Adoolessa 30, 2013 Anfilloo
Akkuma
beekamu baatii hedduu kan hin turre mootummaan wayyaanee qabeenyaa
uummata oromoo saamee fi saamsisuu irra darbee naannolee adda addaatti
qabeenyaa saba oromoo qofa mancaasisee uummata harka-qallina jireenyaa
fi hiyyummaaf saaxilaa jiraachuun isaa kan beekame tahee,yeroo dhiyoo
asitti jiraattota qonnaan bulaa godina Qellem aanaa Anfilloo jedhamu
irra jiraatan ajajamuu diduu irraan,qabiyyee uummataa qabeenyaa isaatti
jijjiirrachuun yakka sababa hin taaneen uummata oromoo mana hidhaatti
guuraa akka ture,qabeenyaa uummmata oromoo addatti qabeenyaa Bunaa
jireenya uummata naannoo kanaaf hirkoo kan tahe bor qarshii miliyoona
baasuu danda’u uummata kana waan godhu dhabuu irraan qabeenyaa Bunaa
ciree balleessaa tureera,kunis doorsisa bittaa isaa tahullee uummata
kana mana hidhaatti guuraa jirtu.
Haalli kun amma illee daran hammaachaa deemuu irraan ummatis diddaa isaa itti fufee jira.
Haala kanaan Qeerroon aanaa Qeellam Adoolessa 29-30,2013 barruulee
warraaqsaa mormii sirna Wayyaanee fi gochaalee farraa mootummichaa kan
muldhisu maxxansaa fi alaabaa ABO bakkoota adda addaatti fannisaa jiru.
Haalli kunis heddumminaan manneen barnootaa fi waajiraalee hojii
mootummaa irratti waan baayyateef jecha mootummaan wayyaanee rifaatuu
guddaa keessa galee jiraachuu qeerroon gabaasa.
Waraqaa maxxansuu ilaalchisee. Kun yeroodhaa yerootti maxxanfamaa
ture jira. Waraqaa maxxansuu irratti baayinan tahullee hanga tokko yeroo
darbe hidhamuu namootaa irratti magaalaa Muggii keessatti waraqaa
dhaadannoowwan :
- Hidhamuun Keenya Garbummaatti Nun Hambisu!
- Wayyaaneef Hin Jilbeenfannu!
- Amantaan Garagara Tahuun Keenya Tokkummaa Keenya!
- Oromiyaan Ni Bilisoomti!
- WBOn Ni Injifata!
Kan jedhu waajjiralee magaalaa fi manneen barnootaa jalatti maxxanfamee jiraachuun gabaafame.
No comments:
Post a Comment