Baareentuu Gadaa: 1=5555555555 … Nee Wayyaanee
1≥ 55555555555555…….nee Wayyaanee Afirikaa Hang
Ameeriikaatti Diiriiree Jiru Fuundura Dhaabbachuun Dirqama Oromoo
Hundaati!
Baareentuu Gadaa irraa*
Har’a Impaayera Itiyoophiyaa keessatti namni tokko jaalallee, haadha
warraa ykn abbaa warraa argachuuf 1≥ 555555555….nee keessatti gurmaawuun
dirqama ta’aa dhufeera. Dhiirrii intala laallatee takka haadha warraa
godhachuuf ykn jaalallee taasifachuuf yoo barbaade dirqama 1≥
5555555555555555…nee isaatti gabaasuu qaba. Karaa dursaa 1≥
555555555……nee isaatiin intalattiin 1≥ 555555555…nee dubartootaa
keessatti hammatamuu fi “Abiyootaawii dimokiraasif” amanamtuu tahuun
ishii mirkanaawee heeyyamni fuudhuu dandeessa ykn jaalallee taasifachuu
dandeecha jedhamu kennamaaf. Gama dubartootaatinis akkasuma jaalallee
ykn abbaa warraa aragchuu isaanii 1≥ 5555555…….nee isaanitti gabaasanii
nama “Abiyootaawii Dimookiraasaawii” cuubbamee fi miseensa 1≥
5555555555…….nee ...
Maddi Jabina Diinaa Qabsoo Bilisummaaf Taasifamu Keessatti Wal-duukaa Hiriiruu Dhabuu Keenya Malee Baay’ina Qawwee fi Tika Qabuutii Miti!
Baareentuu Gadaa irraa*
Yeroo baay’ee namoonni tokko tokko beekaniis haa ta’u wallaalan jabina
diina Oromoo kaleessaa haga har’aa gabroomfatee jiruu olkaasanii
dubbatu. Baay’ina waraana isaanii fi jabinaa tikaa isaanii garmalee
dhaadheessanii lafa nagahatti shoroorkaawu. Bara Minilkis, bara
H/sillaasees, bara Dargii fi wayyaanee harr’as karuma walfakkaatun
waraanaa fi tika jabaadhan kan of ijaaran ta’utu dubbatama. Keessattuu
“Wayyaaneen murna meshaa waraanaa hanga funyaanitti hidhattee dha?!,
Murna humna waraanaa eenyuu sochoosuu hin dandeenya ijaarte dha,!?
Murna tika waan halkan habjootanilleen beekuu danda’u qabduu dha!?,
kanaafuu maaltu danda’ee sochoosa!?” jedhaniit hololu. Holooltoonni kun
Jaleewwan wayyaanee yoo tahan; namootni “nu sabboonoo dha” ofiin jedhan
tokko tokkos ...
Ads by a2zLyricsAd Options
Uummanni Oromoo akkuma Ayyaana Irreecha Baranaa Kabajuuf Biyya Keessaa fi Alatti Sochii Guddaa Taasise FDG Calqabame Keessattis Hirmaannaa Isaa Jabeeysee Itti Fufuu Qaba!
Baareentuu Gadaa irraa*
Akkuma hundi keenyaa karaa miidiyaalee adda addaatiin arginee fi
dhageenyetti yknis qaamaan hirmaanneetti; ayyaanni Irreecha baranaa kan yeroo kamiyyuu caalaa ho’aa fi hawwataa ture. Ayyaanni Irreecha Oggaa-Oggaan sirna
ho’aa fi miidhagaadhan uummata Oromoo biratti Oggoota dheeraadhaaf
kabajamaa as gahe kun; bara kanas iddoo hawaasni Oromoo fi jaallattoonni
aadaa Oromoo Miliyoonaan lakkaawwaman argamanitti biyya keessaa fi
biyyoota alaa gara garaa keessatti kabajameera. Kabajini ayyaanichaa
iddoo hundattuu sirna hoo’aa fi miidhagaadhan akka aadaa Oromootti
dhugeeffatame. Keechattuu isa Oromiyaa Magaalaa Bishooftuu, Hora
Harsadiitti kabajame’ratti uummanni Oromoo Miliyoonni hedduun danqaraa
mootummaa wayyaaneerra tarkaanfatee kabajachaa ooleera. Ayyaanichiis
uummanni Oromoo; uummata baha Afirikaa keessaa ...
Irreecha bara 2013 Kana’ratti Hundi Keenyaa Harka Wal-Qabannee Wayyaanee Haa Balaaleffannu
Baareentuu Gadaa irraa*
Irreecha bara 2013 Kana’ratti Hundi Keenyaa Bakka Itti Ayyaaneeffannutti
Harka Wal-Qabannee Dhiittaa Mirga Namoomaa fi Ukkaamsaa Wayyaaneen
Nurraan Gahaa Jirtu Haa Balaaleffannu, Adduunyaattis Sagalee Keenya Haa
Dhageessifannu!
Impaayera Itiyoophiyaa keessa ayyaanoonni fi qophiileen sabaa fi
sablammoonni biyyatti heeddumminaan irratti hirmaatan danuu dha.
Ayyaanoonnii fi qophiileen kun baay’een isaanii kan amantiidhaan walitti
hidhaman yoo tahan kaan isaanii ammoo kan mootummoonni abbootiin irree
Impaayerittii bulchaa turanii fi jiran dirqiidhaan akka uummattoonni
biyyattii irratti hirmaatan taasifamanii dha. Qophiilee fi sirni kabaja
ayyaanota uummattoonni biyyattii keessattuu uummanni Oromoo heddumminaan
fedhiidhaanis ta’ee dirqiidhaan irratti hirmaachaa ture heddu kaasun ni
danda’ama. Kanneen uummanni Oromoos ta’ee ...
Walaloo: Duute naan hi’jennee?
Baareentuu Gadaa Irraa*
No comments:
Post a Comment