NU YAADACHIISAA!!!
Nu yaadachiisaa
Nu yaadachisaa, akka dansaa
Nu yaadachiisaa hirriibaa nu kaasaa
Ilmaan minilik, yaa maatii bineensaa
Takka na caqasaa, xiqqoon isin gorsaa
Jabaadhaa nu yaadachiisaa akka dansaa
Tuttuqaa madaa teenya tan kaleessaa
Hekeraa, yaa ilmaan hekeraa
Lubaa lubbee, yaa dabteraa
Bifa dhablee, yaa gaararraa
Barreessituu seenaa dharaa
Akka dansaa nu abaaraa
Gumaa baafnaa nu afeeraa
Nu mullisaa siidaa waraabeessaa
Itti sirbaa, nu dhaadheessaa
Hirriibarraa nu dammaysaa
Haaloo baafnaa nu qopheeysaa
Itti suuqaa eegee fardaa
Nu yaadachiisaa guyaa gaddaa
Guyyaa lammii fixe rasaasni ibiddaa
Lafee cabsee, dhiiga dhangalaasee lubbuu addaa
Guyyaa harma muraa aanolee
Guyyaa minilik Oromoota golee
Naasuu takkaan malee
Daa’imman ibiddaan waxalee
Dardaraa-manguddoo ciqilee mogolee
Akka loonii billawaan qaqqalee
Qeerroo gurgure, sibilaan shakaalee
Gabra taasise, kaan jiraa awwaalee
Nu yaadachiisaa guyyaa kalee
Soddaan hindandeenyee waraansa ciqilee
Madaa qoorte buruysaa akka killee
Gumaa baasuu nuti hinwallaallee
Nu afeeraa, ol fuudhaa sagalee
Ajaa teessan, irraa saaqaa willee
Nu yaadachiisaa
Nu yaadachisaa, akka dansaa
Nu yaadachiisaa hirriibaa nu kaasaa
Ilmaan minilik, yaa maatii bineensaa
Takka na caqasaa, xiqqoon isin gorsaa
Jabaadhaa nu yaadachiisaa akka dansaa
Tuttuqaa madaa teenya tan kaleessaa
Guyyaa sheexanii suuqqate baallii
Qaamaan dhiqatee dhiiga calanqoo calii
Lafee cabsee, lubbuu lammii qalii
Lammii Oromoo, Raayyaa fi kamisee
Haadaa fi sibila, maxxanaan fannisee
Dhiiga dhagalaasee, lafee cabsee
Haadhaa fi abba, matii lubbuu baasee
Yeeyyii fi waraabo, bineensa nyaachisee
Miliyoona kudha shani gad deebisee
Gadaa cabsee, oromoo facaasee
Wirtuu Oromoo mataskan taasisee
Ilmaan oromoo kiristinnaa kaasee
Burqaa Oromoo, habashaa dhaalchisee
Nu yaadachiisaa
Nu yaadachisaa, akka dansaa
Nu yaadachiisaa hirriibaa nu kaasaa
Ilmaan minilik, yaa maatii bineensaa
Takka na caqasaa, xiqqoon isin gorsaa
Jabaadhaa nu yaadachiisaa akka dansaa
Tuttuqaa madaa teenya tan kaleessaa
Nu yaadachiisaa sheeyxaanummaa habashaa
Daakaa, ganaanaa, jiisaa akka qooshaa
Nu afeeraa ni taphannaa meesha-meeshaa
Gaara baanee, tulluu maxxaaqashaa
Kan oomishu laallaa warshaa
Goota akka G/ Taaddasaa
Elemoo qilxuu fi Nagaasaa kumsaa
Gootoota onnee soorsaa
Burisoo Buruu fi Nadhii Gammadaa
Kan galmaan nu dhufan, afaanii fi aadaa
Waaqoo Guutuu fi J/Abbaa Gadaa
Goota-goota caalu, kan hinqabne sodaa
Kan boolaa nu baasan Oromiyaa leelloo
Badhaadha uumamaa, loosha mudhii qalloo
Jabaadhaa nu yaadachiisaa maaloo
Lubbuu ilmaan ayyaa, gootota solooloo
Meeccaa fi tuulama, hayyuu afran qalloo
Kam waameen, kam dhiisa
Seenaan gootota garaa nama raasaa
Nu yaadachiisaa
Nu yaadachisaa, akka dansaa
Nu yaadachiisaa hirriibaa nu kaasaa
Ilmaan minilik, yaa maatii bineensaa
Takka na caqasaa, xiqqoon isin gorsaa
Jabaadhaa nu yaadachiisaa akka dansaa
Tuttuqaa madaa teenya tan kaleessaa
Ilmaan minilik, yaa ilmaan dheengee
Bineensa gurraacha, kan hinqabne eegee
Kan nama nyaatu lafeellee duguugee
Osoo ijaan garuu taanee akka ballaa
Osoo dhagenyuu, fakkaannee dhagelaa
Isinii obsinee bara dhibba caalaa
Nu taasiftanii gowwaa fi wallaalaa
Nu mogaaftanii jecha maqaa gaallaa
Nuti hinrafne, shilim jannee malee
Hindagannee gadda aduu kalee
Saffuu waqaa, nagayaaf bolollee
Dheebonnee, dhugaadhaaf hamillee
Nu yaadachiisaa
Nu yaadachisaa, akka dansaa
Nu yaadachiisaa hirriibaa nu kaasaa
Ilmaan minilik, yaa ilmaan bineensaa
Takka na caqasaa, xiqqoon isin gorsaa
Jabaadhaa nu yaadachiisaa akka dansaa
Tuttuqaa madaa teenya tan kaleessaa
Ilmaan sheeyxaanaa, yaa shanyii bulguu
Dhugaa baatee, hindandeessan haguuguu
Hayyuu baayyee qabna, kan haadhee findiguu
Osoo hinjiissini dhaabataan shalaguu
Isin nyaachifnee, dhadhaa fi caccabsaa
Walalaa dammaa, buddeena kanniisaa
Foonii fi kudraa Oromiyaa keessaa
Isinirraa geedarree, wayaa gogaa
Isinii uwwifnee, uffata midhaagaa
Rabbii guddaan ragaa
Biiftuun baatee dhugaa
Maaqaa maaf geedartan, biyya abbaa kiyyaa?
Toophia mitii maqaan Oromiyaa
Nu yaadachiisaa
Nu yaadachisaa, akka dansaa
Nu yaadachiisaa hirriibaa nu kaasaa
Ilmaan minilik, yaa maatii bineensaa
Takka na caqasaa, xiqqoon isin gorsaa
Jabaadhaa nu yaadachiisaa akka dansaa
Tuttuqaa madaa teenya tan kaleessaa
Gochaan keessan nama raajaa
Hinsaaqinaa keessan ajaa
Ni dhumtanii shanyii bajjaa
Qalamtanii akka goljaa
Mee lakkisaa, dubbii qosaa
Dhaggeefadhaa ni dibbisaa
Akka dansaa gurra qeensaa
Dhufaa jiraa leenci raasaa
Lubbuu gootaa tan kalessaa
Gumaa baafnaa nu qirqirsaa
Abbaan keessan Rabbi hinbeekuu
Shira keessan namni hinarkuu
Haadhaa, haadhaa akka lukkuu
Boollaa baasaa ablee kakuu
Ni gaafannaa abbaa bokkuu
Lubuu gootaa, tan akaakuu
Gumaa baasuu kan nu dhoorkuu
Bifa dhablee yaa gaararraa
Eeboo tumnee, mancaa qarraa
Akka dansaa nu abaaraa
Fittuttuqaa gamna cibraa
Gumaa baafnaa nu afeeraa
Nu yaadachiisaa
Nu yaadachisaa, akka dansaa
Nu yaadachiisaa hirriibaa nu kaasaa
Ilmaan minilik, yaa maatii bineensaa
Takka na caqasaa, xiqqoon isin gorsaa
Jabaadhaa nu yaadachiisaa akka dansaa
Tuttuqaa madaa teenya tan kaleessaa
Yaa maatii minilik baayyedha jarjertaa
Gubatee hingarree ibiddaan taphattaa
Hekeraa abbeetii jabo dhaadheeysitaa
Faradoo fi gaangee gargarii ni beeytaa?
Maxxannee fi teenya raattuu
Kaayoo sabaa tan gurgurtu
Ishii beeka goda seentuu
Itti dhiisaa haa maraattuu
Bilisummaan kadhaa hintaatuu
Oromiyaan hinbitamtuu
Laaltee hingartuu gaara gamaa
Siif hingallee haga ammaa
Dhugaa seetee jecha diimaa
Kan leencoo fi murna ammaa
Arrab lameen ni manaamaa
Suuta ja’a gamaaggamaa
Hojii isaa hamma dhumaa
Nu yaadachiisaa
Nu yaadachisaa, akka dansaa
Nu yaadachiisaa hirriibaa nu kaasaa
Ilmaan minilik, yaa maatii bineensaa
Takka na caqasaa, xiqqoon isin gorsaa
Jabaadhaa nu yaadachiisaa akka dansaa
Tuttuqaa madaa teenya tan kaleessaa
Cubbuu dhiisaa of gargaaraa
Yoo dandeessan wal baraaraa
Leenci gadaa dhufaa jiraa
Isiniif laannaa takka caarraa
Tokkummaa dhaba fi maal kan sababsatan hunda waan duubbeeru waan hubadhuuf”warri tokkummaa sababa kuni akka daandii irra hin jirre seena baroota darbanii irraa hubatama.
Maqaa tokkummaa jedhu kana hafarsuun amala nafxanyaa irraa kan dhaalameedha fi gaangoota lagaa hafarsa.Dhaloota opdo irraa calqabamee kan alagaa jalatti gurmaa’an tokkummaa dhabaa akkana nu tolche,tokkoomuu qabna jedhu,olilli gaaf chaartyeraa dabballoota opdo -n hafarfamaa tures kanuma.Gaaf micciiramas kanuma.
Ammaas warri amala kana afuufu tokkummaa akkamiif afuufaaru,dhaaba walaba tahe kan qabsoo bilisummaa geggeessu kaayyoo isaa fi hawwii ummataa lagatee alagaa walin dhaabate alagaa akka muuduf overt /coverty akka jedhamu sanatti dhiiga ilmaan oromoon nafxanya aangoo irratti deebisuuf akka mijjssan warra hafarsuudha.
Gola addunyaa kana irratti8 dhaaboota siyaasaan wal adda kami illeen tokkoomee hin beeku.Caalatti wal injifachuu dadhaban biyya tokko illee kan ummata tokkoo illee gargar fottoqsamee hafa,,fakkeenya main land china fi Taiwan.Laos vietnam fi Vietnam ,north korea fi South ,Africa dhihaa Cape verdew fi Guinea Bisau.
Kan nu irraa hanqatediinagdee dhabaa sakaalamuu fi namoota of gumaachee saba kana fuula jiru hundatti ijaaruu baay’inaan qabaachuudhaba keenya.
2/Ollaa gaarii dhabuu keenyaaf lafa buufata fi baqataan itti kunuun same gara qabsoo fuullefatu dhabuu keenya.
2/Daqdaaqa hogganoota keessa ture kan yeroo yerotti wal shakkisiisa burqisiisun hojii qabso bilisumaa sakaaleedha.
Daandii fi kaayyoo jaarmiya isaa kan amanan itti cicichanii hojjatanii fiixa baasa dhabni siyaasaa tokko,amma tana kan habashaa sana argisiisaaru,baroota 50 darban kufaa adeemanis kaayyoo isaanii tan ol’aantummaa fi gabroomfachuu sana itti cichanii dhaloota irraa dhalotatti dhaal chisaaru.
Kan nuti beeka keenya jennee abdannu kan daqdaaquun daqdaainsaa fi afanfaajjessummaa dhaal chisaa adeeman tahaniiru arginees akkuma ABO jechuun illeen faashina jedhanii akkuma dubbatame sana. afanfaajjesitootaan.
Dhaabni Tigray kan har’a biyya bulchaaru ,baroota yuhannis du’e irraa ijaarame,Wayaane harnet Tigray jedhame,baroota siyaasaan socialistii biyya seene,qubee tokko dabaluun humni haatrayan itti darbe.Qubee suni p/peoples kan jedhu ummata jechuu itti dabalame,kaayyoon sanuma hin jijjiiramne.Akkuma dhaalame sanatti itti fufe hanga Amaara irraa mootummaa fudhatanitti,kaayyoon isaaniitis sanuma argagatan jechuudha.
Warri tokkummaa dhaba akkana nu tolche jedhu maaliif waa hojjatanii argisiisuu dadhaban,hojiin isaanii ummata hamilee buusuu fi wal afoo kaa’uu qogfa maaliif tahe.?0
0Kan dhaaba jiru komatanis maaliif kan ijaaran caalatti fuulduratti adeemsisuu dadhaban?
ofii isaanii tokkummaa jedhan sana maaliif fiduuf hin hojjanne?
kami kan kaayyoo isaa lakkisee kan isaanii fudhataee dhaaba isaanii fi kan isaanu wuddeellatanii ba’atanii adeemaniin gabbisaa?
Akka habashaa dhiiga saboota biroon maqaa tokkummaa jedhuun of muude warra saamicha bobba’an sana taa’anii tokkummaa hafarsuun faa’idaa hin qabu,kan nama tokkoomsu kaayyoo tokko hordofuudha,kan kaayyoo tokko walitti hin qabnu jedhu man diina galeera kanafuu diina waliin tokkoomuun yekka,goobvanummaadha.
Fakkeenyaaf dhaabonni habshaa kan Amaara tokkoomuu ni danda’u,kaayyoon isaanii aangoo tplf irraa fudhate sana deefachuudha,Afaan sabaa sabootaa fi aadaa ukkaamsuu irratti mela Amara Andnet amma tana mela Eth andnet jedhuu fi samawi udj ,eprp organisation amaara hundi walif galu.
Kaayyoon isaani tokko waan taheef tokkoomu danda’an.
Oromoo illee Dhaaba of irratti hirkanoon qabsaa’u kan akka Sidama ,ogaden.Gambella fi saboota biroo waliin tokkoomu ni danda’a qabsoo isaanii finiinsuuf.
Dhaaboota oromoo kaqn alaga ba’atee adeemu waliin tokkoomuu manna,akka qabsoo kana qulqulluu isaa dhaloota ol guddachaaru dhaal chisanif hojjatan caala.Dhaloota guddachaaruu fi kan boru7s bakka irraa itti fufu qabaachisuuf akki biroo yoo hin dan da’amne.
tokkummaan ummata tokkoo common future waliin qabachuu fi gocha farra dhala namaa kan gabroomfatan irraan gahuudha.
Tokkummaan dhaaba siyaasaa kaayyoo tokko waliin qabachuu qofa irratti hundaa’a …waan biraa muiti kana gadi fageessinee hubachu qabna,ummata kieenyaa fis ibsu qabna,kuni hojii dhaaba,ykns jaarmiya sanaa jedhanii bira taruu hin qabnu
halagaa/diinaaf/karaa bananii abbaan fedhe borcuu irra jaarmiyaa oromoo ganama uumame /ABO/ keessatti tokkummaa uumuun dhugaa lafa jiru dha kana’achi empaayera ethipia jedhamutti erga dhalannee tokkummaa jechuun hundi dibbee rukkuta.
ega ammas murni tokko yoo dallane dhaaba oromoof fala kennu dhaabeera jechuun furmaata utuu hin ta’iin diina oromoo keessaa isa tokoo dha kanaaf oromoon tokkummaa isaa ABO keessatti cimsuun bilisummaa abbaan fedhe kan nuu hin kennine aragachuuf carraaquu dha.
IUO
G