Friday, August 22, 2014

Breaking News : Hagayyaa 20/2014 FDG Marsaa 2ffaan Godina Lixa Shawaa Yuunibarsiitii Amboo Keessatti Goototata dargaggoota Oromoon Qabsiifame

diddaa9
Hagayya 21, 2014 (Qeerroo) — Goototni barattootni Oromoo Lixa Shawaa Yuunibarsiitoota biyyatti garaagaraa irraa baracha turanii boqonnaaf maatii isaani bira utuu jiranii Wayyaaneen maqaa walgaii farra uummata Oromoo ta’ee fi farra qabsoo bilisummaa Oromoo ta’een gaggeessuuf akkuma Yuunibarsiitii Ambootti walitti qabdeen guyyaa haraa saaatii 10:30 irratti akkuma wayyaaneen walitti qabdee Orientation kennuufii eegalteen goototni batattootni Oromoo gaaffii irratti roobsuun Iyyaannoo isaanii kan qabxii 10 of irraa qabu itti kennachuun gaaffii keenyaaf deebiin hanga nuuf kennamutti walgaii wayyaanee waliin hin teenyu, wayyaaneen diina keenya, hirimii keenya kaleessa daaima umrii waggaa 7 hanga manguddoo waggaa 80tti ajjeesa turtan dhiignii ilmaan Oromoo lafa hin qoorree akkamitti walgaii biyyooleessa qopheessuun walitti nu qabuu dandeessan, waraannii haga kana baayatu magaalaa Amboo fi Unibarsiitii Amboo keessa qubsiifamee jiru kun maal nurraa eega. Erga walgaii taee waraanaan dorsifamaa maqaan walgaii jedhu kun maalii? Amma gabaabaattii gaaffii barreeffamaan isinitti dhiyeeffamnne kanaaf deebii nuuf kennaa, Gaaffii mooraa Yuunibarsiitii keessatti baatii Eblaa 11/2014 irraa egaaluun isin gaafachaa turreef deebiin nuuf kennamuu qaba, ilmaan Oromoo sababa gaaffii karaa mirgaa fi dimookiraasii gaaffatneef ajjeefamanii mootummaan EPRDF itti gaafatamuu qaba, barattootni Oromoo hidhaman gaaffii tokko malee hiikamuu qabu, kanneen barnoota irraa Ariiataman gaaffii tokko malee barnootatti deebiuu qabu. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo kabajamuu qaba, gaaffiin mirga namoommaa fi dimookiraasii gaafachaa jirru nuuf deebiuu qaba, Master Planiin Finfinnee guutummaatti haqamuu qaba jechuun iyyaannoo iyyannoo isaanii dhiyeeffachuun dhaadannoo fi Walleewwaan warraaqsaan ABO faarfatan.
Barattootni Oromoo Mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessatti walitti qabamanii waraanaan eegamaaa jiran kun eraga gaaffii kaachisanii booda wallee warraqsaa fi dhaadannoo dhageesisuun -ABO nuuf dirmadhu, ABO karra nuuf bani,
  • baallammii gurrach garbuu WBO beektuu qeerransa muree bira darbuu,
  • korma guduruu ABOn leenchuma duruu jechuun Wallee warraaqsaa hedduun ABO hanga halkan keessa saaatii 4:00tti mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessa naannauun sirban,
  • *Dhaadannoowwaan kanneen akka:
  • -Tokkumaa keenyaan harka walqabannee haa kaanu ni falmannaa,
  • Ajjeechaan nurraa haadhaabbatu,
  • mirgii Oromoo haa kabajamuu, Oromiyaan kan uummata Oromooti,
  • -Ajjeechaa dugugginsa sanyii nurratti mootummaan wayyaanee rawwateef itti gaafatamuu qaba,
  • ilmaan Oromoo gaaffii nagaa waan gaafatneef hidhaman haa hiikaman,
  • Master Planiin Finfinnee haqamuu qaba,
  • Mirgi abbaa biyyuummaa uummata keenyaaf haa kabajamuu,
  • Mirgootni namommaa fi dimookiraasii haa kabajamaan, kanneen jedhan mooraa yuunibarsiitii Amboo keessa naannauun dhageesisuun FDG marsaa 2ffaa dhoosaan. haala rakkoo networkii ulfaata keessatti sagalee warraaqsaa kana warrabnee waan jirruuf gabaasa kana waliin walqabsiifneera dhaggeffadha, Oromoo bakka jirtanii nuuf dirmadhaa, Yeroon Gamtaan Falmannuu amma taa’anii bara lakka’uun doofummaa fi walaalummadha, Ka’ii Oromoo Ka’ii dhaamsa hoggansa sochii dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo fi koree qindeessitu FDG ti!!
Source: Qeerroo
11 comments - What do you think?
Posted by admin - 21/08/2014 at 5:12 am
Categories: Oromia  Tags:

11 Responses to “Breaking News : Hagayyaa 20/2014 FDG Marsaa 2ffaan Godina Lixa Shawaa Yuunibarsiitii Amboo Keessatti Goototata dargaggoota Oromoon Qabsiifame”

  1. Ani Keetim says:
    This a time to have free oromia
  2. oromtitiiiim says:
    ya warra biyaa jirtana wal birra dhabadha. kutta hunda wal birra dhabadha.
  3. Jimma says:
    Fincilli ykn mormii gaggessuni barbaachisaadha garu “Ye Hayil mizan Iskidafa” “federal police” walin “confront” gochuun sirri miti. Kuni ijjooleeti ergaa darbu qabudha. Yeroon kuni namoota “civil” ta’ani barattoota rakkisani dorsiisani ummata hiriirsani ijjooletti bu’u barbaadani humni addaa ummata waliin ta’e karaa kunamti “network” qabun jala bu’ee hordofufi addabbi barbaachisu fudhachuudha. Malee barataan humna hidhate waliin “confront” gochu hinqabu. Mormiin garu itti yaa fufu-karuma nagaan. Fincillis bakka hundatti akka adeemu qabu ergaa-dhaamsa dabarsuudha.
  4. tolcha says:
    I have always wondering why the case of Oromia is more or less concentrated on the West Orommia, specifically Ambo. ” Ambo qoffadha Namni Oromumma Offitti Kan warregammu” It seems like other parts of Oromia is sleeping. Or there is shortage of propaganda and movement in these part of the country. There is no way to postpone the sacrifice. I believe it is way better to struggle continuousely without interruption, than to come and go every year. The continuity of struggle is a necissity, especially during this very intense time for Tigre Thugs/murderers. They are in deep shit all over, no way to escape!
  5. Jimma says:
    Kanan dagadhe dhaadannon kan saboota biyyatti hunda qabsoof kakaasu ta’u qaba. Dagatamu hinqabu kuni. Akkas ta’us mormiin “master plan” yoomiyyu jiraachu qaba.
    Tolcha
    We don’t need comparison between Ambo with other cities. We hope that all other cities will follow and/or resume the uprising. We have also poor network between Oromia Universities/Colleges, High school and Elementary schools. Something has to be done to fill the gap.
  6. yaa war biya kesaa jiiruu walii gall toko thaa wan iniibarbad hardha barbaduu diidu qaabn nutii warii biya hiinjiiree isiin deegaraa ??????????
  7. Oromia says:
    Wondafukl Qeerrroo Oromoo, biyyis kan keetti bor kan kabajmaee, ilmaan kee uummani kee kabajame jiruus akan keeti. Kanaaf murtii siif, ilmaan keef uummata kee boonsu fudhachaa jirta. Itti fufi, itti qabsiis, nuttis siin jirraa, si bira jirraa, waan si barbaachisu hundaan. Well done.
  8. Kumsaa says:
    Tolcha good observation. Ambo will provide victims who will die for Oromo cause, while the rest of towns and regions will dance with enemies and prepare to become Oromian leaders in case Ambo and few others succeed to liberate Oromia. How many leaders of present day Oromo organizations are from Ambo or central Oromia? Essentially none!
  9. oromotit says:
    Kumsa and Tolcha shame on you guys really. first of all you guys are some where in the west living comfortable life why you play with our people’s life back home. why not just leave to them because your not helping. it is stupid people like you guys who is keeping oromo behind. instead of encouraging people to stand up together your find ways to divide
  10. Jimma says:
    Hamma danda’ame obsani sochii jiruuf shakki qabaanullee harifachu irraa yeroo fudhatani yaada kennu wayya. Kan hunda keenya caala beeku nama biyya jiruudha, kessattu bakka fincilli adeemaa jiru ykn immo namoota naannoo sanatti walqunamti qabanidha. Kan biraa magaaloota waldorgomsiisu wal bukke qabuun bu’aa isaa irra midhaatu caala. Inni tokko akka fincili magaaaloota kaanittis ka’u yaaada inni kaan immoo “negative” ta’een ilaala. Kanaafu “comparisons” yomiyyu hafuu qaba. Kan ta’u qabu magaaloota Oromiyaa ta’e kan biyyatti hundatti akka fincilli adeemu-akka waljalaa ka’an yaada isaan kakaasu dhaamsa dabarsuu wayya. Gam tokkon qabsoo oromoo akka jabaatu barbaadna. Olaantummaa Tigree of irraa kaasuf guyya guyyaan dhaadanna. Hojjaan waanta faallaa ta’e hojjachu hinqabnu eega. “Responsibility” hunda keenya irra jira. Gahee keenya hojjachutu seera qabeessa.
  11. I am Oromo First says:
    Kumsaa + Tolchaa;
    It looks like you guys have no idea what “leading/leadership’ means.
    Leadership is not a position but an action, a capacity to move other people to take action. Hence, unlike your ignorance and empty cry, Ambo is really leading. It is providing the right type of leadership; moving people to action. That is leadership.

Leave a Reply

Your email address will not be published

Wednesday, August 20, 2014

Breaking News -Koree gidduu galeessaa OPDO keessatti jeequmsi olaanaan dhalate. Miseensotni Korichaas arii’amaa jiru

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Hagayya 15, 2014
opdo-saamtuuYeroo dheeraaf Ulee mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo rukkutu tahuun tajaajilaa kan as gahe Koree gidduu galeessaa OPDO keessatti jeequmsi olaanaan dhalate. Fincila diddaa garbummaa bara 2014 gaggeeffame keessatti isin miseensota ABOti, FDG Kana keessatti hirmaattanii jirtu jechuudhaan Qorannaan caasaa qulqulleessuu magaala Adaamaatti eegalame xumura malee hafuudhaan gara magaala Shaashimanneetti cehamee jeequmsa olaanaa irratti argamu. Miseensota Koree gidduu galeessaa OPDO kan turanii fi tika Caasaa OPDO kan turan Obbo Geetaachoo Olii fi Abdoo kanneen jedhamanis miseensummaa irraa haqamanii jiran. Kanneen walgahii kana irratti argamaniidhaafis gatiin hojii isaanii sadarkaa A, B,C, D dhaan kennamaa kan jiru yoommuu tahu Iccitii kana baasnaan namuu itti gaafatama jechuudhaan bilbila harkaa irraa funaanuun walgahii muddaa irratti argamu. Keessi OPDO bututaa fi wal amantiin isaan gidduutti dhibamuu irraa Passportiin amanamtoota Koree gidduu galeessaa yeroo dheeraa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa fi Obbo Dirribaa Kumaa irraa fudhamee jiraachuun isaas ni yaadatama.
Source: Qeerroo
16 comments - What do you think?
Posted by admin - 15/08/2014 at 10:09 pm
Categories: Oromia  Tags:

16 Responses to “Breaking News -Koree gidduu galeessaa OPDO keessatti jeequmsi olaanaan dhalate. Miseensotni Korichaas arii’amaa jiru”

  1. Boonaa says:
    This is a good news. OPDO should divorce from TPLF.
  2. qorsaa says:
    OPDOn yeroon itti uumata oromoo dhiifama gaafattu ta’uu qaba yoo hin ta’iin rakkoo OPDO mudatu guddaa ta’uu mala.
  3. Guutam says:
    OPDOn supheedha. Suphee Tigreetiin tolfamte. Kanaaf kan wal nyaachisaa jirtus irra caalaa faayidaa Ummata Oromoof osoo hin taane amanamummaa Tigreef caalmaa agarsiisuuf fakkeeyetti. Suphee ammo waan taateef yoo sibiilatti if jijjiirti ta’e malee Tigree lafatti gadi darbitee caccabsuu malti!!
  4. StudentForced says:
    Kitaaba qopheesudhaani akamiiti biyyoota biro waliini gudachuu danidahaama kannii jedhuu ijooleen baraatota guyyaa Agu. 19/2014 irraa eegalee Amboottii akkaa leenjii fudhaatani ajaajameera.
    Ijooleen baadiyyaa keessaa jirraan iddoo magaala issaanit dhiyaatuti argaamani geejibaani Ambooti geessaamu. Yeroo ammaa kaana ijoolleef kanifaalti tokkooyyuu hinkenamneefi. Rakoo irraa jiruu.
    Ansoola kkf akkaa maataa issaanitiin bitaatani ajjaajamaniruu. Yoo lenjii kanaarati hin agraamnee warraaqaani hin keenamuuf. Ni ariyaamtu, hingaalmtaani baarumsaa hinargaatani yuniversiiti keessani jedhaamaniitu akkeekachisa fi doorsiisatu keenamaa jiraa.
    Kannaafu:
    1) Ijooleeni kuuni kanaafaltii akkaa raawtamuufi gaaffii haa dhiyyeesani. Hangaa yoonati leqqeefatani maagala keessaati rakaachaa jiruu.
    2) Gaaffii bilissuummaa haa dhifaatani. Bilisuummaa booda waayyee haalati gudaatani ni mariyaatu.
    3) Lafaa Oromoo gurguuru, Oromoota buqisuudhaani misoomnii hinjiruu.
    4) Ijoolee du’aani ittii gaafatuma eenyutu fudhaate. Kanii du’uu Oromoo kanii hidhaamu Oromoo. Kanaafi Oromoo fi Oromiyaan bilisuumma barbaachiisa.
    KKF
    gaafii akkaa qopheessaniammaa qabaani waraaqqaa haa bitinsaani.
  5. Gurmuu Karrayuu says:
    It’s realy sad to note that it took 24 years for OPDO members to realize that they have been paid servants of TPLF who were being used as guides to Oromiyaa for the exploitation of Oromo people.
  6. Gada Milki says:
    Waan haqa arratti hin hirknne turus ni kufaa. Kanaaf gara waqaa fi dhugatti otoo hin dukanaa’in gouun barbaachisa.
  7. Laloo says:
    This was my dream since the OLF has been left from the transitional Government way back in 1992. I was expecting that the internal divisions that will come out of OPDO will mark new chapter for the Oromo movement. One thing that we all (oromo) need to know is, we are one of the factors that contributed the most for the success of unholy marriage between TPLF and OPDO. We are still doing the same thing after 24 years, dehumanizing, character assassination, isolation of OPDO from general population, etc., the list is too long to put here. But enough is enough and we need to be politically wise and mature after all these time (24 years). Some of us still stuck in the early stage of 1990’s. Time and opportunity have passed again and again but we still attack OPDO. Some of us are so blind and we can’t see how the Oromo politics is evolving. We the Oromo people need OPDO on our side whether we like it or not. We cannot keep continue doing TPLF job ourselves. It is the public secret that OPDO has been crated and mostly promoting the agenda of TPF. This has been done by the first generation of OPDO but the second generation is bit different than the first one. They are baptized by OLF and they are trying to help on whatever they can to promote the interest of Oromo people , keep in mind that they are doing this under the total control of TPLF and some of them paid huge price and they are still paying that now.
    For those who bend down your back to attack OPDO day in and out, you are the worst enemy of Oromo people indirectly because you are not helping the divorce process of TPLF and OPDO. What you are doing is, you are attacking the confidence of some elements within the OPDO who are trying to do something good. Keep in mind that some of these OPDO members are capable of thinking that they need to be independent of TPLF control and they are trying to find how to do it, but you are pushing them back to this unholy marriage with your attack. If they think that they do not have any of Oromo backing when they try divorce from TPF, they only thing they can do, trying fix their rotten marriage.
    One thing we need to understand here, whether we like it or not the only viable power that can challenge the hegemony of TPF is OPDO for the Oromo at this moment, therefore we need to be politically smart and savvy in this time and place. We need to stop attacking OPDO. We need to show to OPDO that if they devoice with TPLF, we are ready to take them back with open arms and ready to forgive them. We need to be ready to rally behind the independent OPDO. We need to stop in fight and ready to attack our enemy, real enemy. This is the Oromo unity that some of us singing for the past 24 years. As a people, Oromo, let’s have a permanent interest but not permanent enemy!
  8. BB says:
    Personally I don’t know this OPDO but as an independent neutral person, as it now stands the elimination or weakening of the OPDO which many of us out of irrational hatred and momentary feel good alone are singing like swans will only come to weaken the situation of the Oromo people as a whole while strengthening the situation of neftenyas and tplf corner patriots who are working secretely as hand and gloves with those amara groups within the government. People who can not unite when faced with adversities will only get defeated and keep being servants for others as we have seen for such a long time.
    Now it is NOT the time of thinking little and being petty chest pumping baboons rejoicing, dancing about the misfortunes of other Oromo groups and individuals but the time of gathering all the dispersed forces to form solid majority force and then proceed to take once own rights and equalities.
    Even if OPDO is not there abeshas will redouble their efforts and unity and power so as to tie your hands and legs even more tighter and make you work for them under slavery. Or do you mean that now Oromia is in better hands only because opdo is not there just like some amara elites think? Very funny indeed! :)
  9. Boona says:
    Laloo,
    I am not quite sure whether this forum is appropriate to discuss on tactics and strategies of Oromo political organizations. As you said, there is one distinction about OPDO that we need to spell out. Those OPDO members who were used by the TPLF as Trojan horses and who are still benefiting themselves at the expense of the Oromo people must be held accountable. People like Kuma Demeksa, the Oromia security head and a bunch of central Committe members did not have the cause of the Oromo people at heart and did not fight for it in the first place. That is why they will never yield to the wish of the Oromo people, but would like to serve their masters’ mission.
  10. Maaloo says:
    Laloo,
    Thank you very much for telling the winning truth nothing but the truth, if some of these demented sounding folks playing the same loser vision and mission old songs from broken tape recorders and through that keep increasing the sufferenaces of the Oromo people.
    As it now stands ONLY the opdo have the ability to challenge those people and that is also why all of those adversaries focus on dividing and weakening the opdo. Only the last Oromo moron goes on to help the enemy by attacking opdo instead of strenghtening it. :)
  11. Laa Laa says:
    Boona,
    “…the Oromia security head and a bunch of central Committe members did not have the cause of the Oromo people at heart and did not fight for it in the first place. That is why they will never yield to the wish of the Oromo people, but would like to serve their masters’ mission.” you wrote
    You are now predicting the future with utter determinism which is utterly wrong. Of course they too will change in the future if the balance of power changes in the future and nothing is permanent, except diamonds. And the balance of power will surely change only if Oromos keep developing their own multidimensional capapcities(capacity building)and through that become solid and strong power to recon with.
    If you have the habit of thinking that certain things will never change then it also means that you will never take change bringing steps and capacity building actions thereby inviting defeatism and weaknesses. This is the so called laws of Self fulfiling prophesies.
    Better asume everything can change and will change however it may be piece by piece, slow and inceamental if conditions are ripe, places and times are correct and confortable.
    And you must be the agent to help ripen the fruit, arrange the places and the right times. Why are you folks demanding full scale rebelion when the fruits may have not been ripe, when the time is not correct, and when the place is not defined?
    Haste make too much waste and spoils even the whole thing.
  12. Bingo says:
    Gurmuu Karrayuu,
    “…were being used as guides to Oromiyaa for the exploitation of Oromo people.” you wrote
    Do you mean then that you want all of those neftenyas spread all over Oromia cities and villages to act as guides because they are still there very well united, organized and politicised even buying poor ignorant Oromos for a bottle of local honey wine to loyally vote for the great neftenya CUD victory in the 2005 election while poor Oromos even then just like now producing empty rantings and rantings with out any concrete results. Some times Oromo tactlesness and lack of wisdom is mind boggling to say least beacuse some of them think that it is enough to produce old and standardized steril familiar phrasesm instead of fresh thinking and broad based ongoing vision and mission review and updating oneself. :)
  13. taajjaba says:
    Maali OPDO nis akka nama bishaan nyaate karoora wayaanetin asii achi raatoyitee mataa walinyaachu jirti baratoota walitti qabdee maali umata oromoti dalagine ykn mali isiini dalgana jete odeeyisu deemti 《siilahu ilmoon diqaalan qanyi hinbeeyitu 》Jedhamami akkasi dalgaan isaani kisara bu.aa hinqabne dha.
    amma filanno dhiyate jira kanaafu umaticha:-
    1/haala danda.ameen wwan hinjire waada senani itti kijibani samu isaani jijjiru
    2faa:-akka namu motumaa kanatti hindubane bikka jiruti sodachisu
    3faa:-akka fayidaafi ,qabenya,akasumas nagenya umatichaatifi dararamani bu.aa busani ijifano galmeesan fakeesu
    4faa:-gaafi umata oromotifi baratoota oromo kan waliigalaa akka diini alaa seene woliin dhahaa jiru fakeesun gaafii fi fedhi umata oromo dinaan waliqabsiisun siri akka hintane hubachisu.
    akkasumasi waligalati akka wayaneen Isaan(OPDO)kaartun goteakka feete gotee itti ajajee itti qostuuti isaanis WAREEN GARAA GUTATANII ERGAMTOOTA DIINA TA.AAN KUNIbaratotaafi umaticha 1.sodachisudhan
    2.itti kijibudhan.3.waadaa kijibaa baratootafi umaticha seenudhan wolgahii kana qopheesani filanno dhufufii haala mijeefachudhaafi kan itti yaadamee ta.uu isaa ifaa dha.
  14. tolcha says:
    Who cares for stupid trojan horses with no brain in their skull but…
    • oromotit says:
      think before you talk. OPDO they stay in their country and do what they can who are we to stay in the west and blame them. yes some of them are doing completely what tplf tell them to do but some are working really hard to educate the next generation. if not for OPDO after OLF left our people we have go back to the dark age where they used not allowed even to speak their language or learn in their language. not us not point our finger to them but try to forgive and work together for the seek of our people who are suffering and being dehumanized. please people in the west you dont understand what kind life our people are living in our country
      so please try to find solution than blaming each other. we just see OPDO working with tplf but we dont see what they are doing for our people. yes they are few in OPDO member who are oromo and care for their people another who speak the language but not oromo and taking advantage let us not put them all in one basket. i hope i make sense

Generation fearless of death and detention destroys mountains

By Firehiwot Guluma Tezera \ August 18, 2014
Firehiwot Guluma Tezera
Firehiwot Guluma Tezera
There is an Ethiopian saying “she lost what she has under her armpit while reaching for the upper shelf”. While this selfish individual tries to get hold of another, what she already has will be scattered. Lately in Habesha camp fear has spread and uneasiness has increased.
Soothing, warning, rebuking and some others were tried. Unfortunately they try to tell us that the source of their problem is the national struggle of the Oromo people. In reality the aim and goal of the struggle of the Oromo people is to get rid of authoritarian rulers and thus to achieve the right to self determination for the Oromo people based on international regulations and laws is fair. The importance of the struggle is not only for the Oromo people but for all the people of the empire who are suffering under the colonial rule. So the Oromo people trust in united struggle of oppressed people. It will and has been wedging joint struggle with forces with similar aim. In other ways Oromo people demonstrate peace in its cultural and administrational structure and supports fair unity. It helps the weak and stand for the oppressed. A good demonstration is the exemplary unity the different ethnic groups living in today’s Oromiya exhibit despite the numerous attempts by anti Oromo groups to create a rift between them.
As Oromo people in their social life and national struggle respect the rules of human rights and by any measure are not threats to neighboring and same region people, the fake information disseminated by groups wanting to re-instate the old system and tplf jointly and independently turns out to be false.
The truth has been illustrated at various times by different individuals. But as long as those Oromo-phobic individuals who could not understand it give in, we must show and teach them theoretically and by action how Oromo struggle has matured. Accordingly the Oromo struggle has come a long way and has reached a stage where it cannot be averted, even though they are not going to like it I would like to demonstrate by credible facts
  • By the sacrifice paid by its dear children Oromo people has been able to show to all world their country’s boundary and true history. By blood and bone of her children our country Oromiya will be respected till eternity. This is the reality.
  • The language and culture of Oromo people has been developing on solid foundation. Today Afan oromo has its own alphabets. Millions study, teach and do research by it. Medias with International audience broadcast by it. It has become language of literature. As this indicates that the struggle is nearing the end, we must take note.
  • The Oromo people struggle has arrived at the generation who doesn’t fear death and ready to sacrifice its dignity for the sovereignty of Oromia. This confirms all. As this reality is being seen on the ground, there is no need for further explanation.
  • The international community has not only understood but forced to look for solutions about the arbitrary killing of Oromo people. This is the fruit of relentless struggle. Even if you don’t like it you know the exact gist.
  • Today we have arrived at historical chapter where the Oromo people have demonstrated that they won’t crack by propaganda of anti Oromos and that they have stood together in union for a common goal. This cooperation between Oromo people has started to shake your power base giving you high blood pressure as demonstrated by the recent uprising.
  • As the Oromo national struggle consist of all options, Oromia mountains, valleys and forests are witnessing strong military preparation. Accordingly in May 2014 the Oromo Liberation Army has attached enemy soldiers and killed and wounded more than 200 soldiers. It has confiscated a lot of military equipments.
Overall Oromo people have scored important victories and is mobilizing it human and material resources to claim the rest of its rights. So are you trying to stop this visionary generation by imprisonment? Or trying to fool them by rebuking and fake words? To tell you the truth that era has passed. Let me help you realize the truth. You can’t stop them. This is because you can’t stop a generation with a cause. The better way is to drop the old eyeglass which twists the truth and straighten your views and live together

Sochiin diddaa gabrummaa Oromiyaa keessaa jabaate itti fufuun Wayyaanee raafam keessa galche

QEERROOHagayyaa 18, 2014 (Odeessa Qeerroo Bilisummaa) – Hagayyaa 16/2014 Sochiin Dargaggoota,Barattoota Oromoo fi waliigalattii uummaatni  Oromoo mirga abbaa Biyyummaa isaa kabachiifachuuf abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO  irratti gaggeessa jiru daran jabaachuun mootummaa Wayyaanee raafama ulfaata keessa  galchee jira.
Sochiin Qeerroo, barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoon qabsiifame kana danquuf  wayyaaneen shiroota garaagaraa xaxaa kan turete yeroo ta’u uummata walitti qabuun sochii  kana ABOtu gaggeessa, balaaleffadhaa jedhee godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessa  deemuun uummaata humna waraanaatiin walitti qabee hiriira baasuuf yaalii godheen  uummaata irraa diddaa guddaan isa mudachuun ni yaadatama. Keessattuu shirri Wayyaanee  kun Godinaalee dhiha Oromiyaa keessatti mormii guddaa itti kaase.
Uummaanni Oromoos ergaa gaaffii mirgaa gaaffachuu fi qabeenyaa keenya hin saamiina,  dhala keenya dhukaastanii hin ajjeesinaa, mirga keenya nu sarbiina, lafa keenya irraa nu hin  buqqisinaa, seeraan ala nu hin hidhiinaa, ijoollee keenya barnoota irraa hin arii’ina, mirga  dimookiraasii fi namommaa nu hin sarbiina jechuun ABOdha, shororkeessadha, nama  jechisiisa ta’ee ,dhibbaan dhibbatti ABO’n sirrii fi dhugaaf kan nuuf falmu ta’uu hubannee  jirra jechuun uummaanni dubbatee Wayyaanee qaaneesse jira.
Haala kanaan Wayyaaneen walga’ii uummataa sadarkaa aanaa fi gandaatti godinaalee dhiha  Oromiyaa Godina Lixa Shawaa, Godina Horroo Guduruu Wallagaa, Godina Bahaa  Wallaggaa, Godina Lixa Wallaggaa , Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraatti haala  walfakkatuun uummanni walga’ii Wayyaanee balaaleffachaa jiras. Jaalalli uummaatni  Oromoo ABOf godinoota kana keessatti qabu ammaas ABO jechuun uummata Oromoo  jechuudha jechuun. Utuu hin jaalatiin dhugaan qabatamaan lafa jiruu uummaatni hundi akka  miseensa fi deeggaraa ABO ta’uu ta’ee jira.
Shirrii wayyaaneen akka tooftatti itti fayyadamuuf yaalii godhaa jirtu uummaatni akka ABOf  deeggarsa laatu godhee jira. Wayyaaneen shira ofiin qopheessite qaanii isheetti uffise kanatti  naasuu guddaa keessa seenuun waan qabdee gadhiiftu dhabuun walnyaachuutti deebite jirti.  Akkuma Oromoon yeroo mammaakuu ”Gowwaan kan dandeessuu dhaani jennaan galee niitii  isaa reebee” jedhan Wayyaaneen haala ishee mudatee jiruu keessaa ba’uu akka hin dandeenye  waan hubateef niitii ishee OPDO doorsisuutti deebite. OPDO’n waggaa 23 keessatti uummata  amansiisuu hin dandeenye, ABO’s dhabamsiisuu hin dandeenye, har’a daa’imman waggaa 5ni  oliiyyuu ABO faarsaa jirti jechuun OPDO mudduun kun dhalatee jira.
Ergamtuun Wayyaanee OPDO’n muddama gooftolii ishee kanaan jeequmsaa keessa seenuun  diigamaa jirti. Yeroo ammaa kanas waldhiddaa guddaan jeequmsa keessa OPDOtti dhalateen  diigamtee badaa jirti.
Sochii Warraaqsaa Qeerroon barattootni Oromoo qabsiisaan birmannaa uummataa biyya  keessaa fi addunyaa irraatti fudhatamaa fi dhageettii waan argateef, Wayyaaneen haalaan  waan sodaatteef sochii kana danquuf barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo irraa gara maatiitti boqonnaaf deebi’anii maatii bira jiran maqaa walga’ii barattoota jedhuun diraamaa
kijibaa fi ololaa sochii eebbifamaa bilisummaa uummata Oromoo kabachiisuuf jiru kana dura  ittin dhaabbachuuf butattee asii fi achi fiigaa jirti.
Walga’ii kana FDGtti jijjiruuf Qeerroon barattootni Oromoo qophii barbaachisuu ummuruun  akkuma eegaa jiran, ammas kunis wayyaanee yaaddoo ulfaataa keessa galchee jira.  Wayyaaneen Sodaa guddaan waan muddamtee jirtuuf walga’ii barattootaa kanas dhiisuu,  gaggeessuu utuu jettuu har’a geessee waan qabdee gadiiftu waan dhabdeef walga’icha  gaggeessuun dura shira qopheessite jirti. Shirrii Wayyaanee kunis:
  1. Barattoota duraan Godina dhaloota keessanii fi Yuunibarsitii isinitti dhiyaatutti ta’a  jechuun kan dubbatee turte, amma dubbiin itti hammachaa waan jiruuf barattoota Godinaalee  sodaatan irraa wal jala dabarsuun teesisuuf murteessite jirti. FKN barattoota Oromoo Godina  lixa Wallaaggaa jiran Yuunibarsiitii Jimmaatti teesisuuf, kanneen Amboo jiran immoo lixa  Wallaggaa geessuuf, kanneen Adaamaatti waamaman Harommayyaatti geessuuf yaadan  waldhahaa keessa galtee jirti.
  2. Barattoota miseensota OPDO ta’an dursitee teesisuuf waamuuf murteesitee jirti.  Barattootni Oromoo immoo nuti barattoota Oromoo dhaloota qubeetii malee OPDO’ miti  jechuun miseensummaa OPDO balaaleffachuun icciitii akka miseensatti itti himamee  barattoota Oromoo hundaaf ibsaa jiru.
  3. Barattoota gargar qoqqoodanii teesisuuf yaala jiru. Akka siirnoota darbanii gochaa turan  Oromoon akka yaadaan wal hin hubanneef jedhanii waan yaadaniifi Oromoo qoqqoodanii  bituun dhaabbachuu qaba jechuun goototni barattootni Oromoo dhalootni qubee dhaamsa  waliif dabarsaa jiru.
  4. Guyyaa walga’iin kun itti waamamee jiru jijjiiruu murteeffattee jirti. Qophiin FDG  barattootni gochaa jiran haalan cimaa fi sirna kan qabu waan ta’eef guyyaa walga’ii jijjiruu  qabna jechuun wayyaaneen walga’ii hagayyaa 10/2006 A.LH tti waamtee jirtu gara hagayyaa  13 fi 14/2006 A.LH tti akka jijjiramu murteesuun dubbatama jira.
Walumaa galatti goototni  dargaggootni qeerroon baratootni Oromoo walga’iin wayyaaneen gaggeessuuf wan qabdee  gadhiiftu dhabdee wawwaachaa jirtu kana dura dhaabbachuuf iyyannoo marsaa 2ffaa jedhuu  kan gaffii 10 of irraa qabu qopheeffaachuun guutummaa Oromiyaa irratti barattoota Oromoo  hundaaf kard copy, fi Softcopy isaa waliif raabsaa jiraachuun qophii barbaachiisu
xummarachaa jiraachuun ibsame jira. Kana malees barruulee warraaqsaa ergaa gaggababaa fi  bineensummaa Wayyaanee saaxiluu fi suuraa ilmaan Oromoo warraqsa irratti wareegamanii  waliif raabsuu irratti argamu. Wayyaaneen barattoota Oromoo wal jala jijjirtuus, bakka  walga’ii jijjirtuus, guyyaa walga’ii jijjirtuus, ilmaan habashaa afaan Oromoo danda’anii fi  Oromiyaa keessatti dhalatan miseensa OPDO gootee dursitee walitti qabuuf yaaltus kun  sochii keenya matumaa gufachiisuun hin danda’uu jechuun dhaamsa waliigalaa Waliif  dabarsina. Biyya keenya Oromiyaa keessa naannoofnee uummata keenya dammaqfachuun,  mirga uummata keenyaa kabajamuu fi mirga abbaa biyyummaa uummata keenya eegsisuun  murtoo keenya jechuun dhaamsa dabarfachuu barbaanna. Maayyii irraatti ilmaan Oromoo hundi bakka jirtanii ka’aa FDG itti fufa mirga keenyaaf falmanna, Dimookiraasii fiduuf  falmanna, Oromoo bilisoomsuuf falmannaa, Oromiyaa walabomsuuf kutannoon kaanee ka’aa! Oromoo jechuun waamichaa wal irraa hin citne dabarfaachaa jiru.
Injifatnoon uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Hagayyaa 16/2014
Source: Qeerroo.org