Sunday, June 29, 2014

Beekssisa Kora ABO Konyaa Sweden

Posted: Waxabajjii/June 29, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments
OLF_LogoIbsa2014
Kora Gadaa Miseensota ABO Konyaa Sweden
Waxabajjii 2014, Stookoolm, Sweden
Korri Gadaa miseensota ABO Konyaa Sweden kan bara kanaa haala gammachiisaafi abdii egeree gudunfateen xummurate. Miseensonni ABO konyaa Siwiidin irra jireessi bakka argamanitti ture korri kuni kan gaggeeffame.Akkuma waamichi godhamaa tureen yeroosaa eeggateet gaafa guyyaa sambata xinnaa 21/06/2014 galma walgahii magaalaa Stockholm jirutti erga miseensoonni irra guddeessi argamanii, dura taa’aan konyaa duraanii Jaal Galaanaa Yaadataa gaaddisa walitti qabame erga nagaa gaafatanii booda, sagantaan akka jalqabuuf maanguddoo eebbaa affeerudhaan sagantaa Kora konyaadhaa eebban baname. Eebbatti aansudhaan daqiiqaa lamaaf yaadannoo sammuyyaa gootota Oromoo wareegamaniif taasifameera.
Akka Sagantaa Koraatti namoonni lama miseensota keessaa akka waltajjii gaaddisa a qajeelchaniif filataman. Kallatiidhaan gara gabaasa Gadaa darbe dhiyeessutti seenname. Gabaasnis gadaa darbees kan dhiyaate dura taa’aa koonyaatin ture. Gadaan tokko waggaa lama kan qabuudha. Kunis bara 2012 hanga 2014 taha jechuudha Gabaasni kunis qabxiilee armaan gadii irratti kan dhiyaatedha. Ibsa qabiyyee koree hojii raawwachiiftuu ABO konyaa Sweden Koreen hojii raawwachiiftuu miseensota saddeet (8) akka qabaatuufi gahee isaan bahaa turan waliin ibsi baldhaan barreeffaman dhiyaatee ture. Gabaasni barruun dhiyaate kunis miseensota hundaaf raabsamee ture.
Hojiilee gurguddoo koreen hojii raawwachiiftuu kunneen gadaa darbe keessatti raawwachaa turaniifi bu’aawwan argamanillee Kora kanarrattii gaaddisaaf dhiyaatera. Bu’aawwan gurguddoo tahan keessaa kanneen ijoon gabaabinaan kan armaan gadii fakkaata. Karaa koree Beeksisaafi odeessitiin, ciminni karaa haala Oromoofi Orombiyyaa ittiin hubachiisan gama meeshaa sab-qunnamtii hawaasaatti fayyadamuudhaan hojiin sagantaan Raadiyoo hojjachaa ture akka gaarii tureefi saboonni biraallee caqasuu jalqabuu isaaniifi gara fuulduraaf sagantaa gameessafi gara marsaareetii adda addaarratti bahuu dandahullee gamanumaan akka irratti hojjatamuu qabus ibsameera. Kunis bu’aa gadaa kana keessatti galmaahedha.
Dameen diinagdee Konyaa Swedenis hanga dur akka hin geenye ibsamee, haa tahu malee haala waliigala kutaa Iskaandaniviyatiin yoo laallame baayyee gaariifi sadarkaa wayyaa jedhamurra jiraachuusaas ibsameera. Madda galii adda addaarraa, buusii miseensotaa dabalatee, Gadaa kana keessatti Dameen Diinagdee walitti qabe odiiterran erga tohatmee booda sirnaan gabaafamee jira.
Karaa Damee abbaa Jaarmiyaas, haala baayyee gaariifi abdii namaaf kennuun akka socho’amaa tureefi miseensota hedduus horachuun akka danda’ame ibsameera Walumaa galatti karaa Damee abba Jaarmiyaatin haala yeroofi dhimmoota dhaabaa akkasumas haala guddina ijaarsa dhaaba keenyaf jecha Konyaan Sweden torbee lama lamaafi baatiidhaanis wal argaa akka tureefi haalli deemsa waggoota lamaan darbanii gaariifi waan goomaa tahullee nuuf ibsameera. Damee Sab-qunnamtii (diplomacy) fi karaa damee hawaasaas hojiilen gaggaariin akka hojjatamaniifi gara fuuladuraattiisirratti hojjachuu akka barbaachisullee tuqameera. Keessumaa karaa Ijaarsa Hawaasatiin wantoonni baayyeen irratti hojjatamuu akka qabuufi hawaasa oromummaa irratti hundaayefi dantaa Oromoo tiksuu danda’u ijaaruun karoora gadaa dhufuu akka tahuu qabullee ibsiifi marii baldhaan godhameera. Dameen diploomaasii Konyaa Sweden saboota rakkoofi akeeka Oromoodhaa fudhataniifi deeggaran waliin hojjachaa akka tureefi qaamota dhimmi Oromoo hubachiifamuu qaban waliinis hojjachaa turuusaanis gabaasichi tuqeera.
Xummurri gabaasa Gadaa konyaa Sweden kunis, Gadaa darbe keessatti hojiiwwaan boonsaa hojjachaa turuyuu kana caalaa hojjachuunis akka dandahamu. Hanqinaafi dadhabina keenyarraa barree gara duraatti tarkaanfachuun akka dandahamus tuqameera. Walitti dhiyaachuufi walirraa baruudhaan muuxannoo waliif kennuun waan akkaan barbaachisaa tahuusaas hubachiiseera gabaasi dhiyaate kuni. Hawaasa magaalaa Stockholmirraa akkuma sagantaan qabameefitti marii hawaasaf dhiyaate irratti argamuudhan ibsaafi barreeffama Kaayyoofi akeeka ABO, Haala yeroo amma QB Oromoo itti jiruufi haala waliigala sochii biyya keessaa bifa gabaabaan erga dhiyaatefiin booda isaanis irratti gaaffilee gaaffatanii deebii quubsaafi yaada deeggarsa QBO qabanis ibsaniiru. Sagantaa gaafa 22/06/2014 ittifufeenimmoo koreewwan hojii raawwachiiftuu konyaa Gadaa 2014-2016 sagalee guutuudhaan raggaasifame. Haala Karooraafi itti baha hojii gadaa dhufuus koreeleen filatamanifii miseensoonni erga irratti walii galamee booda haala ayyaanqabeessa taheen Korri konyaa Sweden goolabame. Walumaa galatti korri kuni kora faroo qabuufi abdiifi seexaa gaariidhaan guuttamee sonaa irbuu egeree baatee saba Oromoo gabrummaa jalatti oggolaa jiruuf bakkaafi haala, akkasumas yeroo keessa jirrutti dirqama waloofi matayyaa akka bahuuf jirru walitti dhammatameet akkuma aadaa keenyatti eebba maanguddootiin goolabame.
Inijifannoon uummata Oromoof!
Waxabajjii 2014
Stockholm

Wednesday, May 21, 2014

 United Liberation Forces of Oromiyaa (ULFO) United Activists and Members of Oromo Liberation Front (UAM-OLF)
 June 16, 2013
 
JOINT STATEMENT
 Deeply concerned about the escalating state terrorism that the TPLF led regime of Ethiopia has been lately perpetrating on the people of Oromiyaa and the present precarious state of the Oromo national liberation struggle, the United Liberation Forces of Oromiyaa (ULFO) and the United Activists and Members of the Oromo Liberation Front (UAM-OLF) initiated joint sessions meant to assess the extent and implication of the TPLF all-rounded attacks on the Oromo people and explore ways and means that could help unite the Oromo liberation organizations and put the struggle on the right trajectory– one that reassures the salvation of the Oromo people from the wanton destruction by the TPLF.
 We, ULFO and UAM-OLF, held a series of meetings and discussed a range of issues. The salient issues that were given a special focus in the discussion include: (1) The heinous crimes of the TPLF-led regime and the present state of the Oromo nation, (2) the growing public apathy and cynicism on the unity of purpose among Oromo liberation forces, and (3) major bottlenecks that are exceedingly restricting the development of the Oromo liberation struggle, and (4) redress mechanisms that can extricate the struggle from recurring setbacks. After extensive deliberation on the issues, the following joint statement has been released:
Duly taking a stock of the crimes of the TPLF-led regime of Ethiopia has committed on the Oromo people and their implications on the present political, economic, and social conditions of the Oromo nation, ULFO and UAM-OLF have stated that the regime: Has made the situation of the nation in all spheres of life quite abysmal and it is relentlessly working to even further deteriorate their situation;
 
·         Has completely marginalized the Oromos from having any stake in the political affairs of their nation by further shrinking even the token political space it has accorded its own proxy organization – the OPDO;
 
·         Has strangulated the economic life line of the Oromo so much so that an abject poverty has overwhelmed the people to unprecedented degree;
 
·         Has evicted the Oromo people from their ancestral land, from both urban centers and rural areas, at an alarming rate and leased or sold their land to trans- national corporations;
 
·         Has repeatedly fomented inter-ethnic conflicts that took heavy tolls on human  life and property of Oromo communities; for instance, the recent conflict that displaced the Oromos of Anniyyaa, Jaarsoo, and Mi'eessoo sistricts in Eastern Hararge is the case in point.
 
·         Has escalated environmental degradation in Oromiya (in some cases by deliberately destroying a rare natural forest stock in Oromiya) like the one recently decimated in Illuu Abbaaboora Zone – the UNESCO-Registered Yayu Coffee Forest Biosphere Reserve;
                                                                                                                                                            
·         Has arrested the economic and social development of Oromiya by massively incarcerating the most productive demographic group throughout Oromiya and by terrorizing the bulk of the population and distracting them from engaging in development activities;  
 
·         Has caused hundreds of thousands to flee their country and suffer in foreign lands, particularly in the neighbouring countries and in the Middle East, where survival for many proved to be utterly difficult;
 
·         Has generally targeted and declared on the Oromo people a silent war of ethnic cleansing that the international community seems to have failed to notice;   
 
We condemn in stern terms the TPLF-led regime of Ethiopia for all crimes it has committed on the people of Oromiya. We call upon the world community to heed to appeals of the Oromo people and act in a morally responsible manner. 
Having reflected on the wanton aggression of the Ethiopian regime on the Oromo, ULFO and UAM-OLF have cogently recognized that the Oromo nation would not have been in such a dire state had the Oromo political forces put their political powerhouse in order. In light of this glaring fact, we would like to call upon all stakeholders to work towards the evolution of a untied and an effectively organized and led Oromo national liberation struggle.
 
Recognizing the basis of cynicism of the Oromo public on the unity of the Oromo political organizations, ULFO and UAM-OLF have called upon:

Ibsa ABO/Statement of OLF: Tarkaanfiin Humnaa Yoomiyyuu Furmaata Rakkoo Siyaasaa Hin Tahu! | Military Response can never solve political questions

The following is a statement from the Oromo Liberation Front (OLF) in three languages: Afan Oromo, English and Amharic. For the Amharic version, please click here (pdf file).
—————————–

Military Response can never solve political questions

Statement of the Oromo Liberation Front
Different Nationals under the Tigray People’s Liberation Front (TPLF) oppressive rule in Ethiopia have been protesting using different means. They have been exposed to tyrannical, oligarchy, nepotism, ethnic discrimination and destitution caused by blatant economic exploitation. The Oromo people, in particular, have been subjected to unbearable misery ever since the time of conquest. Every attempt to alleviate the burden of this subjugation has been dealt using violent military campaigns and all sorts of repressive measures. One of such measures is misrepresenting people’s demands, and use it to pit them against each other.
The peoples’ legitimate demand for their rights has been confronted by violent suppression; killings, tortures and other ways of repression by the TPLF regime. The current violent repressive measures against the Oromo protesters, in which tens of youth were killed and as many more are wounded by daylight campaign last week, are a vivid evidence of this.
As if unleashing of its massive military power against the peaceful demonstrators is not enough, the TPLF regime is conspiring to pit Tigrayan nationals living outside Tiray against the hosting people by secretly exclusively arming the former with Kalashnikov improvised with lenses imported from China for snipers. This is further evidence for the sinister motif the TPLF regime has for Ethiopia.
The OLF condemns such moves that target, not only the Oromo people, but all the peoples in Ethiopia – who are peacefully demanding their legitimate rights. We want to affirm to all the peoples in Ethiopia in general, and the Tigrayan people in particular, that our struggle never targets any particular people, but the tyrannical oligarchic system run by the TPLF, that subjugates all the peoples, including the Tigrayans. This position has been put forward from the inception of our organization that all the peoples in Ethiopia are friends of our struggle, and any national has the right to live and work in liberated Oromia. Hence, we call upon all the nationals not to heed to the defamation campaign that misrepresents our legitimate struggle, but to fully support and side with the Oromo people.
The guarantee for future co-existence is not perpetuating military subjugation, but mutually acknowledging and practically accepting the legitimate right of every people. We urge the Tigrayan nationals in Oromia to reject the move by the TPLF to exclusively arm them – which will eventually be used to pit them against the Oromo and other nationals. We forewarn that the TPLF is the sole culprit of any subsequent disaster that this move is poised to cause. We urge all sectors of the Oromo national, both at home and abroad, to intensify the struggle to get rid of the over century-old subjugation once and for all.
Victory to the Oromo People!
Oromo Liberation Front
May 5, 2014

Tarkaanfiin Humnaa Yoomiyyuu Furmaata Rakkoo Siyaasaa Hin Tahu!

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo
Ummatootni Itoophiyaa bittaa Wayyaanee jalatti miidhaa ol aanaa irra gahu irraa yeroo gara garaatti bifa adda addaan mormii isaanii dhageessisaa turan. Bulchiinsa dimokraatawaa irra, abbaa-irrummaan nam-tokkee fi murna aangoo irra jiruu dagaagfamuun, wal qixxummaan ummatootaa haalamee, kan murna aangoo qabaatee jiruu dhugoomfamuun, saamicha daangaa darbeen hiyyummaan babal’atuun rakkoolee ummatoota Itophiyaa hudhanii qabanii fi jireenya gadadoof saaxilani dha. Ummatni Oromoo addatti gabrummaa jala erga galee gadadoo ilmi namaa baachuu hin dandeenye.en dhiphamaa as gahe.
Rakkoolee siyaasaa Itophiyaa keessatti mul’atan kanneen furuuf gaaffiin karaa nagaa godhamu gurra dhaga’u dhabuu irraa ummatoota obsa fixachiisee gara fincilaatti jijjiiramuu irraa lubbuu fi qabeenya galaafataa akka turee fi jiru dhokataa miti. Yaaliin ummatootni karaa nagaa mirga isaanii kabajsiifatuuf adeemsisan mootummaa Wayyaanee biratti fudhatama dhabee ajjeechaa, hidhaa fi dararaa adda addaan ummatoota caalaatti miidhuu fi dhiphisuun tarkaanfii sirna aangoo irra jiruun fudhatamaa jiru dha. Ammas taanaan kanaan alatti furmaatni biroo kan itti hin mul’atne tahuu, sochii nagaa barattoota, dargaggoota fi ummata Oromoo irratti tarkaanfiin fudhataa jiru haala hin mamsiisneen mirkaneessa.
Gaaffii barattootaa fi ummata Oromoo irraa karaa nagaa dhihaate nagaan deebisuu irra mootummaan Wayyaanee humna filatee guyyaa saafaa tarkaanfii fudhateen lammiilee Oromoo kudhanootaan lakkaa’aman ajjeesee kudhanootaan madeessuu fi qabeenya hedduu barbadeessuun haqa torbee dabre Oromiyaa bakkoota adda addaatti raawwatamee fi hundi argee fi dhaga’e dha.
Mootummaan Wayyaanee tarkaanfii gara-jabinaa fi faashistummaan fudhate kanaan hin quufne tarkaanfii caalaatti ummata wal ficcisiisuu fi walitti diinomsu fudhataa jiraachuun ammoo dhugaa kan biroo mul’atuu fi maalummaa mootummaa Wayyaanee caalaatti saaxiluu fi hubachiisu dha. Sirni murna aangoo dhuunfateen durfamu kun abdii kutannaa irraa sodaa isaaf waahela barbaacha dhalattoota Tigraay barnoota irra jiranii fi ummata keessaa hidhachiisuutti tarkaanfatuun, garamitti akka geessuu barbaadu hubachuu feesisa. Addatti ummata Tigraay keessaa kanneen dhiira tahan Finfinnee keessatti ganda gandaan Kalaashii (AKM- Sniper) Chaayinaa irraa bite mataa mataan hidhachiisaa jira. Gochaan kun balaa Itophiyaa keessatti Wayyanneen qopheessaa jiru sadarkaa biraatti ol tarkaanfachiisaa akka jiru agarsiisa.
Kana malees sirni Wayyaanee barattoota Oromoo Yuniversiitiilee adda addatti barnoota irra jiran barnoota dhiisanii akka deeman dhiibbaa ol aanaa irraan gahuutti dabalee, Yuniversiitiilee gara garaa keessaa kitaabota dhimma Oromoo qaban filee guuruudhaan dhabamsiisuu irratti argama. Tarkaanfiileen kanneenis tarkaanfiilee abdii kutannaa fi farrummaa tahuun hin falamsiisu.
ABOn tarkaanfiilee sirni Wayyaanee ilmaan Oromoo fi ummatoota biroo irratti fudhataa jiru haalaan balaaleffataa, tarkaanfiin kun ummata Oromoo qofa osoo hin taane ummata fayyaaleyyii fi kanneen mirga isaanii gaafatan hunda irratti kan xiyyeeffate tahuu yaadachiisa. Tarkaanfii fudhatame kanaan dhiiga ummata nagaa kamiyyuu dhangala’uufis kan itti gaafatamu sirnicha tahuu garanumaan beeksisaa, ummatootni hundis meeshaa waraanaa ummatoota adda filuun qoodamaa jiru kana akka balaaleffatan hubachiisa. Kanneen dhaloota Tigraay tahanii fi Oromiyaa keessa jiraatan, meeshaan mootummaan Wayyanee isaan hidhachiisaa jiru balaa biraa fi yakka biraaf isaan saaxiluu irra darbee, akka isaan hin fayyadne gorsaa, akka mootummaatti of irraa deebisan waamicha godha. Wabiin keessan ummata waliin jiraattan waliin nagaa qabaatuu fi mootummaa farra-ummataa kanaaf tajaajiluu dhaabuu qofa akka tahe yaadachiisa.
Mootummaan Wayyaanee yeroo fi haala amma geenyee jirru kanatti, rakkoo fi gaaffii haqaa ummatni Oromoo dhiheessa jiruuf deebii quubsaa kennuun alatti, tarkaanfiin humnaa kamiyyuu furmaata akka hin tahiin ABOn irra deebi’uun gadi jabeessee hubachiisa.
Qabsoo ABO fi Ummatni Oromoo godhaa jiran, mirga ofii deebifachuu fi sirna gabroomfataa of irraa darbachuuf tahuu ummatoota hundaaf carraa kanaan ifa goona. Qabsoon Bilisummaa Oromoof godhamu ummata kamuu irratti kan xiyyeeffate miti. Akka sagantaa siyaasaa ABO 1976 irratti jalqabumaa kaasee lafa taa’eetti, ummatootni Itophiyaa keessa jiran hundi fira qabsoo bilisummaa Oromoo ti. Oromiyaa bilisoomte keessattis heeraa fi seera biyyaa kan kabaju, ummata kamuu irraa kan dhalate, jiraaatuu fi hojjatuuf mirga qaba.
Kanaaf, ummatootni hundi olola sirna cunqursaa fallaa kanaa oofamuun dhaamotuu dhiisanii Qabsoo Bilisummaa Ummata Oromoo sirna cunqursaa waliin wal hudhee jiru kanaaf deggarsa guutuu akka kennan ABOn waamicha godhaaf.
Ummatni Oromoo gaaffii haqaa mirga isaa kabajchiifatuuf qabatee ka’e alaa fi keessaan murni hawaasa Oromoo hundi akka wal qabatee socho’u, waanjoo gabrummaa jaarraa tokkoo fi walakkaa irratti shamee jiru of irraa darbatuuf harka wal qabatee akka sochii isaa finiinsu waamicha isaa gadi jabeessee dabarsa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo

East African Medical Relief Foundation’s Fundraiser Event in Washington-DC – June 7, 2014

Please join us Saturday June 7th, 2014 at 2pm for the East African Medical Relief Foundation’s (EAMRF) Fundraiser event at Oromo House (6212 3rd St. NW, Washington DC) to help build Diagnostic and Imaging Center in Western Oromia Region. We appreciate all your past support, and we hope that we can count on you again this year. EAMRF works because of you! We will be sharing videos, pictures, success stories from our 5th medical mission trip, and future plans.
This event is being held to raise funds to build the first ever Diagnostic and Imaging Center in Nejo, Western Oromia.
It will be the first of its kind in the region and will benefit an estimated 1.5-2 million people around that region. The center will be equipped with donated diagnostic equipment, including but not limited to, Ultrasound, X-ray, fully equipped laboratory departments, CT scanners, and Mammography machines. A successful implementation of Diagnostic and Imaging Center in Nejo can provide infrastructure, which we can repeat in other cities in the Oromia Region.
If you have any questions or suggestions, please contact us via Email or phone:
- obselubo@eamrf.org
- 240-468-8794 (Boona) or 301-728-5765 (Gemta)
Kind regards,
Obse and EAMRF fundraising team in DC area
Gadaa.com


COMMENTS

RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Apply common-sense respect and courtesy. Feel free to express your thoughts within the limits of civility.
2. Personal attacks, offensive language and unsubstantiated allegations are not allowed.
3. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
4. Comments are naturally short. Long comments may be removed; for long comments, feel free to submit them as articles to be posted on their own.
5. Gadaa.com reserves the right to remove comments that do not follow the rules stated here.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.

How to Use the New Comment Section
1. One can sign in using social networking services (if using this, click on "Sign In With your preferred social networking service")
2. One can also comment as "Guest" (no log-in required; for this, click on "Pick A Name" AND check the "I'd rather post as guest" button.)
(ONLY NAME and EMAIL are required; no password needed if commenting as Guest.)
3. To SUBMIT comments for moderation, click on the "Arrow" sign.

Disclaimer: Opinions expressed in comments do not reflected the views of Gadaa.com unless explicitly stated otherwise by Gadaa.com; Gadaa.com IS NOT accountable for any thought and content of comments.

DEEBIIN GAAFFII KEENYAA, HUMNA TA’UU KEENYA IRRATTI HUNDAA’A!

SEENAA Y.G(2005)
Gaaffiin Ummata Oromoo, Gaaffii haqaa akka ta’e, Wayyaaneenis deebii quubsaa akka hin laanne, Addunyaatu ragaa ba’a. keessattu yeroon kun, Ummati Oromoo qabsoon gaggeessaa jiru haqa ta’uu isaa, inni itti hadhaawaa jiraate illee ofitti fudhatee, dhugaa qabu jechuu irra ga’e jira. Dhiigni ijoollee Biyya keessatti dhangala’ee, waan Biyya sana keessatti humnaan Ukkaamemee jiru ifatti baasee, gurra addunyaa hawwatee, hundumtu takkaa dhaabbatee akka of gaafatu taasisuu fi isa of-dagee jireenya dabeessummaatti of kenne illee akka dammaqisee hin shakku. Keessattu wayyaanee waan hundaa fixadhee jettee diriiffattee rafuuf yaalte, utaalchisee kaasee wawwaachiisaa jira. Addunyaa dantaa ofiif jecha, dhiiga dhangala’aa jiru akka bishaanitti lakkaa’uu dhiisanii, takkaa mil’atanii ilaalanii dhiiga ta’uu akka hubatan taasisee jira. Dhala Oromoo diina jalatti of gatee kurkuraa jirus, gurra dhaabsiseera.
Dhala Oromoo addunyaa maraa keessa jiru bakka jiru akka waliif birmatu taasisee jira. Biyyoota ollaa wayyaaneef harka laatanii Biyya ollaa keessaallee baqattoota keenya ariisisuuf shira hojjatanii fi qabsoo Ummata kanaa irratti shira warra hojjatan, Lakkii Ummati kun gaaf tokko… jedhanii akka of duuba mil’tan taasisee jira. KanneenOromoo bifa adda addaan gaadi’anii habjuu isaanii gama hundaan milkeessu barbaadan, warra maallaqaan jaamanii Ummata isaan jiraachisetti hammeenya yaadan, eenyummaa Oromoo dhabamsiisanii, kan isaanii itti fe’anii, Oromoo tajaajiltuu isaanii taasisuu warra barbaadan, callisuun Oromoo wallaalummaa fi gabrummaaf jilbeenfachuu odoo hin taanee, yeroo kan eeggatu ta’uu isaa akka gaaritti akka hubatan taasisee jira.
Kana malees, Sochiin baatii kanaa, Oromoon waan irratti raawwatamaa jiru wallaaluus akka hin taane, hammeenya kan nu irratti yaadu tokko tokkon qomaa akka qabu, kan akeekkachiiseedha. Kana qofaa miti, Oromoon Qabsoo waligalaaf illee Qophii ta’uu nu akeekeera. Akka walii galaatti, Dhiigni dhaloota har’aa akka bishaanii dhangala’e diina qofaa odoo hin taane, nuutillee waa hedduun akka of keessa ilallu nu taasiseera. Jaallannus jibbinus, Kan dhangala’ee dhiiga Lammii keenyaati. Kana  akkamiin gumaa baafnaa ? ykn gaaffiin ijoollee kanaa firii akka horatuuf maal gochuu qabnaa ? jennee of gaafannee waan hojjannuutu Gootummaa yk  lammummaa keenya mirkaneessa hubadhaa. Waan hundaan olitti, Waan kichuun keenya hojjattee kana, Seenaa irratti qofaa galmeessanii kaa’uun ykn yaadachuun bu’aa akka hin qabne qalbifachuudha. Irratti hojjachuu nama gaafata. keessattu hangafoonni isaanii Qabsoon dhufee mana kenya ga’e malee jedhanii hamilee of buusanii jiran, qabsoon eessa ga’ee ? qofaan kanneen gaafachaa olanii bulan, kanneen  waan hojjatan wallaalanii maal nu wayyaan keessa isaanitti gubatan, yoo yaadaa fi fedhiin isaanii lammii isaaniif ta’ee, dirreen qabsoo mana isaanii fi qe’ee isaanii ta’uu hubatanii, waan ija isaanii duratti ijoolleen kun Gootummaa raawwattee jirtu irraa barbachuu qaban.
Kana irratti waan nama gaddisiisu tokko kaasuun barbaada. Wayyaaneen holola oofaa jirtu irraa kan dhageenyu, jecha Daa’imman ykn ijoollee waa hin beeknetti dhimma ba’an kan jedhuudha. Akka kiyyatti, hangafoonni isaanii kana dhaga’an itti qaanfachuu qabu. Hangafoonni isaanii waan ijoolleen kun gaafattu keessaa hin qaban jechuudhaa ? wayyaaneen nutti toleeraa jedhanii harka laataniiru jechuu isaaniitii ? ijoolleen kun gaaffii Ummata miliyoona 40 wayita gaafatan, gaafachuu isaaniif ammoo lubbuu itti kennan kana irraa hangafoonni isaanii haajaa hin qaban jechuudhaa ? deebiin kun hangafoota isaanii hundaa ka ilaallattudha. Oromoon gabrummaa jala jiraachuun, keessa isaanitti gaaffii kaasisuu qofaa odoo hin taanee, akkuma ijoollee kanaa ba’anii gaafachuu fi deebii argachuuf hojjachuu qaban. Keessattu sagaleen koleejoota keessatti diina rifaasisaa ture, mindaa ji’aa qofaaf akka hin taane hin shakku. Maarree maaf ijoollee cinaa dhaabbatee itti fufu dide ? gaaffiin ijoollee kanaa Angafoota isaanii waajjiraalee keessa jiran, hojiilee adda addaa keessa jiran odoo hammatee ykn of cinaati qabaatee, injifannoo ol-aanaa ta’a ture. kana sirreeffachuu nu feesisa. Beektoonni Biyya keessa jiran, walii galanii gaaffii ijoollee kanaa waliin akka jiran murannoon beeksisuu qabu.
Wayyaaneen gaaffii ijoollee kana, gaaffiima ijoollee taasiftee bira taruu barbaaddi. Angafoonni isaanii akkuma ijoollee kanaa maaliif of hin ijaarree ? maaf gama hundaan dhiibbaa taasisuuf of hin qopheessine ? kun hundumtu odoo qindaa’ee dhiibbaan ajjeechaa fi hidhaa ijoollee kan irratti hin heddummaatu ture. kanaafan, “DEEBIIN GAAFFII KEENYAA, HUMNA TA’U KEENYA IRRATTI HUNDAA’AA” kanan jedhef.
Sochii barattootaa Biyya keessaa odoo hin yaadamnee fi wayyaaneen odeeffannoo tokkollee osoo hin qabaatiin gaggeeffamuun isaa injifannoodha. Jabiina qaama sochii kana qindeesseeti. Hunda irra, keessi keenya hangama jabaataa akka jiru, icittii keenya hangam eeggachaa akka jirru nu hubachiisa. Yoo jabaannee kana irra hojjachuu akka dandeenyu nu dhaama. Sochii qindaa’aa wayyaanee raase kana waliin, Hawaasi Oromoo Biyyoota hambaa jiraatan hundi yeroo tokkotti ijoollee kana waliin dhaabbachuu fi waan wayyaaneen irratti raawwate addunyaa mara irratti dhageesisuun isaanii, ofuma keenyaan of takaallee teenye malee, waan hundaa hojjachuu akka dandeenyu nu akeekee jira. Waan hunda irra Dhimma Oromoo irratti wal tumsuu fi ilaalcha walii illee kabajuun hangam nu tarkaanfachiisuu akka danda’u argineerra. Kun guddina siyaasa keenyaa mirkaneessa. Ummata SIRNA GADAA qabaachaa turee fi dhiiga tokko ta’uu keenya kan nu mirkaneessu kanadha. Kana jabeeffachuu barbaahcisa. Waa hunda irra diina kan rifaasisu isa kanadha. Gama kanaan rakkoo keessa keenyaa godhachuu akka hin qabne hiriira hedduu irrattis dubbatameera.
Yoo humna taane, Addunyaan deebii akka nu kennitu ykn gaffii keenyaaf bakka akka laattu akka dansaatti hubannee jirra. Midiyaan Afaan Oromoo addunyaa irra bifa gara garaan jiran, bu’aa fi dhimma Ummata isaaniif qooda akkamii akka gumaachan ilaalleerra.Addunyaan deebii quubsaa akka nuu laattuf, gaaffii keenya bifa gara garaan itti fufu barbaachisa. Keessattu Biyya alaa keessatti sochiin jiru qindeeffamee yeroo yeroon haala itti deddeebi’uu danda’u irratti hojjatamu qaba, dhimmi Oromoo yoo xiqqaate baatitti tokko qindeeffamee, miidiyaa addunyaa irratti ajandaa akka ta’uuf irratti hojjachuu nu barbaachisa. Karaan nu saaqame gonkumaa deebi’ee cufamuu hin qabu. Addunyaan warra yeroof ho’ee deebi’ee qabbanaa’u nu gochuu hin qabdu. Gaaffii keenya bifa adda addaan dhiheessuuf kan dirqisiiu haaluma jireenya Biyya hambaa keessaa waan ta’eef, qindoominni barbaachisaadha.
walii galatti qindoomiina Biyya keessaa fi alaa kanatti, addunyaatu hawwatamee jira. Gaaffiin Ummata Oromoo baatii tokko caalaaf qophaa isaa ajandaa qaamoota addunyaa hundaa ta’eera. kun dhiiga ijoollee wareegamteen kan argameedha. Dhiigi sun akka bakka nu bu’u, sochii wal irra hin cinnee argisiisuun mirkaneessuu qabna. Addunyaan gaaffiin keenya akka simattuuf, tolummaa isaanii eeggachuu odoo hin taanee, humna ta’uu keenya argisiisutu bu’aa qaba. Humna ta’uu keenya wayyaanettis, addunyaattis argisiisuu qabna. Wayyaaneen Gaaffii Ummata miliyoona 40 olii kan namoota muraasaa taasisuuf, dhimmicha gara fedaraalaatti ol guddisuu jabbaaf, OPDOn akka deebii itti laatu taasiftee, ilaalchi hawaasa addunyaa akka rakkoo keessaatti akka fudhatu taasisuuf yaalaa jirti. Nuuti ammoo kana caalaa hojjannee Hiwaatoota dubbachiisuu qabna. Miidiyaa qabnuun Hiwaatoota harkifnee waan itti hadhaayee akka liqimsan taasisuu qabna.  Gaaffii keenya addunyaatti wayita dhiheeffannu, waan sadii hubachiisuudhaaf ta’uu hubadhaa. gaaffiin kun Hawaasa addunyaa, wayyaanee, tajaajiltootaa  fi deeggartoota ishee ilaallata.
  1. Ummati Oromoo Gaaffii Abbaa Biyyummaa qabaachuu ykn gabrummaa jala jiraachuu,
  2. Sirni Angoo irra jiru gaaffii keenya ukkaamsuuf miidhaa ol-aanaa nurraan ga’aa jiraachuu fi (hidhaa, Biyyaa baasuu, ajjeeechaa, hiyyummaa kkf.) kun akka nu irraa dhaabbatu akeekuu,,,
  3. Gaaffii keenya ukkaamsuuf miidhaa bifa kamiitu of irraa qolachuuf tarkaanfii fudhannu hundaaf itti gaafatamummaa hin qabnudhaa beeksifachuufi.
Hubachiiisa: qabxii 3ffaa kana yeroo baayyee namoonni hin qalbeeffatan. Miidhaa nu irra ga’u qolachuuf sochii taasifnu qofaa odoo hin taanee, Biyya keenya ega dhuunfannee boodallee kan hojii irra oolchinu hundaa fi waan bara gabrummaa raawwatame hundaaf beekamtii laachuu fi dhiisuun, fedhii Ummata ajjeefamaa ture irratti akka hundaa’u hubachiisuu ta’u hin dagatiinaa.
Akka walii galaatti kan nu hafu, Qabsaa’oonni bu’ura kaa’an mirkaneessuudha. Ummata qabsoo walii galaaf qophii ta’uu mirkaneeffate kanaaf deebii laatamuudha. Namnis ta’ee humni Ummata kanaaf dhimmu kamuu, sochiin akka dhuunfaattis ta’u akka gurmuutti taasisu, bakka akka qabu hubachuudha. Har’a gargar fagaannee kan jirru nutti fakkaatu kun, hangama wal-keessa akka jirru, hojiin yeroon itti argisiifnu dhihaataa jira. Eeenyullee waamicha odoo nu hin taasifnee, Diina irratti yeroon itti waliif birmannu fagoo hin ta’u. sochiin har’aa kun bu’ura waloo nuuf haa ta’u. sochii amma qindoomiinaan gaggeffame kana yoo itti fufne, kan walii galaatti ceesisuuf, waggoota hin eeggannu ta’a. walii gala, humna ta’uu keenya qofaatu,  gaaffii keenyaaf deebii quubsaa akka kennu gadi fageessaati qalbeeffadhaa.
Xumureera.
HORAA BULAA

Tuesday, May 6, 2014

Security Forces Fire On, Beat Students Protesting Plan to Expand Capital Boundaries
MAY 5, 2014
Ethiopia’s heavy handed reaction to the Oromo protests is the latest example of the government’s ruthless response to any criticism of its policies. UN member countries should tell Ethiopia that responding with excessive force against protesters is unacceptable and needs to stop.”
Leslie Lefkow, deputy Africa director
(Nairobi) – Ethiopian security forces should cease using excessive force against students peacefully protesting plans to extend the boundaries of the capital, Addis Ababa. The authorities should immediately release students and others arbitrarily arrested during the protests and investigate and hold accountable security officials who are responsible for abuses.

On May 6, 2014, the government will appear before the United Nations Human Rights Council in Geneva for the country’s Universal Periodic Review of its human rights record.

“Students have concerns about the fate of farmers and others on land the government wants to move inside Addis Ababa,” said Leslie Lefkow, deputy Africa director. “Rather than having its security forces attack peaceful protesters, the government should sit down and discuss the students’ grievances.”

Since April 25, students have demonstrated throughout Oromia Regional State to protest the government’s plan to substantially expand the municipal boundaries of Addis Ababa, which the students feel would threaten communities currently under regional jurisdiction. Security forces have responded by shooting at and beating peaceful protesters in Ambo, Nekemte, Jimma, and other towns with unconfirmed reports from witnesses of dozens of casualties.

Protests began at universities in Ambo and other large towns throughout Oromia, and spread to smaller communities throughout the region. Witnesses said security forces fired live ammunition at peaceful protesters in Ambo on April 30. Official government statements put the number of dead in Ambo at eight, but various credible local sources put the death toll much higher. Since the events in Ambo, the security forces have allegedly used excessive force against protesters throughout the region, resulting in further casualties. Ethiopian authorities have said there has been widespread looting and destruction of property during the protests.

The protests erupted over the release in April of the proposed Addis Ababa Integrated Development Master Plan, which outlines plans for Addis Ababa’s municipal expansion. Under the proposed plan, Addis Ababa’s municipal boundary would be expanded substantially to include more than 15 communities in Oromia. This land would fall under the jurisdiction of the Addis Ababa City Administration and would no longer be managed by Oromia Regional State. Demonstrators have expressed concern about the displacement of Oromo farmers and residents on the affected land.|

Ethiopia is experiencing an economic boom and the government has ambitious plans for further economic growth. This boom has resulted in a growing middle class in Addis Ababa and an increased demand for residential, commercial, and industrial properties. There has not been meaningful consultation with impacted communities during the early stages of this expansion into the surrounding countryside, raising concerns about the risk of inadequate compensation and due process protections to displaced farmers and residents.

Oromia is the largest of Ethiopia’s nine regions and is inhabited largely by ethnic Oromos. The Oromos are Ethiopia’s largest ethnic group and have historically felt marginalized and discriminated against by successive Ethiopian governments. The city of Addis Ababa is surrounded on all sides by the Oromia region.

Given very tight restrictions on independent media and human rights monitoring in Ethiopia, it is difficult to corroborate the government crackdown in Oromia. There is little independent media in Oromia to monitor these events, and foreign journalists who have attempted to reach demonstrations have been turned away or detained.

Ethiopia has one of the most repressive media environments in the world. Numerous journalists are in prison, independent media outlets are regularly closed down, and many journalists have fled the country. Underscoring the repressive situation, the government on April 25 and 26 arbitrarily arrestednine bloggers and journalists in Addis Ababa. They remain in detention without charge. In addition, the Charities and Societies Proclamation, enacted in 2009, has severely curtailed the ability of independent human rights organizations to investigate and report on human rights abuses like the recent events in Oromia.

“The government should not be able to escape accountability for abuses in Oromo because it has muzzled the media and human rights groups,” Lefkow said.

Since Ethiopia’s last Universal Periodic Review in 2009 its human rights record has taken a significant downturn, with the authorities showing increasing intolerance of any criticism of the government and further restrictions on the rights to freedom of expression and association. The recent crackdown in Oromia highlights the risks protesters face and the inability of the media and human rights groups to report on important events.

Ethiopian authorities should abide by the UN Basic Principles on the Use of Force and Firearms by Law Enforcement Officials, which provide that all security forces shall, as far as possible, apply nonviolent means before resorting to force. Whenever the lawful use of force is unavoidable, the authorities must use restraint and act in proportion to the seriousness of the offense. Law enforcement officials should not use firearms against people “except in self-defense or defense of others against the imminent threat of death or serious injury.”

“Ethiopia’s heavy handed reaction to the Oromo protests is the latest example of the government’s ruthless response to any criticism of its policies,” Lefkow said. “UN member countries should tell Ethiopia that responding with excessive force against protesters is unacceptable and needs to stop.”