Tuesday, March 25, 2014

TOKKUMMAAN” DHAADANNOO FI HAWWIIN HIN DHUGOOMU !!!!
SEENAA  Y.G(2005) | Bitootessa 24, 2014
Tokkummaa Ilmaan Oromoo bakkayyutti hawwanii fi Tokkummaan addunyaan itti jirtu, hiikkaansaa tokko moo, garaagarummaa qaba laata ? Adeemsa Qabsoo Biyyootaa fi saboota addunyaa keenya irra jiranii, Tokkummaan Qabsoo isaaniif hawwaa turan/jiranii fi nuuti amma bakka marattu akka dhaadannotti itti dhimma ba’aa jirru , tokko moo walii faallaadha ? gaaffii kana kaasuuf kan dirqisiise, Qabsoo Oromoo hudhee kan takaalee jiru, tokkummaa dhabuu keenyadha !! namoonni jedhan heddummaachuu fi hawwii tokkummaaf qaban, bakka hundatti akka dhaadannotti, akka yaadaatti ,akka hawwiitti, wal ga’ii irratti, hiriira irratti, Intarneeta irratti aarii fi  gaddaan guutamanii yennaa dubbatanii fi kataban arguu fi dhaga’uu  koo irraati. Akka kiyyatti Tokkummaan yaada walii galaa of keessaa qabu Ummata tokkof barbaachisaa ta’us, Qabsoo keenyaaf dhibeen tokkummaa nuuti hawwinu odoo hin taanee, yk Tokkummaa yaada Ilmaan Oromoo keessa jiru odoo hin taane, Tokkummaa yeroo qabsoo nu barbaachisu wallaaluu keenyadhaan jedha. Tokkummaan amma hawwaa jirru, Tokkummaa Bilisummaan booda ittiin jiraannu malee, kan yeroo Qabsoo keenya kanaatti nu barbaachisu miti. Miti kanan jedheef dhugeessuun hedduu ulfaataa ta’uu isaa irraati. Qalbiin haa wal hubannu. Gadi fageessinee haa yaannu. Miira ho’aan odoo hin taanee, miira tasgabbaa’een itti haa yaannu. Kun waan salphaa miti. Waan Ummati tokko irratti wal hubachuu qabudha. Bakka dhibee yk dhibee jiru adda yoo hin baasiin dawaan hin argamu waan ta’eef.
Tokkummaan nu barbaachisu maal irratti ? Tokkummaa nuuti barbaannu isa kam?  Tokkummaa Bara Abbaa Biyyaa turreeti ? Tokkummaa Bara Gadaan tureetii ? Tokkummaa Dhiigaatii ? Tokkummaa Siyaasaatii ? Tokkummaa Ummataati ? Tokkummaa Dhaabbilee Siyaasaatii ? Tokkummaa Sabummaatii ? Tokkummaa yaadaatii ? Tokkummaa ejjannoo Siyaasaatii ? Tokkummaa Qabsootii ? Tokkummaa Ilaalchaatii? ? Tokkummaa jireenya hawaasummaatii ? Tokkummaa Amantii fi Gandummaa dhiifnee waliin jiraannudhaa ? Tokkummaa maalii barbaanna ? Tokkummaa Bilisummaa dura Qabsoo keenyaaf barbaachisu moo, kan Bilisummaan boodaati ? Tokkummaa hawaasa alaati moo Biyya keessaati. Isa kamtu tokkummaa dhabe ? maaliif dhabe ? Biyya keessatti diinni waan itti jabaateefi ? Biyya alaa dhaqee , jireenyaaf fiigu irraati ?Tokkummaa kana eenyutu dhugoomsa ? eenyu irraa eegala ? yoom eegalama ? maaf hanga har’atti furmaata dhabe ? Tokkummaa nuuti hawwiinuu fi addunyaan itti jirtu maaliin adda ta’anii, isaan itti milkaa’anii nuuti hankaaknee hafne ? gaaffii hedduu tarrisuutu danda’ama. Tokkumuu keenya irraa maal arganna ? tokkummaadhaan maal raawwanna ?? qabsootti galagallaa ? ……Tokkummaan garaagarummaa maalii qabaa ? jechuun keessan hin hafu.ykn kan jedhee gaaffii kaasu hin dhibu. Ani garuu gadi jabeessee kan dubbachuu barbaadu  garaagarummaa guddaa qabaachuu isaati. Kana ragaa fi muuxannoo Addunyaa keenya irraa fi kanneen biroon wal bira qabnee ilaalla.
Akka kiyyatti , yeroo Gabrummaa jala jirru ykn Qabsoo keessa jirru kanatti, tokkummaan nu barbaachisu isa kam akka ta’ee yoo hin hubatiin, tarii tokkummaa dhabuu keenya itti fufsiifna malee , furmaata hin argamsiifnun jedha. Waan Tokkummaa keenya  diigu akka gaaraatti mana nu keessatti ijaarratee odoo jiru, waan amma gaaraa ga’u kun ammo , hawwii fi dhaadannoon gonkumaa baduu akka hin dandeenye argaa jirra. Dhalooti tokko yk lama waan itti gaddaa jiraatee fi inni har’aas keessa gangalataa jiruudha. Kanaafii, Tokkummaa nu barbaachisu adda baafannee irratti yoo hin hojjatiin, waan dura hojjatamuu qabuu fi duuba hojjatamu adda odoo hin baafannee sochiin taasifnu, dadhabbii bara gabrummaa keessa dabarree dabaluu qofaa ta’a kanan jedheef. Akkaataa Tokkummaa itti deeffachuuf tattaaffachaa jirru, Tokkummaa Uruursaa jirra malee, dhibee keessaa baasaa hin jirru. Tokkummaa dhibeen hin qabamne, garuu dhibee qabsiifnee Uruursaa jirra. Kan dhibee qabu, warra tokkummaa hawwuu fi dhaadannoon yaadatu malee, Tokkummaan hawwinu dhibee qabaatee miti. Hiikkaan tokkummaa bara gadaa ture, har’as hin jallanne. Tokkummaan nuuti feenu kan addunyaa irraa adda isa taasisu tokko isa kana. Waan namoonni keenya irra jireessi hin hubatiin, bakka Tokkummaa nu hin barbaachifnetti Tokkummaaf iyyinee yoo waamne, bu’aa isaa irra balaan isaa hammaataa ta’uu fi injifannoo booda deeffachuu waan dandeenyutti yeroo gabuu keenya hubachuu dhabuu isaaniiti. Siyaasa keessatti tokkummaa dhabuun bakka itti nama gargaaru jira. Yoo xiqqaate miidhaa tokkummaa dhabuu ittiin wal barsiisuuf nama gargaara. Ummati tokkummaa dhabuu irraa maal akka miidhaman hubachiisuuf yeroo laachuun dansaadha. Kana jechuun beekaa kana hojjatu jechuu miti. Haalumatuu kana uuma. Yaada kana irratti yeroo biraa itti deebina.
TOKKUMMAA NUUTI BARBAANNU ISA KAM ??
Akka Ummataatti yoo ilaallee , Ummata miliyoona 45 waa hundaan tokko haa ta’u jadhanii yaaduun mataa isaa madda rakkooti. Tokkummaa bara Abbaa Biyyaa turre ykn Bara Gadaan jiraatamaa ture hawwiina yoo ta’ee, kun yeroo isaa miti. Kana deeffachuuf dhaloota akka Bara Gadaa sanaatti guddisan malee, waan ta’u hin fakaatu. Waan qabatamaa irratti haasofnaa hubadhaa . waan hawwiinu miti. Kun tarii Bilisummaa booda waan feene akka feenetti wayita gaggeessinu ta’a. warruma har’a Hafteen gadaa keessatti mul’ataa jiran, Booranni, Warri Maccaa , Tuulamaa fi kkf. Gadaan bulaa jiranillee, walitti deemaa hin jiran. Dhalootaaf akka dabru garuu tattaaffii mataa isaanii gochaa jiru. beektoonni keenya garuu Gadaa kana dubbachuu malee , Gadaan kun sirna/bara  hammayyaa kana keessa akkamiin akka ol guddatee Muuxannoo addunyaa horatee, Ummata isaa akka jiraachiisuu fi ummatis itti jiraatu danda’u irratti hojjachaa kan jiran natti hin fakkaatu. Har’allee Gadaan Ameerikaa addunyaa irraa Hangafa ishee taasise, Hayyoota keenyaa fi Abbootii gadaa keenya, Uffata aadaa Uffatanii bakkayyuutti Afeeramuun alatti, akka yaadaa fi sirnaatti akka socha’an gargaaramaa hin jiran. Tokkummaan bara Sanaa har’a irra dhaabbannee hawwuun bu’aa hin qabu. Deeffachuufis waan humnaa oliti. gabaabaatti, lafa qotanii odoo hin meesiin, midhaan hin facaasan. Mana utubaa fi dagalee malee hin ijaaran waan ta’eef.
kana booda kan jiru yoo ilaallee, Bara Gabrummaatii . Bara Gabrummaa kana keessa, utubaa Tokkummaa keenyaa kannen ta’an dhabneerra. Aadaa, safuu , hooda , jiruu fi jireenya kkf hundee Tokkummaa Ummata keenyaa kanneen ta’an akka malee dhabneerra. Har’a kan keessa jirruu fi nu keessa jiru, keenyaa miti. Jiruu fi jireenyi keenya hundumtuu waan halgaan nu diiguuf nu keessa kaa’eedha. Tokkummaa keenyaaf summii inni guddaa isa kana. Summii guddaa kana odoo of keessaa hin baasiin Tokkummaa hawwiinu, dhaadannoon irra deddeebinu, gonkumaa dhugoomsuu hin dandeenyu. Hawaasi keenya har’a waan inni keessa jiru, waan xaxamaadha. Waan wal keessa laaqamee miillaa fi mataa isaa illee adda baasuuf nama rakkisuudha. Sababaa kanaan Oromoon har’a bakka meeqa dhaabbatee jira ? Oromoo yaadaa fi ilaalchaan bakka dhibba dhaabbatee jiru kanaaf, Tokkummaan amma waaqaa irraa fagaata. Aadaan jiruu fi jireenyaa, keessa jirru walii keenya giddutti summii kan facaasu malee, kan waliin nu jiraachisuu miti. Jiruu fi jireenyi addunyaa keenyaa fi warri addunyaa kana tu’achuuf tattaafatan Ummata addunyaa kana raatessanii akka waa tokkoo hin yaanneef ofittummaan cuubanii itti taphachaa bakka jiranitti, Tokkummaa habjuu keessaa waliif hawwuun wal gawwamsuu natti fakkaata. Hawaasa yk nama maraammartoo kana keessa jiru akkamiin Tokkummaa labsaniif ? waan wal xaxaa kana keessa isaaf labsuumoo, isa hubate qabatanii diina dhaanuutu yeroo nu gabaabsa ? Tokkummaa dhalli Oromoo keessa isaatti hawwu yeroon isaa fagoodha.
Sirnoonni gabrummaa keessa nu jiraachisan, Tokkummaa nu keessa jiru nu keessaa duguuganii baasutti milkaa’aniiru. Tokkummaa wareegama ykn of kennuu barbaachisu nu keessaa fuudhanii , kan dantaan gegeddaramu nu keessa kaa’aniin sochaa’a jirra. Kanaaf ragaan, hanga har’atti tokkummaatti mikaa’uu dhabuu keenyadha. kanaafan, Tokkummaan keessa keenya jiru dhibee qabsoo kanaa ykn qabsoo takaalee kan qabe mitii kanan jedheef. Tokkummaa bara qabsoo keessa nu barbaachisu wallaaluun keenya nu miidhaa jira.  Keessi keenya Tokkummaa dhugeessuuf, Ulaagaa Tokkummaan barbaaduuf qophiidhaa ? Tokkummaan ofittummaaf diina. Ofittummaanis Tokkummaaf diina. Of-tuulummaan Tokkummaaf diina . Tokkummaanis of- tuulummaaf diinadha. Waan waliif faallaa ta’e kanaan bulaa tokkummaa isa durii miti , isa yaadaan wal ta’uu illee dhugeessuu hin dandeenyu. Kana irratti gadi jabeessinee hojjachuu qabna. Kanaaf akka hiriyyaa wal hin amannee malkaa buunetti wal kaksiifna . kun jiraannaan Tokkummaan abadanii !!!!!!!!!!!!!!!!!!!!
Mee fakkeenyaan haa ilaallu . mee, Nama Sirna Gadaa  akka gaaritti beeku, Nama Aadaa Oromoo akka dansaatti beeku, Nama Seenaa Oromoo beeku malee ittin hin jiraanne tokko, beektoota waan Oromoon qabuun Faranjiin isa eebbisee tokko, Nama jireenya isaaf akka malee fiigu tokko, Qabsaa’aa Qabsootti jiru tokko, Namoota Amantii leellisan keessaa tokko, Nama Amantii isaa jaallatuu fi dhimma Oromoof dursa kennu tokko, Nama waan Amantiin addunyaa isa barsiiftu itti amanee dhufaatii saba isaayyuu galaana ceesisu tokko, dhaloota qubee tokko, Daldalaa tokko , Sooressa tokko, Abbaa Qabeenyaa bara kana keessa tujaare tokko , Oromoo Angoon isa moote wayyaanee waliin jiru tokko , Nama waa’een siyaasaa hin galleef tokko, nama waan addunyaa kanaaf dhimma hin qabaanne tokko, har’a jiraachuun isaa fi guyyaa har’aa buluun isaaf Bilisummaa itti fakkaatu tokko , qotee bulaa tokko, nama waggaa dheeraa Biyya alaa jiraate, Nama waan hundaatti of eegannoo fi sagantaan deemu tokko akkasumas, nama bakka itti dhiheetti buluu fi waan hundaaf dantaa hin qabne, nama jireenya isaa fi maatii isaan ala jiraniif naasu hin qabne, Nama barnootaan guddaa fi dhimma addunyaa keessatti qooda qabu, Nama Biyyoota gurguddatan keessatti qooda ol aanaa qabu, Nama Siyaasa addunyaa fi Biyyoota adda addaa keessatti qooda qaban, Nama sadarkaan beekumsa isaa yunivarsitii addunyaa keenya irraa bebbeekamoo keessa jiru, Nama guyyuu dhimma ummata isaaf ifaajju yk Ummata isaa addunyaatti beeksisuuf gama hundaan tattaafatu, Nama Qabsoo keessaa gane, kan Angoof bololu, basaastuu diinaa , Qabsaa’aa kan fakkaatu, Sabboonaa fi fakkeessa ………..kkf. walitti fidaatii,, mee Waan TOKKUMMAA yaadaa . Maaliin tokko ta’uu danda’u ? waan Oromoon keessa jiru kana irra hedduu bal’aadha.
Tokkummaan asi keessatti isaaniif hawwinu isa kam ? Oromoo ta’uu isaaniitii ? amma har’aatti Oromoo sabummaa isaa ganee, halagattii of himatu argee hin beeku. kan diina jala goru jira. Tokkummaa amma nu barbaachisuuf akkamiin jara kana wal faana akka dhaabbatan taasisuu dandeenya ? Tokkummaa keessa keenyattii hawwinuuf haalli keessa jiran ni mijataa ? haalli keessa jiran Tokkummaa nuuti barbaannuuf gufuu taanaan, filannoon keenya maal ta’uu qaba?? ati kana dhiisii asi kottu. Ati ammo kanatti deebi’i. maaloo kana godhaa jennee imimmaan cobsinaafii ? keessa keenyaa itti gadduu ibsinaafii ?kkf  akkamiin isaan tokkomsuu dandeenya ? gubbaatti akkuman kaase, Tokkummaa bara GADAA Namoota kana giddutti deebifna jechuun habjuudha. Isa Bilisummaa boodaa dhiifnee waan keessa jirruuf yaa yaannutii, Qabsoo keenyaaf Tokkummaa nu barbaachisa yoo jennu , jara kana akkamiin hiriirfachuu dandeenya ?  amma isaaniif galutti eegnaa ? isaan tokkummaa kana keessatti makaman malee Bilisummaan hin jirutti fudhannaa ?akkam goona ?
Tokko jennee Tokkomsuuf aadaa barsiifnaa ? Oromummaa barsiifnaa ? …Amantii isa danqe dhiisifnaa ? Ofittummaa baqaqisinee keessaa fuunaa ? diina biraa ba’ii jennaanii ? akka walii galaatti mraammartoo akkasiin lammiin keenya adda fagaatee jiraa akkamiin Tokkummaa keessa keenyaa dhugeessina ? kun gaaffii guddaa, qorannoo bal’aa kan barbaaduudha. Qorannoo qofaa odoo hin taanee, furmaata isaallee qopheessanii kan irratti hojjatanii Ummata Ofii furaniidha. Wanni amma keessa jirru kanaan tokko . kana ta’uutu hawwiin qofaa dhaadannoo nu dhageesisa. Fuullee waliitti dubbannee karaa wareegamaan asi ga’e, kaayyoo har’allee jireenyi fi lubbuun itti badaa jiru karaa irra haa buufnu. Ummata miliyoona 45 Tokkomee malee Bilisummaan hin jiru jennee, hamilee wal buufana yoo ta’ee ,, addunyaan akkamiin qabsaa’oota muratoo muraasaan Bilisummaa isaanii labsatan ? Afriikaa Kibbaa kan kanaan ga’ee ANCn gaaffii akkasiin takaalameeraa ? Sudaan Kibaa woo ? Ertiraanoo ? bara qabsoo isaanii Mormitoonni har’a jiran bara sanas ni jiru. tokkummaa dhabuu isaaniin Bilisummaa dhabaniiru ? akkamiin rakkoo wal fakkaataa kana irra aanan ?
KUTAA 2FFAATTI  itti deebina . HORAA BULAA !!!!!!!!!!


5 comments - What do you think?
Posted by admin - 24/03/2014 at 4:52 pm
Categories: Oromia  Tags:

5 Responses to ““TOKKUMMAAN” DHAADANNOO FI HAWWIIN HIN DHUGOOMU !!!!”

  1. Mormor Caalaa says:
    Tokkummaa jecha jedhu kana qofa laalun waan jedhamu adeemu beekeera jedhu gariin namaa ni sobe jedhu.Dhugaan waan barruu kana keessa jiru hin dubbifne ,dubbisuu illee hin fedhu,maquma tokkummaa jedhu kana keessa waan raasaaru waan beekuuf.
    Tokkummaa dhaba fi maal kan sababsatan hunda waan duubbeeru waan hubadhuuf”warri tokkummaa sababa kuni akka daandii irra hin jirre seena baroota darbanii irraa hubatama.
    Maqaa tokkummaa jedhu kana hafarsuun amala nafxanyaa irraa kan dhaalameedha fi gaangoota lagaa hafarsa.Dhaloota opdo irraa calqabamee kan alagaa jalatti gurmaa’an tokkummaa dhabaa akkana nu tolche,tokkoomuu qabna jedhu,olilli gaaf chaartyeraa dabballoota opdo -n hafarfamaa tures kanuma.Gaaf micciiramas kanuma.
    Ammaas warri amala kana afuufu tokkummaa akkamiif afuufaaru,dhaaba walaba tahe kan qabsoo bilisummaa geggeessu kaayyoo isaa fi hawwii ummataa lagatee alagaa walin dhaabate alagaa akka muuduf overt /coverty akka jedhamu sanatti dhiiga ilmaan oromoon nafxanya aangoo irratti deebisuuf akka mijjssan warra hafarsuudha.
    Gola addunyaa kana irratti8 dhaaboota siyaasaan wal adda kami illeen tokkoomee hin beeku.Caalatti wal injifachuu dadhaban biyya tokko illee kan ummata tokkoo illee gargar fottoqsamee hafa,,fakkeenya main land china fi Taiwan.Laos vietnam fi Vietnam ,north korea fi South ,Africa dhihaa Cape verdew fi Guinea Bisau.
    Kan nu irraa hanqatediinagdee dhabaa sakaalamuu fi namoota of gumaachee saba kana fuula jiru hundatti ijaaruu baay’inaan qabaachuudhaba keenya.
    2/Ollaa gaarii dhabuu keenyaaf lafa buufata fi baqataan itti kunuun same gara qabsoo fuullefatu dhabuu keenya.
    2/Daqdaaqa hogganoota keessa ture kan yeroo yerotti wal shakkisiisa burqisiisun hojii qabso bilisumaa sakaaleedha.
    Daandii fi kaayyoo jaarmiya isaa kan amanan itti cicichanii hojjatanii fiixa baasa dhabni siyaasaa tokko,amma tana kan habashaa sana argisiisaaru,baroota 50 darban kufaa adeemanis kaayyoo isaanii tan ol’aantummaa fi gabroomfachuu sana itti cichanii dhaloota irraa dhalotatti dhaal chisaaru.
    Kan nuti beeka keenya jennee abdannu kan daqdaaquun daqdaainsaa fi afanfaajjessummaa dhaal chisaa adeeman tahaniiru arginees akkuma ABO jechuun illeen faashina jedhanii akkuma dubbatame sana. afanfaajjesitootaan.
    Dhaabni Tigray kan har’a biyya bulchaaru ,baroota yuhannis du’e irraa ijaarame,Wayaane harnet Tigray jedhame,baroota siyaasaan socialistii biyya seene,qubee tokko dabaluun humni haatrayan itti darbe.Qubee suni p/peoples kan jedhu ummata jechuu itti dabalame,kaayyoon sanuma hin jijjiiramne.Akkuma dhaalame sanatti itti fufe hanga Amaara irraa mootummaa fudhatanitti,kaayyoon isaaniitis sanuma argagatan jechuudha.
    Warri tokkummaa dhaba akkana nu tolche jedhu maaliif waa hojjatanii argisiisuu dadhaban,hojiin isaanii ummata hamilee buusuu fi wal afoo kaa’uu qogfa maaliif tahe.?0
    0Kan dhaaba jiru komatanis maaliif kan ijaaran caalatti fuulduratti adeemsisuu dadhaban?
    ofii isaanii tokkummaa jedhan sana maaliif fiduuf hin hojjanne?
    kami kan kaayyoo isaa lakkisee kan isaanii fudhataee dhaaba isaanii fi kan isaanu wuddeellatanii ba’atanii adeemaniin gabbisaa?
    Akka habashaa dhiiga saboota biroon maqaa tokkummaa jedhuun of muude warra saamicha bobba’an sana taa’anii tokkummaa hafarsuun faa’idaa hin qabu,kan nama tokkoomsu kaayyoo tokko hordofuudha,kan kaayyoo tokko walitti hin qabnu jedhu man diina galeera kanafuu diina waliin tokkoomuun yekka,goobvanummaadha.
  2. Mormor Caalaa says:
    Hubata/ykns siyaasa gadi fageessanii beekuu hanqina qabaachuun maqaa tokkummaa jedhu kana sababaaf tarreessu gariin .Tokkummaa dhaboota siyaasaa mal irratti akka hundaa’uu kan hin beeknbe.
    Fakkeenyaaf dhaabonni habshaa kan Amaara tokkoomuu ni danda’u,kaayyoon isaanii aangoo tplf irraa fudhate sana deefachuudha,Afaan sabaa sabootaa fi aadaa ukkaamsuu irratti mela Amara Andnet amma tana mela Eth andnet jedhuu fi samawi udj ,eprp organisation amaara hundi walif galu.
    Kaayyoon isaani tokko waan taheef tokkoomu danda’an.
    Oromoo illee Dhaaba of irratti hirkanoon qabsaa’u kan akka Sidama ,ogaden.Gambella fi saboota biroo waliin tokkoomu ni danda’a qabsoo isaanii finiinsuuf.
    Dhaaboota oromoo kaqn alaga ba’atee adeemu waliin tokkoomuu manna,akka qabsoo kana qulqulluu isaa dhaloota ol guddachaaru dhaal chisanif hojjatan caala.Dhaloota guddachaaruu fi kan boru7s bakka irraa itti fufu qabaachisuuf akki biroo yoo hin dan da’amne.
    tokkummaan ummata tokkoo common future waliin qabachuu fi gocha farra dhala namaa kan gabroomfatan irraan gahuudha.
    Tokkummaan dhaaba siyaasaa kaayyoo tokko waliin qabachuu qofa irratti hundaa’a …waan biraa muiti kana gadi fageessinee hubachu qabna,ummata kieenyaa fis ibsu qabna,kuni hojii dhaaba,ykns jaarmiya sanaa jedhanii bira taruu hin qabnu
  3. g says:
    ani gama koon tokkummaa dura dhaaboni oromoo dhaaba sagal dhaabanii
    halagaa/diinaaf/karaa bananii abbaan fedhe borcuu irra jaarmiyaa oromoo ganama uumame /ABO/ keessatti tokkummaa uumuun dhugaa lafa jiru dha kana’achi empaayera ethipia jedhamutti erga dhalannee tokkummaa jechuun hundi dibbee rukkuta.
    ega ammas murni tokko yoo dallane dhaaba oromoof fala kennu dhaabeera jechuun furmaata utuu hin ta’iin diina oromoo keessaa isa tokoo dha kanaaf oromoon tokkummaa isaa ABO keessatti cimsuun bilisummaa abbaan fedhe kan nuu hin kennine aragachuuf carraaquu dha.
    IUO
    G
  4. Hargaaya Qacee it says:
    Mee dubbi yoka gaaffi yeroo dheeraaf nacinqaa turte kaaftee qophi lammadaatti waanfurmaata jettee yaaddu yoka qormaataan arkattu nuudhiheysi galatoomi atiis horibuli
  5. J says:
    dhuguma oromoon 50 mil,tokko ta’aa jechuumiti,akkaan ani yaadutti warrumti silaa siyaasaa keessatti bebbeekamoofii akkasumattiis ummata oromoof bu’aa buusuu dan da’u jennee eegaa turre fii akkaataan booddee isaa niifii akki keessa jirru waan wal faalleesuuf,fkn leencoon maal gochaa ture har’a hoo waanti nama garsiisu dhuguma bilisummaa oromoof hojjachaa ture,moo diinaaf basaasaature? namnni guyyaa bofa arke halkan teehpa dheeyssa akkuma jedhame,mooraa qabsoo keessati hedduu walshakkii uumee ture uumaa jiras,akki jedhan bishaan yaa’ee tuma dabra yoo jallisanii itti fayyadamuu baatan, nuttti ummanni gara gorru wallaale gara itti bobbaanuus dhabnne,kanaaf gariin keenya,opdo,odf,iflo,onc,olf,etc,maaliif namnni dhiira hindhalin intalatapsiisaa jedhan,dhumarratiin wanniniin jechuu barbaadee isin hayyoonni akka taatan ta’aa furmaata askennaa,dafaa gara bilisummati nugeessaaaaaaaaaa,dhiifama garuuu obsa dhabuu kiyyaaf.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked

No comments:

Post a Comment