qophaahaa jira.
Akkaataa diizaayinii haaraa hojii irra oluuf qophaahaa jiru kanaan magaalonni fi aanoonni Finfinnee irraa fageenya kiloomeetira 100 irratti argaman hundi magaalaa Finfinnee jala galu. Mastar pilaanii(Maser Plan) kun dhugumatti hojii irra ola taanaan yeroo kamiyyuu caala ummanni Oromoo rorroo fi gidiraa daangaa hin qabneef saaxilama. Rakkoowwan ijoo(main) mastar pilaaniin kun ummata keenyatti fiduu danda`an akka armaan gaditti ibsuu yaala.
1. Hiyyuummaa babal`isa 
Kana jechuun sababa investimantii fi babal`ina magaalaatiin ummanni Oromoo lafa qonnaa isaa ni dhaba. Gali guddaan qote bulaan Oromoo qabu oomisha lafa qonnaa isaa irraa argatu dha. Lafa qonnaa isaa dhabe taanaan oomisha oomishuu hin danda`u. Sababa kanaan kan ka`e galii argachuuf jecha invastimantii lafa qonnaa isaa irratti hundeffameen waardiyyaa ta`uuf dirqama. Dabalataaniis hojii humnaa (labour) garaagaraa barbaachuuf gara magaalaatti godaanuun jireenya gadadoo fi hiyyuumaan guuttame jiraachuuf saaxilama.
2. Diigamuu maatiif sababa ta`a
Kana jechuun immoo qotee bulaan tokko lafa qonnaa isaa erga dhabee galii adda ta`e tokko waan hin qabneef jireenya isaa mo`achuuf jecha qe`ee isaa gadhisee godaanuuf dirqama. Maatiin isaas bifa walfakkaatuun sababa jireenyaatiif jecha faffaca`uun waan nama wal gaafachisu miti.
3. Barattoota fi hojjattoota Oromoo irratti dhibbaa xin-sammuu (Pyschological impacts) hagana hin jedhamne fida.
Afaan barattoonni Oromoo nannawaa Finfinnee jiran mana baruumsaatti ittiin baratani fi waajjiraaleen mootummaa kan dhimma itti bahaan Afaan Oromoo (Oromiffa) dha. Finfinneen haala amma deemaa jiruu kanaan ni bal`atti yoo ta`e aadaa fi afaan saba biraatu wajjiin guddachaa adeema. Manneen barnootaa fi waajjiraaleen naannoo Oromiyaa keessa turan hundi tajaajila kan kennan afaan hojii mootummaa feederaalaa,afaan Amaariffaatin ta`a.  Kun immoo barattoota keenyaaf gufuu guddaa ta`uun baruumsa isaanii irratti dhibbaa cimaa ta`e fida.  Afaan alagaatiin baruumsa barachuun barattoota Oromoo irratti rakkina xin-sammuu daangaa hin qabne fida. Haaluma wal fakkaatuun hojjattonni waajjiroolee garaagaraa keessa Afaan Oromootiin tajaajila kennaa turan diigamuu bakka hojii isaanii irraan ka`e hojii kan biraa barbaaduuf saaxilamu. Hojiin biraa argamuu danda`uus afaan alagaatiin ta`a.  Kuniis miidhaa mataa isaa danda`e qaba.
4. Eenyummaa Oromoo balaa irra buusa
Akkuma armaan dura ibsuu yaaleetti Oromoon Finfinnee keessa jiraatu sababa adda addaatiin eenyummaa isaa akka dhabe dha. Sababa guddina magaalaatiini fi shiira adda ta`e mootummaa wayyaanee qopheessee kanaan dizaayiniin magaalaa Finfinnee bal`isuun hojii irra ola taanaan eenyummaan Oromoo yeroo kam iyyuu caala balaa irra bu`a.  Aadaan,afaan,amantiin fi eenyummaan saba habashaa dagaagaa yeroo adeemu kan Oromoo immoo laafuu fi dhabamuuta`a.
Shiira mootummaa Wayyaaneetiin ademaa jiru kana ykn maastar pilaanii magaalaa Finfinnee haaraa kana akkamitti dura dhaabachuun danda`ama?
Ummanni Oromoo maal gochuu qaba?
Ummanni Oromoo yeroo kam iyyuu caala tokkummaa isaa jabessee wal faana dhaabachuu kan qabu yeroo ammaa kana. Tokkummaan sabni keenya shiira nurratti deemaa jiru ittisuuf agarsiise ibsuuf seenaa yeroo dhihoo «Boycott Bedele» yaadachuun gahaa dha. Tokkummaan humna. Yoo walii galan; alaa galan akkuma jedhamu garaagarummaa qabnu akkuma jirutti waliif dhiisnee dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti harka wal qabannee wal faana dhaabachuun dirqama lammii keenya hundaati. Tokkummaan yoo kaane sagalee keenya sadarkaa addunyaatti dhageessisuu dandeenya. Yoo nuti tokkoomne dha, gurra hawaasa adduunyaa argachuu kan dandeenyu. Kanaafuu sabni Oromoo kan biyya keessaa fi biyya hambaa jiru gurmuun wal jabeessee shiira mootummaan Wayyaannee ummata Oromoo lafa irraa dhabamsisuuf gochaa jirtu kana dura dhaabbachuu qaba jedha. Jirbiin wal gargaartee arba hiti (Mixiin wal-qabattee laga ceeti)jedhama mitiree;tokko taane haa falmannu.
Injiffannoon saba cunqursaa jala jiruuf haa ta`u!!!

Wednesday, February 12, 2014

Mul’ata Karaatti Hafe! (Seenaa Gooticha Oromoo Baaroo Tumsaa)

Posted: Guraandhala/February 11, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (1)
Beekan Guluma Erena irraa*
Obbo Baaroo Tumsaa (Bara 1976)
Obbo Baaroo Tumsaa (Bara 1976)
Jaarraan amma keessa jirru jaarraa qalama malee seenaa dhiigaan itti barreessanidha. Sababnisaas seenaan dhiigaan barreeffame ija waan godhatuufi. Arrabni qoraattiifi sammuu joonja’aan jaarraa 21ffaa keessatti bakka hinqaban. Sababnisaas dubbii hadhaayaa afaanii waan nama baasaniif. Warreen abashaa impaayera nuti jiraannu keessatti jaarraa tokkoo oliif seenaa Kuushiin akka hinjirre godhanii balleessuudhaan madaa hinfayyine nurratti uumaniiru.
Seenaa isaanii malee kan warra seenaan isaanii Seemeetik hinta’iinii hedduu burjaajessaniiru. Keessumaayyuu Oromoo jiraataa biyya Itiyoophiyaa ta’uusaa utma beekanii, alaa galee, amantiifi biyya hinqabu jedhanii eenyummaa isaatti akkanni qaanawu taasisaa turaniiru. Har’as taanaan ilmaansaanii jijjiirama sammuu fiduu dadhabuudhaan dhimmi Itiyoophiyaa isaan malee Oromoo akka hinilaallanne godhanii qaanii tokko malee odeessu. Seenaan Itiyoophiyaa seenaa Kuushiifi seenaa Oromoo akka ta’etti tasa hin amanan.
Seenaan Nafxanyootaa bara Minilikii, bara Hayilesillaaseefi Dargii guyyaa guyyaaatti rakkina uumaa jiru; nutu caalaa Nafxanyootaati malee maalummaafi seenaa Oromoo wajjin waan wal qabate miti. Har’as taanaan hololli nutu caalaa yookiin Nafxanyoonni kun egaa har’a kan isaan barbaadan Itiyoophiyaa barbaadan dhaabbachuudha. Jarreen kun egaa Oromoos ta’e uummata kibbaa qabeenya isaanii malee isaaniin hinbarbaadan. Shirri Nafxanyootaa kana qooqa ittiin ibsinutu nurakkisa. Yeroo Oromoon cunqursamee lafti isaa irraa fudhatamee aadaansaa wanjoo jala gale, akkasumas seenaa sobaa irratti fe’ame jalaa bilisa ba’uuf ofiikootiinan ofbulcha jedhee yeroonni ka’u, ‘Gaallaan maalta’eetu’ jedhanii arrabsoon mogolee isa buusu.
Biyya bulchuun nuuf kenname isinimmoo nujalatti bitamuudha; carraan keessani jechuun Waaqa wajjin walloluudha jechuun akka waan Oromoon Waaqa malee uumameetti soba guyyaa saafaa amantii isaaniin da’ate sanaan sammuu nu hadoochaa turaniiru. Itiyoopiyaan qomoo kanaan haabitamtuun seera Waaqarraa dhufe utuu ta’ee nutis warri lafattiirra jiraannu beekuu qabna turre. Kanaafuu jarreen warra nutu caalaa kanaaf goonkumaa hinmijatu. Ummanni bittaa kana jala jiru cunqursamuusaa akkanni hin hubanne gochuudhaan biyya, aadaafi afaan boonsaa utuu qabuu mataa buusee jiraachuusaa ilaalee dhalooti hincallisne hindhibamu. Ammas ta’e durattis qabsoo eenyummaa Oromootiif goototni qabsaa’an lakkoofsi bira hinga’u.
Haaluma wal fakkaatuun uummata Oromoofi sab lammoota Itiyoophiyaa keessa jiraatan irra cunqursaa qaqqabu ilaaluu jibbuudhaan bittootaafi miiltoosaanii wajjin wal falmuudhaan saba isaaniif jedhanii kan wareegaman hedduudha. Barreefamni kun seenaa nama uummatasaa cunqursaafi bittaa jalaa baasuuf dhimmaa ture garuu waa’een isaa hedduu hindhagayamin irratti xiyyeefata. Namni kunis Baaaroo Tumsaa jedhamuun beekama. Innis seenaasaafi seenaa uummata balla’aa Oromoo dhiiga isaatiin katabee darbe. Baaroo Tumsaa bara 1942 lixa Oromiyaa godina Wallaga lixaa naannoo Gimbii ganda Karkarroo jedhamtu keessatti abbaasaa Obbo Tumsaa silgaafi harmeesaa Aadde Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate.
Abbaan isaafi harmeen isaa walitti aansuun du’aan irraa adda baanaan Baaroon obboloota isaa lamaan Raaheelfi Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe. Yeroo sanatti obboleessi isaa Obbo Guddinaa Tumsaa hojiidhaan magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa waan turaniif, qophummaa obboleessa isaanii jibbuudhaan dhaqanii bakka jiraatan magaalaa Naqamteetti gatiittiitti baatanii isa fidan. Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaafi 2ffaa achuma magaalaa Naqamteetti erga xumuree booda, barumsasaa sadarkaa olaanaammoo Kolleejjii Waldaa Makaane Yesuus Bishooftuutti argamurraa xumure.
Itti aansuudhaan Yuunivarsiitii Haayile Sillaasee 1ffaa jedhamuun beekamurraa barnoota Faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti fuufuudhaan utuu hinturiin Yunivarsiitichumarraa seeraan digiriisaa jaaalqabaa fudhate. Baaroon egaa turtiisaa Yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota kutannoodhaan saba isaaniif qabsaa’aa turanis sadarkaa garaagaraatti ijaaraa ture.  Ijoolleen Oromoo muummee barnoota addaa addaarrtti ramadamtee akka biyyaasheef hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965 Waldaa Yunivarsiitii Kolleejjii Finfinnee irratti pireezedaantii ta’uudhaan hojjete. Bara 1966 immoo Waldaa Waliigaltee Yunivarsiitii Finfinneerratti barreessaa ta’uudhan hojetaa ture.
Baroota kana keessatti baay’inni barattoota Oromoo Yuunivarsiitii keessatti haaxiqatu iyyuu malee, arruma jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Wal’aansoon barattoota Yunivarsiitiin jalqabame kun utuu hinturiin ifatti ba’uudhaan namoota hedduu sochooseera. Sochiin kunis kana qofaaf utuu hintaane, uummanni Oromoo akka inni mirgasaaf falmatuuf karaa baaseera. Baaroon itti fufuudhaan namoota paarlaamaa keessa hojjetanii wajjin wal argee mariyachuun warra akka Maammoo Mazammirfaa wajjin ta’uun Waldaa Walgargaarsa Maccaafi Tuulamaa keessatti mormii fiyuudalizimii baadiyyaa keessattis baballisuun sochii mormii bara 1966 keessa turerratti haala mijeessuun shoora olaanaa taphatera.
Finfinneefi magaalota kanbiroo keessatti yaada ‘Lafti Qoteebulaaf’ jedhu irratti dargaggoota hedduu gurmeessuudhaan bittaan warra Nafxanyootaa akka gabaabbatu taasisuuratti gumaacha guddaa taasiseera. Wallaansoon bara 1966 ka’e kun duula guddina waliin jedhu uumee keessumaayyuu naannoo Oromiyaa keessatti fudhatama argateera. Fudhatama argachuusaatiif sababnisaa Baaroo Tumsaa ture. Goota humna dargaggootaa ijaaruun sirna Nafxanyootaa barbadeessuuf kutatee ka’e.
Jijjiiramni inni fides Oromoo qofaaf utuu hinta’iin, bittaa warra abbaa lafaa jala turan hundaaf akka ta’e seenaan ni dhugoomsa. Baaroon bara 1966 barnootasaa erga xumuree booda biiroo eegumsa fayyaatti miindefamee hojjechuu jalqabe. Waajjira kana keessa amma turetti loogii bara dheeraaf  ana hojii sana keessaa ture qorachuudhaan qajeelfama ture sana jijjiiree namoota hedduudhaaf bu’aa ta’eera. Sobdootaafi warreen malaamaltummaadhaan jiraatanis qaanessaa tureera.
Haalli Baaroofi garee hojjetootaa kanaa namootni itti hintolin Baaroo hojiirraa ariyaniiru. Miindaasaarra ariyatamuun cinatti akka shororkeessituu addaatti fudhatamee tureera.  Haata’u malee dabni irratti raawwate kun Baaroon wallaansoosaatti akkanni cimu isa taasise malee dugda duubatti isa hindeebifne. Yeroo mara mootummaan bara sanaa Oromoorrti miidhaa dhoksaa waan taasisuuf, akka sabni Oromoo walitti dhufanii mariyatan waan hinbarbadneef Waldaan Maccaafi Tuulamaa akka cufamu taasisaniiru. Kun kan isa gaddisiise Baaroon ummanni Oromoo bakka maree akka hindhabneef ‘Waldaa Dhaaba Dhidheessaa’ jedhu uume. Mul’anni Baaroo keessaa finiinaa ture sun boqonnaa waan isaaf hinlaanneefiif yoo isaan karaa tokko cufan inni ammoo karaa biraan mala dhaha malee sodaachisiifamuu abashaa kanaaf goota hinjilbeenfanne ture.  Faayidaalee yeroo qabsoo bilisummaa Oromoof jedhee dhabes homaa tokkottuu hinlakkoofne.
Baaroo Tumsaa sochii hedduu taasise cinatti bara 1964 Aadde Warqinash Bultoo wajjin bultii  ijaarrate. Aadde Warqinash Bultii biyya Eertiraa keessatti dirqama loltummaarra utuu jiranii bara 1982 loltoota amanamoo Mangistuu Haayilemaariyaamiin ajjeefamani. Aadde Warqinash Bultoo obboleettii Jeneraal Demisee Bultoo yommuu ta’an, abbaan isaanii Obbo Bultoo Ejersaammoo Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti miseensa turani. Cidhi Baaroo Tumsaa Oromoota sadarkaa hojii adda addaarra bakka adda addaarra jiran hundaa biratti haala ho’aadhaan waan kabajameef diina biratti akka sochii siyaasaatti fudhatamee isaan sodaachisaa ture. Dargaggeessi lammiisaatiif akka guddaatti inaaffaa garbummaa hunkuteessuuf qabatee ka’e kun tarkaanfii diinaa kan itti caalchisaa deemeefi akka malee sodaachisee gara isa dhabamsiisuuf ka’ame sochii bara 1966 ka’e akkanni karaattti hafuuf gumaacha taasisera. Amma ammaatti saba Oromoo hedduu biratti akka gaariitti kan dubbifamuufi jaallatamu (The Oromo Voice Against Tyranny Document 1971) kan jedhu garee hojjetootasaa wajjin namoota hedduu bira akka ga’u taasiseera.
Barreeffamni kun gara afaan Amaaraattillee hiikamee dubbifamaa ture. Kan inni barruu kana raabsaa tureefimmoo waan Waldaan Maccaafi Tuulamaa cufameef Oromoota jajjabeessuuf qofaa utuu hintaane, baroota dheeraadhaaf cunqursaafi dabaa saba Oromoorra ga’aa ture barruun kun ofkeessatti waan qabattee jirtuufidha. Dararfamaafi cunqursaa tureef jiru saba  Oromoo ittiin bariisuuf jedheetu. Baaroon bara 1972 tti Afaan Oromoo akka qubee laatiiniin barreeffamuuf Hayilee Fidaa wajjin qo’atee yeroodhaaf gaazeexaan ‘Bariisaa’ jedhamu qubee saabaatiin akka maxxanfamu taasisaniiru. Garuu utuu hinturiin mootummaan dargii itti inaafuudhaan fuudhee ministeera beeksisaa jala galche.
Har’a gaazeexaan Bariisaa faayidaa siyaasaatiif jedhamee kan qophaawu malee faayidaa eenyummaa saba Oromootiif jedhee miti. Baay’inaan waa’ee eenyummaa Oromoo irrattis kan hojjetaa jiru miti.  Maqaa kana qabatee gaazexaan bahaa jiru garuu ammayyuu biyya Oromiyaa keessa jira. Qubee Afaan Oromoo har’a sabni Oromoo itti fayyadamu Baaroo Tumsaafi Hayilee Fidaafaatu bara lubbuun jiran qopheessani. Bara 1973 qabsoon Oromoo akka inni sadarkaa olaanaarra ga’uuf kaayyoo balla’aa baasuudhaan wiirtuu Qaama Qindoominaa yookaan  ‘Central Coordinating Body’ dhaaba jedhu hundeesseera. Kunis immoo turee dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo jedhutti jijjiirameera.
Bara 1974 daba mootummaan Hayile Sillaaseefi jaleensaa uummaatarratti geessisaa turan qaamni qoratu hundaa’e.  Kana keessattis Baaroon miseensa ta’ee akka hojjetu erga taasifameen booda namoota Oromoo hinta’iniin rakkoo keessa galafamuuf tureera. Garuu rakkoo isaan Baaroorratti qopheessan kana namoota miseensa Dargii turaniin karaatti hafeera. Baaroon dhaabbata siyaasaa bara sana keessatti hundeeffaman hunda dhiisee saba bara mootummaa Haayile Sillaasee cunqrsaan irra ga’aa ture hundaa kan ofitti haammatu dhaaba Wala’ansoo saba balla’a unqursamoota Itiyoophiyaa ‘Ye Itoophiyaa Ciqunooch Abiyootawwii Tigil’jedhu hundeesse.
Dhaabni kunis saba Oromoofi sabaafi sablammoota cunqurfamoota byyattii kan ofkeessatti haammate ture. Isaan booda Dargiin yeroo jabaachaa deemu oftuulummaasaa dabalaa deemuun dargiin dhaaba ‘EMALEDHI” jdhaman diiguutti kaanaan Oromoonni baay’een gara qabsootti seenuu jalqaban. Bara 1974 tti hundaa’ee baha Oromiyaa keessatti soch’aa kan ture Dhaabbati Bilisummaa Oromoo qabsaa’ota hedduu horachuu danda’ee ture. Baaroonis qabsoo kanatti seeenuudhaan gara bahaatti deemee geggeessummaan hojjetaa utuu jiruu bara 1977 tti lubbuunsaa darbe. Duutii Baaroo umurii gabaabaafi akka tasaa dhaaba Adda Bilissummaa Oromoofi uummata Oromoo akka malee naasiseera; miidheeras. Dargaggeessi umurii waggaa 35 tti diinaan ajjeeffame kun bara hundumaa godaannisa hindagatamne saba Oromoo irratti maxxansee jira.  Diinni oldeemtota Oromoo karaatti hambisuun isa duras ta’ee isaa asitti kan itti fufaa turedha.
Akkaataa du’asaa ilaalchisee saba Oromootiif odeeffannoon hinkennamne. Haata’u malee, du’a Baaroo Tumsaan booda namootni yeroo sana turan geggeessummaarratti dandeettii dhabuu qofaa utuu hintaane, ejjennoo dhabuusaaniirraan kanka’e dhaabasaaniitiifis ta’e uummatasaaniitiif ta’uu dadhabuudhaan ummata qaanessaniiru. Kaayyoo inniifi kan isa fakkaatan itti wareegamaniif xiyyeeffannoo guddaan hinkennamne. Har’a sammuufi dandeettiin uummata Oromoo yeroo kamirrayyuu caalaa akka malee guddachaa jira. Dargaggoonni Baaroo Tumsaa bakka bu’an Oromiyaa keessaa biqilanii jiru. Dhiigi Baaroo Tumsaa, Guddinaa Tumsaa, Magarsaa Barii, Jaagamaa Badhaaneefi dhiigi goototni Oromoo hedduun bilisummaafi dagaaginaan guutuummaa Oromiyaa keessa walgayee jira. Seenaan gootota Oromoo sirna diddaa garbummaatiif qabsaa’aa turanii bara baraan gabatee seenaarra hindhabamu. Dhiigni dargaggoota Oromoo harka diinaatiin dhangalaafame bilisummaa  goolee bantii lafaa hundarratti finiinu argamsiisuu akka danda’u firaafi diinni Oromoos wallaala natti hinfakkaatu.
Nama cimaa kan turaniif Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti geggeessummaan hojjetaa utuu jiranii Mootummaa Hayile Sillaaseetiin hidhamanii rukkuttaan gidirfamanii lubbuun isaanii waxabajjii bara 1962 umurii waggaa 58tti kan darbe seenaafi ergaa Obbo Hayile Maariyaam Gammadaatiinan barreeffamakoo kana xumura. Utuu lubbuun isaanii hindarbiin dura hiriyoota isaanii mana hidhaa keessa jiran wajjin turaniin, an kanaan booda fayyee isinii wajjin jiraachuu akkan hindandeenye beeka; garuu kun ergaakoo isa xumuraati jechuun dubbiisaani akka arman gadiitti dubbtan. Jechi Maccaafi Tuulamaa jedhu akka ‘Bofa garaa namaa keessa galeeti; nuuf bofti sun ba’us ba’uu dhiisus summiisaa waan facaaseef, summiin sun nama keessaa ba’uu hindanda’u; nutis akkuma kana inni nukeessa seene kun nukeessaa ba’uu hindanda’u; qabsoon nuti amma jalqabne kunimmoo dhala dhala keenyaan bakka ga’a malee karaati hinhafu jedhanii torban kana dubbatanitti lubbuun isaanii darbite. Har’a kunoo guutummaa Oromiyaa keessatti dhalataan Oromoo barate seenaasaa akka qoratuufi ifa godhu  akkasumas utuu akka jabaa diinaan oofamuu lafasaa qabatee akka jiraatu kan taasise dhiiga ilmaan Oromoo kaleessa dhangala’e sanadha.  Bittaa abbaa lafaa jalaa baanee bittaa siyaasaa jala  hin seennu. Qabsoon walharkaa fuudhii waan ta’eef, har’arra bori akka wayyu dagachuun nurra hinjiraatu.  Warreen har’a carraa argannee lubbuun lafa kanarra jirru qabsoo barnootaa, siyaasaa, dinagdee barreessuu keessatti qooda nurraa eegamu fudhachuu yoo baanne dhiigniifi lafeen isaanii dhangalaes ta’e caccabe sun boqonnaa nu dhowwata.  Seenaanis duuba deebi’ee nutaajjaba.  Qabsoon itti fufa, garboomfataan nikufa akkuma jedhamutti garbummaan wallaalummaafi of wallaaluu akkasumas garbummaan hiyyuma gama hundaa nurraa haa hunkutaa’u jechuudhaanan barreeffamaakoo kana ammaaf xumura!
Galatoomaa!
Beekan Guluma Erena: PhD Student at the Addis Ababa University – Documentary Linguistics and Culture Department; Email: beekanguluma@gmail.com

Guraandhala 9, 2014 RAB with Israel Fayisa

Annual Celebration of Oromo Liberation Army, London, 25 January 2014.

Kenya repatriates over 60 Ethiopian aliens

aliensFebruary 11, 2014, ISIOLO, Kenya, (Xinhua) — Kenyan police have repatriated more than 60 Ethiopia aliens to ease congestion at the local police cells.
The aliens who spent two weeks at the police custody in northern Kenya town of Isiolo due to the lack of logistics had gone on hunger strike after the authorities failed to deport them on time.
Some of them were rushed to Isiolo level four hospital for medication after feeding on food which they were not used to.
Isiolo police commander Daniel Kamanza who flagged off the first batch out of 120 aliens to Ethiopia said late Tuesday the aliens were used to special meals which were not provided in the cell.
Kamanza said the presence of aliens at the cells had congested the rooms and caused serious food rationing because they were not budgeted for.
“It’s a crisis we had not budgeted for the aliens and we could only share out the small food to the larger group to keep them going,” said the local police commander.
The Ethiopian nationals who were held at Isiolo police custody accused the Kenyan government of failing to deport them despite having been paid a fine at an Isiolo court for being in the country illegally.
Some of the aliens had failed to raise the fine and were jailed for three months at Isiolo prison while others had completed their 3-month jail term a week ago before they were put in police cell.
They were transferred to Isiolo police cells awaiting transportation back to Ethiopia but their deportation were delayed since police vehicles were said to be occupied in tracking down criminals.
Sources within the police said the station does not have a functioning truck to repatriate the aliens to Ethiopia. Isiolo County Commissioner Wanyama Musiambo held crisis meetings with the senior government officials to resolve the matter.
Two trucks were flagged off after the county commissioner intervened and directed that the departments intervene in repatriating the aliens. Kamanza faulted the courts orders instructing them to deport the aliens to Ethiopia with no facilitation at all.
Kamanza said the repatriation orders should have been given out to immigration departments so that they can facilitate their deportation.
He said the aliens could not be released out of custody and be allowed to travel back to their country on their own and that the officers must accompany them to the border areas when they will hand over the group.
Kamanza raised concern over the exodus of the Ethiopian aliens using the routes to Nairobi and then South Africa.
He said the number of aliens who find their way into the cells have doubled in the past few days over stretching the capacity of the cells.
There has been mass exodus of Ethiopian aliens into the country claiming who later head to South Africa in search of employment.
The Kenyan authorities have blamed the vastness of the region for the runaway influx of foreigners in to Kenya through Moyale on Kenya-Ethiopia borders. Refugee rights organizations and aid agencies have blamed poverty in Africa for the rising cases of human trafficking.
They said that the huge supply of labor both skilled and unskilled makes them vulnerable to criminal syndicates.