Nan Boqodha jedheen boqonna, boquutu na cabee essaattan boqodhaa? Bara dhufaa darbaa boqodhees hin beeku, boquu ol qabadhee nama ta'ee dhaladhee, namumma mulqamee mirgi uumaa waqaa kan rabbii naf kennee narra mulqame. Essaattin boqodhaa qe'een abbaa kotii lafti dhaloota koo faranjiin dhalamee lafti awwaala handhuura kootii, dacheen haadha kooti keenya jechuun hafee har'a kan jarati. Essattan boqodhaa waangoo fi sardidoon qee'e keessa nu yaati. Mee natti dirmadhaa sardiidoo ajjesnaa, wangoo qallee fannifna tokkichan boqodha boquun ol qabadha,
No comments:
Post a Comment