Sunday, June 29, 2014

Beekssisa Kora ABO Konyaa Sweden

Posted: Waxabajjii/June 29, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments
OLF_LogoIbsa2014
Kora Gadaa Miseensota ABO Konyaa Sweden
Waxabajjii 2014, Stookoolm, Sweden
Korri Gadaa miseensota ABO Konyaa Sweden kan bara kanaa haala gammachiisaafi abdii egeree gudunfateen xummurate. Miseensonni ABO konyaa Siwiidin irra jireessi bakka argamanitti ture korri kuni kan gaggeeffame.Akkuma waamichi godhamaa tureen yeroosaa eeggateet gaafa guyyaa sambata xinnaa 21/06/2014 galma walgahii magaalaa Stockholm jirutti erga miseensoonni irra guddeessi argamanii, dura taa’aan konyaa duraanii Jaal Galaanaa Yaadataa gaaddisa walitti qabame erga nagaa gaafatanii booda, sagantaan akka jalqabuuf maanguddoo eebbaa affeerudhaan sagantaa Kora konyaadhaa eebban baname. Eebbatti aansudhaan daqiiqaa lamaaf yaadannoo sammuyyaa gootota Oromoo wareegamaniif taasifameera.
Akka Sagantaa Koraatti namoonni lama miseensota keessaa akka waltajjii gaaddisa a qajeelchaniif filataman. Kallatiidhaan gara gabaasa Gadaa darbe dhiyeessutti seenname. Gabaasnis gadaa darbees kan dhiyaate dura taa’aa koonyaatin ture. Gadaan tokko waggaa lama kan qabuudha. Kunis bara 2012 hanga 2014 taha jechuudha Gabaasni kunis qabxiilee armaan gadii irratti kan dhiyaatedha. Ibsa qabiyyee koree hojii raawwachiiftuu ABO konyaa Sweden Koreen hojii raawwachiiftuu miseensota saddeet (8) akka qabaatuufi gahee isaan bahaa turan waliin ibsi baldhaan barreeffaman dhiyaatee ture. Gabaasni barruun dhiyaate kunis miseensota hundaaf raabsamee ture.
Hojiilee gurguddoo koreen hojii raawwachiiftuu kunneen gadaa darbe keessatti raawwachaa turaniifi bu’aawwan argamanillee Kora kanarrattii gaaddisaaf dhiyaatera. Bu’aawwan gurguddoo tahan keessaa kanneen ijoon gabaabinaan kan armaan gadii fakkaata. Karaa koree Beeksisaafi odeessitiin, ciminni karaa haala Oromoofi Orombiyyaa ittiin hubachiisan gama meeshaa sab-qunnamtii hawaasaatti fayyadamuudhaan hojiin sagantaan Raadiyoo hojjachaa ture akka gaarii tureefi saboonni biraallee caqasuu jalqabuu isaaniifi gara fuulduraaf sagantaa gameessafi gara marsaareetii adda addaarratti bahuu dandahullee gamanumaan akka irratti hojjatamuu qabus ibsameera. Kunis bu’aa gadaa kana keessatti galmaahedha.
Dameen diinagdee Konyaa Swedenis hanga dur akka hin geenye ibsamee, haa tahu malee haala waliigala kutaa Iskaandaniviyatiin yoo laallame baayyee gaariifi sadarkaa wayyaa jedhamurra jiraachuusaas ibsameera. Madda galii adda addaarraa, buusii miseensotaa dabalatee, Gadaa kana keessatti Dameen Diinagdee walitti qabe odiiterran erga tohatmee booda sirnaan gabaafamee jira.
Karaa Damee abbaa Jaarmiyaas, haala baayyee gaariifi abdii namaaf kennuun akka socho’amaa tureefi miseensota hedduus horachuun akka danda’ame ibsameera Walumaa galatti karaa Damee abba Jaarmiyaatin haala yeroofi dhimmoota dhaabaa akkasumas haala guddina ijaarsa dhaaba keenyaf jecha Konyaan Sweden torbee lama lamaafi baatiidhaanis wal argaa akka tureefi haalli deemsa waggoota lamaan darbanii gaariifi waan goomaa tahullee nuuf ibsameera. Damee Sab-qunnamtii (diplomacy) fi karaa damee hawaasaas hojiilen gaggaariin akka hojjatamaniifi gara fuuladuraattiisirratti hojjachuu akka barbaachisullee tuqameera. Keessumaa karaa Ijaarsa Hawaasatiin wantoonni baayyeen irratti hojjatamuu akka qabuufi hawaasa oromummaa irratti hundaayefi dantaa Oromoo tiksuu danda’u ijaaruun karoora gadaa dhufuu akka tahuu qabullee ibsiifi marii baldhaan godhameera. Dameen diploomaasii Konyaa Sweden saboota rakkoofi akeeka Oromoodhaa fudhataniifi deeggaran waliin hojjachaa akka tureefi qaamota dhimmi Oromoo hubachiifamuu qaban waliinis hojjachaa turuusaanis gabaasichi tuqeera.
Xummurri gabaasa Gadaa konyaa Sweden kunis, Gadaa darbe keessatti hojiiwwaan boonsaa hojjachaa turuyuu kana caalaa hojjachuunis akka dandahamu. Hanqinaafi dadhabina keenyarraa barree gara duraatti tarkaanfachuun akka dandahamus tuqameera. Walitti dhiyaachuufi walirraa baruudhaan muuxannoo waliif kennuun waan akkaan barbaachisaa tahuusaas hubachiiseera gabaasi dhiyaate kuni. Hawaasa magaalaa Stockholmirraa akkuma sagantaan qabameefitti marii hawaasaf dhiyaate irratti argamuudhan ibsaafi barreeffama Kaayyoofi akeeka ABO, Haala yeroo amma QB Oromoo itti jiruufi haala waliigala sochii biyya keessaa bifa gabaabaan erga dhiyaatefiin booda isaanis irratti gaaffilee gaaffatanii deebii quubsaafi yaada deeggarsa QBO qabanis ibsaniiru. Sagantaa gaafa 22/06/2014 ittifufeenimmoo koreewwan hojii raawwachiiftuu konyaa Gadaa 2014-2016 sagalee guutuudhaan raggaasifame. Haala Karooraafi itti baha hojii gadaa dhufuus koreeleen filatamanifii miseensoonni erga irratti walii galamee booda haala ayyaanqabeessa taheen Korri konyaa Sweden goolabame. Walumaa galatti korri kuni kora faroo qabuufi abdiifi seexaa gaariidhaan guuttamee sonaa irbuu egeree baatee saba Oromoo gabrummaa jalatti oggolaa jiruuf bakkaafi haala, akkasumas yeroo keessa jirrutti dirqama waloofi matayyaa akka bahuuf jirru walitti dhammatameet akkuma aadaa keenyatti eebba maanguddootiin goolabame.
Inijifannoon uummata Oromoof!
Waxabajjii 2014
Stockholm

No comments:

Post a Comment