Tuesday, February 18, 2014

Hailemedhin Abera Tegegn: Who Is The Ethiopian Airlines Hijacker, And Why Was He Desperate For Asylum


February 18, 2014 | Horn Affairs, BTimes
HailemedehinAberaTagegnEthiopian hijacker Hailemedhin Abera’s close friends described him to Horn Affairs as following:
Hailemedhin Abera Tegegn was born in 1983, now 31 years old.
He was born in in Zegie Island, which is found on Tana Lake, the source of Nile, in western Ethiopia.
Hailemedhin was raised in Bahirdar city, on the offshores of Lake Tana, at the center of city called “kebele zero arat”.
He attended school at Atse Sereke Dingle elementary school, then Bahirdar Secondary School in 2000/01.
Subsequently, he joined Addis Ababa University Architecture department, which he quit to join the state-monopoly Ethiopian Airlines.
Hailemedhin is described by his high school friends as a quiet and reclusive man who rarely enjoyed social gatherings.
He was raised by a devotee Orthodox Christians family. Both of his parents are alive and residents of Bahirdar city.
His mother is a house-wife while the father is widely-known in the city as being engaged in usury (lending money with high interest). However, the fact that he was not detained during a recent crackdown on usury triggered a rumor of having a cosy relationship with government officials among Bahirdar residents.
Most of our sources – acquainted with Hailemedhin – concurred that he was a man of good characters. He – as well as his seven brothers and sisters – are known in Bahirdar city as outstanding students. Two of his sisters are medical doctor and engineer.
Hailemedhin is not married but lives with his girlfriend in Addis Ababa – at an apartment nearby Imperial Hotel, in Addis Ababa. His girlfriend is a self-employed lady and running a small internet-cafe, according to one of his friends.
On February 17, 2014, Monday morning, Ethiopian Airlines flight ET702 was headed from Ethiopia’s capital city of Addis Ababa to Rome when the captain took a bathroom break. The first officer then locked himself inside the cockpit, reported the hijacking to airport transponders, and aimed his Boeing 767 toward Geneva. Reports indicate that the passengers were blissfully unaware of the situation until they touched down. They were heavily searched upon exiting the aircraft, after which the airline began efforts to get all 193 passengers – mostly Italian nationals – to their final destinations.
Geneva police told reporters that the co-pilot was requesting asylum in Geneva for fear of persecution in his native country, but the Ethiopian government released a statement saying that such action “flies in the face of Article 32 of the Ethiopian constitution, which guarantees the freedom of any citizen to leave the country at any time.”
A recording of the radio communications between Hailemedhin and officials at the Geneva airport was published by Matthew Keys (@matthewkeyslive) shortly after the incident. The sound byte has Hailemedhin trying to ensure a favorable reception in Switzerland before landing. “We are still waiting for asylum; you said you were going to give,” he says, while his interlocutor on the ground protests that he is unable to make that decision. The two calmly exchange updates on altitude and wind direction before the plane finally touches down. “I will be coming out via the window,” Hailemedhin radios from the tarmac, and the airport official responds with a hesitant “Roger.”
Speculations abound regarding what might have prompted the copilot to attempt such a brazen escape. Hailemehdin is not unique in seeking to exit his home country; the latest data from UNHCR found that in the first half of 2013, nearly 42,000 people sought asylum from Ethiopia. This could have something to do with with fear of persecution; Ethiopian security forces have been criticized for committing human rights abuses against anti-government activists and religious or ethnic minorities. Poverty is another issue, with at least one-fourth of the population living below the poverty line.
More insights into the hijacker’s past came from a Twitter user who claims to be Hailemedhin’s sister, who released the above photo of the hijacker. She says her younger brother goes by the nickname Tadlo, and she suspects he hijacked the flight under duress since he loved Ethiopia and abandoned a potential career in architecture in order to work for the state-owned airline.
She added that family was “in shock” was unable to immediately contact the hijacker

Monday, February 17, 2014


Defected Ethiopian Major and a Captain Tell tales of Horror


By Ahmed Abdi
Liyu-PoliceFebruary 15, 2014 (Ogaden Today) — An Ethiopian paramilitary major, Shi’alaqe Faysal La’ag Adan Hirad and Captain Ahmed-Nour Abdikadir Abdisamed Abdi whom were the commanders of the 16th-regiment told the Ogadentoday that they killed any one that encountered them regardless men,women and Children.
The Commanders say that they committed wide-spread atrocities against the innocent civilians in the Occupied-Ogaden region during their counterinsurgency operations.
“Although the Regional President Abdi Mohamoud Omar ordered us the killing of the civilians to make them fear from us by intimidating, we are happy that we killed three Tigray officials that intentional killed a man when their car crushed by a hungry militiaman that waved them to stop”, said Major Adan Hared.
These Ethiopian defectors are very young and no-one reached the age of 20,they say most of the Liyu Police militias are under 20 while many of them are under the age of fifteen.
“What I will never forget is the women that my men killed with their bayonets And whenever I am alone the images of the demised women come in my mind”, said 17-year-old Captain Abdisamad Abdi
The Captain added that he survived from many army loses and once lied under corpses displaying as a dead while ONLF fighters were dancing and chanting around him for a victory.
Liyu-Police-1The defectors say that they piled up the bodies of the demised to record and take images that could please their Tigray Masters.And that they would be very happy if any-one assists them financially to return to Jigjiga to find the materials that they put in a safe place.
The Major says that only three reasons are behind joining the Liyu Police,one is to revenge against a rival clan,the send is to be paid and the third is that they made them to believe that they are defend Ogaden territory from Ogaden National Liberation front.
If you don’t kill any one that suspected of being an ONLF-Sympathizer,you are dead. I myself was ordered to kill one of my relatives then I decided to kill the soldier that wanted me to kill my relative and I was detained a short time, said Captain Abdisamad
This is not the first time that the Liyu police defectors spoke out their experience.
Rights Groups believes that the Ethiopian security forces committed war crimes and crimes against Humanity in Ogaden region

Saturday, February 15, 2014

Nan Boqodha jedheen boqonna, boquutu na cabee essaattan boqodhaa? Bara dhufaa darbaa boqodhees hin beeku, boquu ol qabadhee nama ta'ee dhaladhee, namumma mulqamee mirgi uumaa waqaa kan rabbii naf kennee narra mulqame. Essaattin boqodhaa qe'een abbaa kotii lafti dhaloota koo faranjiin dhalamee lafti awwaala handhuura kootii, dacheen haadha kooti keenya jechuun hafee har'a kan jarati. Essattan boqodhaa waangoo fi sardidoon qee'e keessa nu yaati. Mee natti dirmadhaa sardiidoo ajjesnaa, wangoo qallee fannifna tokkichan boqodha boquun ol qabadha,
Obboo Baqqalaa Nadhii Du’aan Addunyaa Kanarraa Boqotan                                                                                           

Obboo Baqqalaa Nadhii (80) gootota Waldaa Maccaa Tuulamaa bu’urreesanii wareegama bu’urri waldichaa gaafate gurguddoo kanfalan keessaa issaan tokko. Obboo Baqqalaan Bu’ura waldaa Maccaa Tuulamaarraa kaasee amma guyyaa kaleessaa Guraandhala 11/2014 du’aan Addunyaa kanaarraa darbaniitti Itti aanaa prezdaantii, prezdaantii kabajaa fi gorsaa seer...aa ta’uun tajaajila olaanaa gootummaa cimaa gaafte kennaa turuu isaanii oduun ogganoota waldichaa irraa hargame ibsee jira.

Bara mootummaan Hayilaselaassee ogganoota Waldaa kanaa kaan hidhee kaan lubbuu galaafatee prezdaantii waldichaa Koloneel Alamuu qixxeessaa fa’aa gizoot galche Obboo Baqqalaan kutannoo dhaan dhimma waldichaa fi ogganoota issaa hordofaa turan. Bara1991 booda yaroo waldichi banametti amma Koloneel Alamuun lubbuun jiranitti itti aanaa prezdaantii, prezdaantii kabajaa fi gorsaa seeraa ta’anii ojjachaa turan.
Obbo Baqqalaan edda Prezdaantiin Maccaa Tuulamaa kan bara dheeraa Koloneel Alamuun boqotan booda waggaa tokkoof waldicha prezdaantummaan tajaajilaa turanii fe’ii issaaniitin bakka kana Dr. Gammachuu Magarsaatti dabarsanii kennan. Yaroo Prezdaantummaa Dr. Gammachuu Magarsaa waliigalteen dhibee waldichi jeeqamnaan Obbo Baqqalaan haala ture tasgabbeesuu keessatti qooda guddaa gumaachan. Ofuma isaaniif akka filannoon haaraan godhamu haala mijeessanii waldicha jidduutti tasgabiin akka huumamu godhan.

Bara mootummaan amma aangoo biyyatti qabee jiru kun seerammallee waldaa kana cufee ogganoota isaas prezdaantii waldichaa Obboo Dirribii Damisee dabalatee jimlaan mana hidhaatti guure miseensota boordii kanneen hidhaa irraa hafan qindeesuun dhimma ogganoota mana hidhaatti guuramanii itti dhiyeenyaan hordofaa gama biraan waldaan seera malee cufame akka banamu yaroo dheeraa muggutanii akka banamu godhaniiru. Yaroo waajirri waldichaa mootummichaan cufametti dhoksaa fi hifatti bakki hojii issaanii bakka walgahii boordii waldichaa akka ta’u gochuun hojiin waldaa kanaa akka addaan hin cinne qindeessaa turuu issaaniitu beekkama.
                  
 Obboo Baqqalaan ogeessa seeraati. Dhimma seera ilaaluun waldaa kanaa fi miseensota waldichaa dadhabbiif nuffii tokko malee amma gaafa guyyaan issaanii ga’ee du’aan boqotaniitti boqonnaa malee tajaajilaa akka turan seenaa issaanii qabatamaa irraa hubachuun nama hin gaddu.

Obboo Baqqalaa Nadhii Dhiira gaafa giitii, nama gaafa lafee turan. Dhaabbanni issaanii magaala dheeraa gaaltama qoma babal’aa, korma OROMOOn gaafa xiiqiif abdattu turan Obboo Baqqalaan. Umuriin issaanii akka Adoolessa 2013 keessa gaafii fi deebii sabboonaa tokko waliin godhan keessatti isaanumarraa dhagahametti amma waggaan issaanii 80 ta’a. Issaan karaa argatan hundaan waan uummata issaanif ta’u halkanii guyyaa sodaa fi nuffii malee godhaniiru waan ta’eef jireenya issaanii keessatti waanti irraa hanqate hin jiru. Guutuu dhalatanii, guutuu jiraatan.

Dhibee onneen qabamanii ji’oota sadan darbaniif mana hakimaatti yaalama turanillee dhibee qaberraa damdamachuu hin dandeenye. Guraandhala 11 bara 2014 dhalatanii waggaa saddeettammaffaati addunyaa kanarraa du’aan darbanilleen seenaan issanii gaariin sammuu uummata saanii keessatti barabaraan jiraata.
Guyyaan gaggeessaa /Awwaalcha/ issaanii Guraandha 13/2014 sa’aa 6 guyyaa keessa Finfinnee Bataksaana Saaris Aabboo jedhamutti raawwachuuf akka jiru oogganni waldaa Maccaa Tuulamaa biyya irraa ibsee jira.

Maatii fi firoottan gooticha OROMOO Obboo Baqqalaa Nadhiif jajjabina, Ekeraa issaaniif qabbana hawwaa nagaa itti dhaamuu malee waantti godhan maaltu jira.
See More

TOLTU TUFA On radio with Jon Faine on the conversation hour at ABC stud...


Romance in Oromo Culture: Love Song Lyrics

Translation: Zelealem Aberra Tesfa*
Gadaa.com

Gadaa.com

Gadaa.com

Gadaa.com

Gadaa.com
 

 

Obboo Baqqalaa Nadhii Shillim Jedhe Malee Hin Duune
Posted: Guraandhala/February 15, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments
Taammanaa Bitimaa irraa****
Gadaa.com
Kunoo, nu dhiisee dabruu Obboo Baqqalaa Nadhii ammuman dhagaye. Gadda cimaatu natti dhagayame. Maatiin isaa, firoottan isaa, hiriyoonni isaa, aantee fi lammiin isaa, uummannii fi sabni isaa gadda jabaa isinitti dhagayame kanaaf, mee WAAQNI obsaa fi jajjabina isinii haa kennu! Ekeraan isaa qabbanaa fi gaaddisa haa argattu! Lubbuun isaa jannata haa seentu!
Yaa Oromoo yaa uummata koo, kunoo tokkum tokkoon jagnootaa fi gamnoota keenya duuti nu irraa fudhachaa jirti. Eekaa, erga jagna keenya Jaarraa Abbaa Gadaa dhabnee, kunoo waggaa tokko tahuufi. Inni isa nuti gara boodanaa dhabne jechuu kiyya malee, san dura jagnootaa fi gamnoota keenya hedduu dhabne. Inni amma dhabne kun, Obboo Baqqalaa Nadhii jagnootaa fi gamnoota jaarmaa saba Oromoo fi Oromiyaa guutuu isa: “Waldaa Maccaa-Tuulamaa” jedhamuu, nuuf bu’ureessan keessatti kan argamu. Obboo Baqqalaa Nadhii akkuma obboleessi keenya Obboo Tasfaayee Kennaa jedhe san: “Obboo Baqqalaa Nadhii Dhiira gaafa giitii, nama gaafa lafee turan. Dhaabbanni isaanii magaala dheeraa  gaaltama qoma babal’aa, korma OROMOOn gaafa xiiqiif abdattu turan Obboo Baqqalaan.“*
Inni yeroo roorroo fi rakkoon waldaa seena-qabeessicha kana irra gaye hunda, nama waan qabuu fi waan qabatu hundaan cinaa dhaabatu ture. Bara mootummaan Habashaa kan mootii moototaa Hayila-Sillaaseen gaggeeffamu waldaa kana cufsiisee, dureewwan waldichaa akka bineensa daggalaatti adamsiisee, kaan akka gaararraatti mijjiriitti baasee rarraasisee, kaan ajjeesisee, kaan manneen hidhaatti naqsiise sana warra lubbuun jaarmaa kanaa akka gonkumaan hin cichine taasise keessaa, Obboo Baqalaa Nadhii isa tokkoo fi isa duraasaa-ti. Namni uummataaf dhalatee uummataaf jiraate kun, yeroo hamtuu akkanaa waan qabu maraan: humna, horii, yeroo, malaa fi beekumsa faan kan homaayyuu of hin qusanne ture.
Obboo Baqqalaa Nadhii nama bara dukkanaa sana Mabba (Unibarsiitii) Shaggar seenuun barumsa seeratiin eebbifame ture. Inni tajaajilaa kan ture Waldaa Maccaa-Tuulamaa qofa otoo hin taane, Oromoota mootummoota Habashaa sadeeninuu: mootummaa Hayila-Sillaasee, mootummaa Dargii fi mootummaa warra Wayyaaanee-tiin rakkoon isaan mudate, karaa ogummaa seeratiin bira dhaabachuun isaaniif falmaa ture. Obboo Baqqalaa Nadhii uummata Oromoo keessaa bayee: uummata Oromoo tajaajilee, uummata Oromootiif jiraatee, uummata Oromootiif du’e. Obboo Baqqalaan kan dhalateetoo guddate magaalmataa Oromiyaa fi Afrikaa, Finfinnee Shaggar keessatti. Akka namni seenaa dureewwan keenyaa, kan Waldaa Maccaa-Tuulamaa akka gaariitti qoratee, akka gaariitti baldhinaan nuuf barreesse, Obboo Olaanaa Zoogaa ibsetti Obboo Baqqalaa Nadhii barumsa isaa itti-fufuun,  baargama ceyee Biyya Kanaadaa-ttii digirii isaa kan lammaffaa argate.**  Sana durallee Shaggarum keessatti manneen barumsaa: durayyaa (“Elementary School“) fi jidduyyaa (“Junior Secondary School“) Shimallis Habtee-tti, isa oliyyaa immoo (“Senior Secondary School“) Tafarii Mokonnini-tti barate.
Bara inni Mabba Shaggar seenee baratu sana ilmaan Oromoo kan akkuma isaa carraa barumsaa argatan qubaan lakkaawamu ture. Mootummaan Habashaa inni qawween cabsee biyya keenya harkatti galfate sun, uummataa fi saba keenya roorroo hamaa, hacuuccaa hamaa fi dukkana hamaa keessa galchuun ukkaamsee bitaa ture. Oromiyaa fi biyyoota Kibbaa keessatti manneen barumsaa kan ijaaraman warreen abbootii biyyaa: Oromoo, Afar, Soomalee, Sidaamaa, Gede’oo, Guraagee, Hadiyyaa, Kambaataa, Koonsoo, Walaayitaa, Gaamoo, Kuulloo-Kontaa, Gimiraa, Kafichoo, Moochaa, Nuweeri fi Anyuwaak, Beenshangulii fi Gumus faaf otoo hin taane, ilmaan nafxanyootatiif ture. Bara Obboo Baqqalaa Nadhii faa baratan sana dhiisitii bara nuti manneen barumsaa galluuyyuu Oromoonni barumsi unibarsiitii haa hafuutii kan oliyyaatuu lakkoofsi isaanii baay’ee, baay’ee xiqqaa dha. Manneen barumsaatti barsiisotaa fi barsiiftoota Oromoo arguun kan nama maalalu (dinqu) ture.
Ani mataan kiyya gaafan kutaa tokkoffaa seene galgala mana barumsaatii oggaan deebiyu, warri kiyya maqaalee barsiisota kiyya na gaafatani. “Shawaan Gizaaw Kabbadaa, Laggasaa Tafarraa, — faa” jechuun dhuma irratti “Xilaahuun Guutamaa” ennaan jedhu, gammachuun mirqaananii “inni mee Oromoo keenyaa!” jedhani. “Ee Oromoo dha, anuu wajjin dubbaddheen jira. Ispoortii nu barsiisa; magaala dheeraa akka fitaarii Daammasaa Gameessaa-tin” jedheeni. Wasiillan kiyya keessaa inni tokko: “akkamitti isa dabarsanii as gaye? Inni Oromoo keenya nama Wallaggaa ta’a!“, jedhe. Bara sana warri Habashaa Amaaraa Oromoon barsiisaa, abbaa murtii, bulchaa biyyaa faa akka hin taaneef, nafxanyoonni isa hin dabarsan jechaa dha. Hubaddhaa, manni barumsaa innin ani barumsa darayyaa-tiif seene sun, magaalaa yookaan ganda moggaa impaayerittii irratti argamu wayii hin turre. Handhuura Oromiyaa fi handhuura Jahan Bachoo irratti kan argamu magaalaa Tullu Boolloo, isa Finfinnee Shaggar irraa kiilomeetira 80 callaa fagaatee jiru sana.
Kunuu Oromiyaa Waltajjii, Iluu Abbaabbooraa fi Wallaggatti malee, ijoolleen Oromoo ishiin; Barentuu (Harargee), Arsii, Baale, Gujii fi Booranaa faa carraadhuma nuti arganne saniiyyuu hin arganne. Naannolee Oromiyaa himaman kanneen keessa nafxanyootaa fi malkanyoota isaan hamoo, kanneen sa’aa-nama nyaatantu ture. Ani mana barumsaa isa oliyyaa ergan xumure, biyya kiyya ilaaluufan olii-gadi deddeemaa ture. Dursee dachee qeerransoota Oromoo Arsii gaafan dhaqe, Gaara Cilaaloo koreen biyya abbaa kootii hamma ijji tiyya agartutti ilaaluu fedhe. Mana barumsaa magaalaa Asallaa keessa jiru, kan maqaa Raas Daargee harma muraa fi harka muraa sanaatiin waamamu dhaqeen, ijoollee Oromoo sadii yookaan shan kan na waliin deemtee karaa natti agarsiisuun Cilaalootti olbaatu barbaade. Ijoolleen argaddhe shanan kan mana barumsaa sana keessatti barumsa oliyyaa barachaa jiran keessaa, namni tokkollee kan Oromoo  keenya isa Arsii tahe hin turre. Ijoolleen sadii kan warri isaanii naannoo Oromiyaa Waltajjii irraa, lamammoo Wallagga irraa achi dhufan turani.
Yaa Oromoo argitanii? Bara akkanaa kana keessa Mabba Shaggarii fi Biyya Faranjii dhaquun kan barate, beekaan keenya Obboo Baqqalaa Nadhii! Barattoota oliyyaa taanee oggaa Shaggar jiruuyyu, nu keessaa namni tokko kan gaazexaa: “Addis Zaman“, “Yazaareyituu Itoopphiyaa” faa keessatti nama maqaan isaa maqaa Oromoo tahe yoo arge, fiigaa dhufee nutti agarsiisa. Nutis nama sana marsineetoo akka waan raajii wayiitti: “kun Oromoo keenya isa barate, anaa nyaatu!” faa jenna. Kunoo, hardha warri barate dhaloota Obboo Baqqalaa Nadhii fi Obboo Guutaa Sirneessaa faa qofa otoo hin taane, dhaloota keenya bira kunneeyyuu Dhaloota Qubee impaayerittii raasaa jiru kanaa dhaqqabnee jirra
Obboo Baqqalaa Nadhii nama aadaa Oromoo fi Afaan Oromoo akka lubbuu ofiitti jaalatu ture. Dheebuun inni aadaa Oromoo boonsisaa kanaaf qabu, dubbii obboleessi keenya Obboo Lubee Birruu kan sirriitti isa beeku addeesseen ifa taha: “According to Oromo elder Lube Birru, Bekele treasured Oromo culture so much so that each time he left the city he would join wedding parties uninvited to learn about traditional Oromo wedding ceremonies.“*** Ani Obboo Baqqalaa Nadhii gurbummaa kiyya irraa kaaseen beeka. Kanan isa bares bara Waldaan Maccaa-Tuulaaa dachee Oromoota Kurnan Gullallee, qeyee jagnicha durii, qeyee Tufaa Munaatti walgawu sani. Anaa kutaa 10-ffaa keessa barachaa jiruu, waldaan kun mana barumsaa isan keessa jirutti karaa lafa jalaatiin akka ijaaramnu godhe. Kan lafa jala deemee akka lafa jalaan ijaaramnu nu taasise, hiriyaa Obboo Baqqalaa Nadhii, barsiisaa keenya Oromticha dhugumatti barsiisaa seenaa tahe, isattis biyyeen haa salphattuu Guutaa Sirneessaa ture.
Guutaa Sirneessaa nama naannoo Torban Kuttaayee (Amboo), kan Xuqur Incinnii irraa dhufe yoo tahu, barumsa seenaa kan barate Mabba Shaggaritti. Boodallee innis akkuma Obboo Baqqalaa Nadhii digirii isaa kan lammaffaa ardii Ameerikaa Kaabaa, Biyya USAa-tti argate. Isa, Obboo Baqqalaa Nadhii fi hiriyoota isaanii kanneen biroo wajjini,  kan manneen barumsaa oliyyaa (sadarkaa lammaffaa) kanneen oggas Shaggar keessatti argaman, 14 fi kolleejota cufa keessatti karaa lafa jalaatiin barattoota Oromoo ijaarani. Obboo Baqqalaa Nadhii kana irrattis shoora (qooda) guddaa tahe qaba. Gaafa dhoksaan walgeenyee akka koree hojii gaggeessituu filannu Obboo Guutaa Sirneessaa nutti himee, nu gorsetti dhoksaan mana barumsaa keenya keessatti walgawuun koree hojii gaggeessituu nama sadii filanne. Manni barumsaa sun Oromoota kutaalee impaayerittii kanneen addaddaa irraa dhufanis ni qaba ture. Nama Baale irraa dhufe akka abbaa marcumaatti, nama Horroo-Guduruu irraa dhufe immoo akka barreessaatti filanne. Anammoo akka abbaa horiitti na filani. Namoonni lamaan kun waan ammallee Oromiyaa keessa jiraniif beekatuma maqaaleen isaanii hin kennamne.
Akkuma seenaa jagnicha keenyaa, kan Jeneraal Taaddasaa Birruu irraa hubatamutti Waldaan Maccaa-Tuulamaa uummata ABC (aa-baa-caa) Afaan Amaaratiin barsiisa ture. Afaan Oromootiin barsiisuun sonaan dhoowwamaa, kan nama hiisisuu fi kan nama ajjeechisu waan tureef, afaanuma jaraatiin barsiifamaayyu. Barumsa galgala-galgala kennamu waajjira waldichaa, kan Gullallee jiru keessatti akka nuti dhaqnee barsiifnuuf nu keessaa nama filani. Ani galgala galgala torbanitti gaafa lama: Lammaffoo fi Kamisan dhaqee barsiisayyu. Waldaan kun horii otobusii ittiin-yaabbannu kan dhaqaa-galaa tamunii takka nuuf kenna ture. Maal godhuree otoo baay’ee hin turin, waldaan sun akka waa tokkollee hin hojjanne seeraan, ee seera Habashaatiin dhoorkame.
Obboo Baqqalaa Nadhii faa, Obboo Hayila-Maaram Gammadaa faa, Obboo Dhinsaa Leepphisaa faa abbootii seeraa fi ogeeyyii seeraa beekamoo tahanillee seerri Habashaa seera abbootii irree fi abbootii qorkee waan taheef, waldaa kana seeraan dhoowwamuu jalaa oolchuu hin dandeenye. Ammallee sirriittan yaadaddhaa koodeen Obboo Baqqalaa Nadhii, Obboo Guutaa Sirneessaa gaafa waldaan kun dhoowwamee cufamu, mana barumsaa keenya keessa warra jirru walitti nu qabee: “seeraan dhoowwamnee jirraa, hardhaa kaaftanii walgayii keessan hin waaminaa! Isintu ija keenyaa, isintu ija Oromootii nu jalaayyi isin kichuuwwan kana galaafatuu, yeroof waayee waldaa kana dhiisaa! Garuu, waldaa kana nu jalaa dhoowwan malee, Oromummaa keenya nu dhoowwuu matumaa hin danda’anii, isinis waayee Oromoo adaraa hin dhiisinaa!”, nuun jedhe. Innis waayee Oromoo hin dhiifnee, bara Dargii bulchaa magaalaa Shaggar tahuuf, otoo dorgommii filmaataa irra jiruu Dargiin nu jaala isa nyaate.
Otoo Waldaan Maccaa-Tuulamaa hin dhoowwamin Obboo Baqqalaa Nadhii fi Obboo Guutaa Sirneessaa faa nuti ijoolleen Oromoo kanneen mana barumsaa oliyyaa Shaggar keessaa 14-nii, kolleejotaa fi Mabba Shaggar keessa jiranii karaa lafa jalaatiin akka walgeenyu godhani. Caakkaa baargamoo (“baarzaafii“) Gullallee, Gooroo Sulultaa jalatti dhoksaan yaanee, dhoksaan walgeenye. Akkuman bara 1999 keessa “Raadiyoo Waldaa Oromoota Waashingitan Diisii” irratti gaggaafatamnaan ibse sana: gaafa walgeenye sana hirqiffaneeti walitti boonye. Eekaa, bara dukkana hamaa san nuti Oromoonni wal hin beeknu turre.
Warri Habashaa Oromoo akka uummata xiqqaa wayiitti dhiyeessuun nu barsiisuyyu. “Arusii“, “Qottuu“, “Gunjii” faa jechuun waan nutti himaniif hedduun keenya Oromoon: “Gaallaa Shawaa“, “Gaallaa Wallaggaa“, ”Gaallaa Jimmaa” fi “Gaallaa Ilubbaaboor” qofa seena turre. “Yaa Taammanaa nu mee akka keeysan Gaallaa sanillee nu dhoorkataniiti Qottuu nuun jedhanii“, naan jedhe sabboontichi Oromoo, Bakar Yuusuuf yommuu baqataa taanee Biyya Sudaan, Kaartum jirruuyyu.
Maarree, nuti kutaalee ennas Toopphiyaan nan qaba jettu 14-n keessaa kan: Tigraay, Gondor (Beegamdir), Ertiraa fi Goojjam malee, hundumaa irraayyi kan dhufnee achitti walgeenyeyyu. Addaan nu qoqqoodanii, addaan nu babbaasanii, addaan nu faffacaasanii wal nu wallaalchisanii waan turaniif, gaafas Oromiyaa guutuu irraa walitti yaanee, fuula walii arguutu nu gammachiisee nu boochise. Eeyyen imimmaan waljaalaa, imimman waldharraa, imimmaan Oromummaatu walitti nu boochiseeyyu. “Taammee ka’iitii dubbaddhu malee!“, naan jedhe T. W. kan mana barumsaa keenya sanitti piresidaantii barattootaa tayee, filamuun walaloo Afaan Amaaraa, kan Hayila-Sillaasee fi mootummaa isaa, abbootii lafaa nafxanyyoota: dhiiga, imimmaanii fi dafqa uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaa xuuxxachaa jiran sana ifumatti kan balaaleffatu; nuuf dubbisuun kan nu boochisuuyyu. Walaloota isaa keessaa kan: “Haadha Tiyyaafan Booya - Lannaatee Aalaqsaallahu” jadhu, “Oromiyaa” yookaan “Biyyoromoo” maqaa hin dhoofne malee, akkuma jirutti waayee ishii akka daawwitiitti nama fuuldura qabee kan nama doowwachiisu ture! Ee, Oromtichi sun nuuf Waalillinyi Mokonninii fi Obboo Ibsaa Guutamaa ture. Nuti isa Amaara seenayyu; Oromticha kutataa kutaa kutataa, godina Arsii irraa dhufe sana. Ilaamee, kanneen mara lafa jalaan walitti fiduun kan walbarsiisanii karaa Oromummaa isa irraa hin maqamne (hin goramne) nu qabachiisan Obboo Baqqalaa Nadhii fayi!
Kan kana hundumaa nu dhaqqabsiise jagnootaa fi gamnoota amma biyyeen nu jalaa nyaatte, Obboo Baqalaa Nadhii fi hiriyoota isaa turani. Hundee Oromummaa isaan nuu buusantu cimee, booda keessa akka ABO nuuf ijaaramu taasise. Dammaqiinsa sabaa isaan nu habbuuqqachiisan sanatu karaa bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa qabannee, garuma fuulduraatti akka harka walqabannee tarkaanfannu nu taasise. Bu’urri tokkummaa Oromoo isaan nuuf buusan kun ammas waltanee alaa-manaa oljechuun, akka harqoota gabrummaa Habashaa ofirraa darbannee Republika Gadaa Oromiyaa ijaarrannu nu godha!
Kunoo, ammaan tana Oromummaan daran cimee, Dhaloota Qubee diina ollachiisoo kana nuuf horee jira. Kanaaf, Obboo Baqalaa Nadhii akkuma jagnootaa fi gamnoota Oromoo isaan kaanii akka: Taaddoo Birruu, Hayila-Maaram Gammadaa, Alamuu Qixxeessaa, Maammoo Mazammir, Zawugaa Booji’aa, Dhinsaa Leepphisaa, Guutaa Sirneessaa, Mokonnin Wasanuu, Kabbadaa Buzunash, Baqqalaa Bantii, Agarii Tulluu, Sisaay Ibsaa, Guddinaa Tumsaa, Baaroo Tumsaa, Abboomaa Mitikkuu, Elemoo Qilxuu, Jaarraa Abbaa Gadaa, Muldhis Abbaa Gadaa, Waaqoo Guutuu, Adam Saaddoo, Adam Jiloo, Roobalee Turee, Ahimad Bunaa, Muhee Abdoo, Magarsaa Barii, Jaatanii Alii, Nadhii Gammadaa, Guutamaa Awaas, Ibsituu Margaa fi Saartuu Yuusuuf faa meeqaa meeqa tarreessinee dandeenyaa mitii, shillim jedhan malee hin duunee, barumbaraan maqaan isaanii kaafamaa jiraata!
______ Hubachiisa Miiljalee ______
* Obboo Tasfaayee Kennaa gaafa 13. 02. 14, mandhee ONA keessatti waayee boqata Obboo Baqqalaa Nadhii miseensotaaf laallee dabarse keessatti kan akkana jedhee ture.
** Barroo Seenaa Waldaa Maccaa-Tuulamaa fi dureewwan isaa qorannoo tujuba-qabeessa tayeen sirriitti nuu ibsu, kan akka lakkoofsa warra Gi’iiziitti bara 1985 keessa Shagarumatti Afaan Amaaratiin maxxanfamee baye, kan fuuleewwan 465 qabu, mee dubbisaa! Tarii yoona Afaan Oromoo fi Afaan Ingiliziitti hiikame taha.
*** Obboo Mohaammad Adeemoo: “Bekele Nadhi, a pioneer Oromo leader and activist, dies at 80,” OPride, kan gaafa 13.02.14
==============    //    ============